< Yaaqoob 4 >

1 Wanni lolaa fi walitti buʼuu isin gidduutti kaasu maali? Isaan hawwii isin keessatti wal lolan irraa dhufu mitii?
Whence come wars and fightings among you? Come they not hence? even of your carnal appetites making war in your bodies?
2 Isin ni hawwitu; garuu hin argattan. Kanaaf ni ajjeeftu; ni hinaaftus. Garuu waan barbaaddan sana argachuu hin dandeessan. Kanaafis walitti buutu; wal loltus. Isin waan Waaqa hin kadhanneef hin qabaattan.
Ye desire, and ye have not: ye are envious, and jealous, and cannot obtain: ye fight and contend; but ye have not, because ye ask not.
3 Isin dharraa keessan hamaa guutachuuf jettanii yaada hamaan waan kadhattaniif yommuu kadhattan hin argattan.
Ye ask and receive not, because ye ask wickedly; that ye may spend it in your pleasures.
4 Yaa ejjitoota, addunyaatti michoomuun Waaqatti diina taʼuu akka taʼe hin beektanii? Namni michuu addunyaa taʼu kam iyyuu diina Waaqaa taʼa.
Ye adulterers and adulteresses, know ye not that the friendship of the world is enmity to God? whosoever therefore will be a friend of the world becomes an enemy of God.
5 Yookaan wanni Katabbiin Qulqulluun, “Hafuurri nu keessa jiraatu sun hinaaffaadhaan hawwa” jedhu akkasumaan dubbatama seetuu ree?
Do ye think the scripture speaks in vain? or does the Spirit that dwelleth in us, excite to envy?
6 Inni garuu ayyaana caalu nuuf kenna. Sababiin Katabbiin Qulqulluun, “Waaqni of tuultotaan ni morma; warra gad of qabaniif immoo ayyaana kenna” jedhuufis kanuma.
No, He giveth more grace: wherefore it is said, God resisteth the proud, but sheweth favor to the humble.
7 Kanaafuu Waaqaaf bulaa. Diiyaabiloosiin immoo mormaa; innis isin baqataa.
Submit yourselves therefore to God: resist the devil, and he will flee from you.
8 Waaqatti dhiʼaadhaa; innis isinitti ni dhiʼaataa. Isin cubbamoonni harka keessan dhiqadhaa; warri yaada lama qabdanis garaa keessan qulqulleeffadhaa.
Draw near to God, and He will draw near to you: cleanse your hands, O sinners, and purify your hearts, ye double minded.
9 Dhiphadhaa; gaddaa; booʼaas. Kolfi keessan booʼichatti, gammachuun keessan immoo gaddatti haa geeddaramu.
Be grieved, and mourn, and weep: let your mirth be turned into mourning, and your joy to sadness.
10 Fuula Gooftaa duratti gad of qabaa; inni immoo ol isin qabaa.
Be humbled before the Lord, and He will exalt you.
11 Yaa obboloota, wal hin hammeessinaa. Namni obboleessa isaa hammeessu yookaan obboleessa isaatti muru kam iyyuu seera hammeessa; seerattis ni mura. Garuu ati yoo seeratti murte seera sanatti muraa jirta malee isaaf ajajamaa hin jirtu.
Speak not against one another, my brethren; he that speaketh against his brother, and judgeth his brother, speaketh against the law, and judgeth the law; but if thou judge the law, thou art not a doer of the law, but a judge.
12 Inni seera tumuu fi Abbaan Murtii tokkichuma; innis isa fayyisuu fi balleessuu dandaʼuu dha. Garuu nama kaanitti muruuf ati eenyu?
Now there is but one lawgiver, who is able to save and to destroy: who art thou then that judgest another?
13 Egaa isin warri, “Harʼa yookaan bor magaalaa kana yookaan magaalaa sana dhaqnee waggaa tokko achi turra; daldallees buʼaa arganna” jettan mee dhagaʼaa.
Come now, ye that say, To-day or to-morrow we will go to such a city, and spend a year there, and trade and get gain;
14 Isin waan bor taʼuuf jiru iyyuu hin beektan. Jireenyi keessan maal innii? Isin hurrii yeroo xinnoof mulʼattee ergasii immoo badduu dha.
(though ye know not what will be on the morrow; for what is your life? a vapor, which appeareth for a little while, and then vanisheth away: ) whereas ye ought to say,
15 Qooda kanaa isin, “Yoo Gooftaan jedhe, nu ni jiraanna; waan kana yookaan waan sana ni hojjenna” jechuu qabdu.
If the Lord will, and we should live, and do this or that:
16 Amma garuu isin of jajuu keessanitti gammaddu. Gammachuun akkasii hundi hamaa dha.
but ye glory in your presumption: all such glorying is wicked.
17 Egaa namni kam iyyuu waan gaarii hojjechuu qabu utuma beekuu yoo hojjechuu baate kun cubbuu isatti taʼa.
To him therefore that knoweth to do good, and doth it not, to him it is sin.

< Yaaqoob 4 >