< Yaaqoob 5 >

1 Isin yaa sooreyyii, sababii dhiphinni isinitti dhufuuf jiruutiif booʼaa; wawwaadhaas.
嗐!你們這些富足人哪,應當哭泣、號咷,因為將有苦難臨到你們身上。
2 Qabeenyi keessan tortoreera; biliinis uffata keessan nyaateera.
你們的財物壞了,衣服也被蟲子咬了。
3 Warqee fi meetiin keessan sameera. Dandaaʼuun isaaniis isinitti dhugaa baʼa; akkuma ibiddaattis foon keessan nyaata. Isin bara dhumaatiif qabeenya walitti qabattaniirtu.
你們的金銀都長了銹;那銹要證明你們的不是,又要吃你們的肉,如同火燒。你們在這末世只知積攢錢財。
4 Kunoo, mindaan isin warra midhaan keessan haaman dhowwattan sun ni iyya. Iyyi warra midhaan keessan walitti qabaniis gurra Gooftaa Waan Hunda Dandaʼu sanaa seeneera.
工人給你們收割莊稼,你們虧欠他們的工錢,這工錢有聲音呼叫,並且那收割之人的冤聲已經入了萬軍之主的耳了。
5 Isin qananii fi gammachuun lafa irra jiraattaniirtu. Guyyaa qalmaatiifis of gabbiftaniirtu.
你們在世上享美福,好宴樂,當宰殺的日子竟嬌養你們的心。
6 Nama qajeelaa isiniin hin morminetti murtanii ajjeeftu.
你們定了義人的罪,把他殺害,他也不抵擋你們。
7 Kanaafuu yaa obboloota, hamma dhufaatii Gooftaatti obsaa. Qonnaan bulaan tokko lafa irraa midhaan gaarii argachuuf hammam akka eeggatu, bokkaa duraatii fi kan dhumaa hamma argattuttis hammam akka obsu hubadhaa.
弟兄們哪,你們要忍耐,直到主來。看哪,農夫忍耐等候地裏寶貴的出產,直到得了秋雨春雨。
8 Isinis akkasuma obsaa; jabaadhaa dhaabadhaas; dhufaatiin Gooftaa dhiʼaateeraatii.
你們也當忍耐,堅固你們的心,因為主來的日子近了。
9 Yaa obboloota, akka isinitti hin muramneef walitti hin guunguminaa. Kunoo, Abbaan Murtii balbala dura dhaabateera.
弟兄們,你們不要彼此埋怨,免得受審判。看哪,審判的主站在門前了。
10 Yaa obboloota, raajota maqaa Gooftaatiin dubbachaa turan sana akka fakkeenya dhiphinaa fi obsaatti fudhadhaa.
弟兄們,你們要把那先前奉主名說話的眾先知當作能受苦能忍耐的榜樣。
11 Kunoo, nu warra obsaan jabaattanii dhaabatan sanaan eebbifamoo jenna; Iyyoob obsuu isaa dhageessaniirtu; waan Gooftaan dhuma irratti isaaf godhes argitaniirtu. Gooftaan gara laafinaa fi araaraan kan guutamee dha.
那先前忍耐的人,我們稱他們是有福的。你們聽見過約伯的忍耐,也知道主給他的結局,明顯主是滿心憐憫,大有慈悲。
12 Hundumaa caalaa immoo yaa obboloota ko, hin kakatinaa; samiin yookaan lafaan yookaan waan biraa tokkoon illee hin kakatinaa. Wanni isin jechuu qabdan, “Eeyyee” yookaan “waawuu” haa taʼu. Yoo kanaa achii isinitti murama.
我的弟兄們,最要緊的是不可起誓;不可指着天起誓,也不可指着地起誓,無論何誓都不可起。你們說話,是,就說是;不是,就說不是,免得你們落在審判之下。
13 Isin keessaa namni dhiphachaa jiru jiraa? Inni haa kadhatu. Namni gammadu jiraa? Inni faarfannaa galataa haa faarfatu.
你們中間有受苦的呢,他就該禱告;有喜樂的呢,他就該歌頌。
14 Isin keessaa namni dhukkubsatu jiraa? Inni jaarsolii waldaa kiristaanaa haa waamsifatu; isaanis maqaa Gooftaatiin zayitii isa dibanii haa kadhataniif.
你們中間有病了的呢,他就該請教會的長老來;他們可以奉主的名用油抹他,為他禱告。
15 Kadhannaan amantiin godhamu nama dhukkubsatu ni fayyisa; Gooftaanis isa ni kaasa. Yoo inni cubbuu hojjetee jiraates ni dhiifamaaf.
出於信心的祈禱要救那病人,主必叫他起來;他若犯了罪,也必蒙赦免。
16 Kanaafuu akka fayyitaniif cubbuu keessan walitti himadhaatii walii kadhadhaa. Kadhannaan nama qajeelaa humna qaba; waan guddaas ni hojjeta.
所以你們要彼此認罪,互相代求,使你們可以得醫治。義人祈禱所發的力量是大有功效的。
17 Eeliyaas namuma akka keenyaa ture. Innis akka bokkaan hin roobneef jabeessee kadhate; bokkaanis waggaa sadii fi jiʼa jaʼa lafa irratti hin roobne.
以利亞與我們是一樣性情的人,他懇切禱告,求不要下雨,雨就三年零六個月不下在地上。
18 Ammas deebiʼee kadhate; samiin bokkaa kenne; laftis midhaan baafte.
他又禱告,天就降下雨來,地也生出土產。
19 Yaa obboloota ko, isin keessaa namni tokko yoo dhugaa irraa fagaate, namni biraa immoo yoo isa deebise,
我的弟兄們,你們中間若有失迷真道的,有人使他回轉,
20 inni nama cubbamaa karaa jalʼaa irraa deebisu lubbuu namicha sanaa akka duʼa jalaa baasu, cubbuu baayʼees akka dhoksu haa beeku.
這人該知道:叫一個罪人從迷路上轉回便是救一個靈魂不死,並且遮蓋許多的罪。

< Yaaqoob 5 >