< Yaaqoob 3 >

1 Yaa obboloota ko, baayʼeen keessan barsiistota hin taʼinaa; nu warra barsiisnutti murtii cimaan akka muramu ni beektuutii.
Neka vas, braćo moja, ne bude mnogo učitelja! Ta znate: bit ćemo strože suđeni.
2 Nu hundinuu karaa baayʼeedhaan gufanna. Namni waan dubbatu keessatti hin gufanne kam iyyuu nama hirʼina hin qabnee dha; dhagna isaas guutummaatti toʼachuu dandaʼa.
Doista, svi mnogo griješimo. Ako tko u govoru ne griješi, savršen je čovjek, vrstan zauzdati i cijelo tijelo.
3 Fardi akka nuuf ajajamuuf yoo afaan isaa luugamne dhagna isaa guutuu gara barbaanne geessuu dandeenya.
Ubacimo li uzde u usta konjima da ih sebi upokorimo, upravljamo i cijelim tijelom njihovim.
4 Mee doonii illee ilaalaa! Dooniin yoo akka malee guddaa taʼee bubbee jabaadhaan oofame illee namichi isa oofu batoo xinnoo isheetiin gara barbaadetti geessa.
Evo i lađa: tolike su i silni ih vjetrovi gone, a neznatno ih kormilo upravlja kamo kormilarova volja hoće.
5 Akkasuma immoo arrabni kutaa dhagnaa xinnoo dha; waan gurguddaadhaan of jaja. Bosonni hammam guddaa taʼu iyyuu qaanqee ibiddaa xinnaadhaan akka gubatu hubadhaa.
Tako i jezik: malen je ud, a velikim se može ponositi. Evo: kolicna vatra koliku šumu zapali!
6 Arrabni ibidda; kutaawwan dhagnaa keessattis addunyaa hamminaa ti. Inni dhagna guutuu xureessa; adeemsa uumamaattis ibidda qabsiisa; ofii isaatii immoo ibidda gahaannamiitiin gubama. (Geenna g1067)
I jezik je vatra, svijet nepravda jezik je među našim udovima, kalja cijelo tijelo te, zapaljen od pakla, zapaljuje kotač života. (Geenna g1067)
7 Bineensonni gosa hundaa, simbirroonni, uumamawwan lafa irra looʼanii fi galaana keessa jiraatan hundinuu namaan madaqfamu; madaqfamaniirus;
Doista, sav rod zvijeri i ptica, gmazova i morskih životinja dade se ukrotiti, i rod ih je ljudski ukrotio,
8 arraba garuu namni tokko iyyuu leenjisuu hin dandaʼu. Arrabni hamaa boqonnaa hin qabnee dha; summii nama ajjeesuunis kan guutamee dha.
a jezik - zlo nemirno, pun otrova smrtonosnog - nitko od ljudi ne može ukrotiti.
9 Nu arrabaan Gooftaa fi Abbaa eebbifna; isumaan immoo nama bifa Waaqaatiin uumame abaarra.
Njime blagoslivljamo Gospodina i Oca, njime i proklinjemo ljude na sliku Božju stvorene:
10 Afaanuma tokko keessaa eebbii fi abaarsi baʼa. Yaa obboloota ko, wanni kun akkas taʼuu hin qabu.
iz istih usta izlazi blagoslov i prokletstvo. Ne smije se, braćo moja, tako događati!
11 Bishaan miʼaawaa fi hadhaaʼaan burqaa tokko keessaa ni baʼaa?
Zar vrelo na isti otvor šiklja slatko i gorko?
12 Yaa obboloota ko, mukni harbuu ija ejersaa naqachuu yookaan wayiniin ija harbuu naqachuu dandaʼaa? Akkasuma immoo burqaan bishaan soogiddaa bishaan miʼaawaa kennuu hin dandaʼu.
Može li, braćo moja, smokva roditi maslinama ili trs smokvama? Ni slan izvor ne može dati slatke vode.
13 Isin keessaa ogeessii fi hubataan eenyu? Kanas inni jireenya isaa gaariidhaan, hojii ogummaa kan gad of qabuudhaan hojjetamuun haa argisiisu.
Je li tko mudar i razborit među vama? Neka dobrim življenjem pokaže svoja djela u mudroj blagosti.
14 Isin garuu yoo hinaaffaa hadhaaʼaa fi hawwii ofittummaa garaa keessan keessaa qabaattan of hin jajinaa; dhugaa irrattis soba hin dubbatinaa.
Ako u srcu imate gorku zavist i svadljivost, ne uznosite se i ne lažite protiv istine!
15 Ogummaan kun kan lafaa ti; kan foonii ti; kan hafuura hamaati malee kan samii irraa dhufu miti.
Nije to mudrost koja odozgor silazi, nego zemaljska, ljudska, đavolska.
16 Iddoo hinaaffaa fi hawwiin ofittummaa jiru, jeequmsaa fi hojii hamminaa hundumatu jira.
Ta gdje je zavist i svadljivost, ondje je nered i svako zlo djelo.
17 Ogummaan samii irraa dhufu garuu duraan dursee qulqulluu dha; akkasumas nagaa qabeessa; garraamii dha; ajajamaa dha; kan araaraa fi ija gaariin guutamee dha; wal caalchisuu fi itti fakkeessuus of keessaa hin qabu.
A mudrost odozgor ponajprije čista je, zatim mirotvorna, milostiva, poučljiva, puna milosrđa i dobrih plodova, postojana, nehinjena.
18 Iji qajeelummaa warra nagaa buusaniin nagaadhaan facaafama.
Plod se pak pravednosti u miru sije onima koji tvore mir.

< Yaaqoob 3 >