< Isaayyaas 1 >
1 Mulʼata Isaayyaas ilmi Amoos bara bulchiinsa Uziyaan, bara Yootaam, bara Aahaazii fi bara Hisqiyaas keessa waaʼee Yihuudaatii fi Yerusaalem arge.
Wahayi game da Yahuda da Urushalima wanda Ishaya ɗan Amoz ya gani a zamanin da Uzziya, Yotam, Ahaz da Hezekiya, suka yi mulkin Yahuda.
2 Yaa Samiiwwan dhagaʼaa! Yaa lafa dhaggeeffadhu! Waaqayyo akkana jedhee dubbateeraatii: “Ani ijoollee horadheen guddifadhe; isaan garuu natti fincilaniiru.
Ku kasa kunne, ya sammai! Ki saurara, ya duniya! Gama Ubangiji ya yi magana, “Na yi renon’ya’ya, na kuma raya su, amma sun tayar mini.
3 Qotiyyoon gooftaa isaa, harreenis gola gooftaa isaa ni beeka; Israaʼel garuu hin beeku; sabni koo hin hubatu.”
Saniya ta san maigidanta, jaki ya san wurin sa wa dabbobi abinci maigidansa, amma Isra’ila ba su sani, mutanena ba su gane ba.”
4 Yaa saba cubbamaa, uummata balleessaan itti baayʼate, ilmaan warra waan hamaa hojjetuu, ijoollee xuraaʼummaadhaan guutamte isiniif wayyoo! Isaan Waaqayyoon dhiisaniiru; Qulqullicha Israaʼel sana tuffatanii dugda isaanii itti garagalfataniiru.
Kash, ya ke al’umma mai zunubi, mutane cike da laifi, tarin masu aikata mugunta,’ya’yan da aka miƙa wa lalaci! Sun yashe Ubangiji; sun rena Mai Tsarkin nan na Isra’ila suka juya masa baya.
5 Isin siʼachi maaliif rukutamtu? Maaliif fincila keessa jiraatu? Mataan keessan guutuun miidhameera; garaan keessan guutuunis dadhabeera.
Me ya sa za a ƙara yin muku dūka? Me ya sa kuka nace ga yin tayarwa? An yi wa dukan kanku rauni, zuciyarku duk tana ciwo.
6 Faana miilla keessaniitii hamma gubbee mataa keessaniitti, fayyaa hin qabdan; madaa fi dirmammuun, madaan dhiigu, kan hin qulqulloofne yookaan hin maramne yookaan zayitiidhaan hin laafne.
Daga tafin ƙafarku zuwa saman kanku ba lafiya, sai miyaku da ƙujewa da manyan gyambuna, ba a tsabtacce su ba ko a daure ko shafa musu magani.
7 Biyyi keessan duwwaa hafteerti; magaalaawwan keessan ibiddaan gubamaniiru; alagoonni fuuluma keessan duratti lafa qotiisaa keessan saamu; akkuma waan ormi ishee saameettis onti.
Ƙasarku ta zama kufai, an ƙone biranenku da wuta; baƙi suna ƙwace gonakinku a idanunku, ta zama kango kamar sa’ad da baƙi suka rushe ta.
8 Intalli Xiyoon akkuma daʼannoo iddoo dhaabaa wayinii keessaatti, akkuma daasii lafa qotiisa buqqee keessaatti, akkuma magaalaa marfame tokkootti dhiifamti.
An bar diyar Sihiyona kamar rumfar mai ƙumu a gonar inabi, kamar bukka a gonar kabewa, kamar birnin da aka kewaye da yaƙi.
9 Utuu Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu hambaa muraasa nuuf hambisuu baatee, nu silaa akkuma Sodoom taanee, Gomoraas fakkaanna turre.
Da ba a ce Ubangiji Maɗaukaki ya bar mana raguwar masu rai ba, da mun zama kamar Sodom, da mun zama kamar Gomorra.
10 Yaa bulchitoota Sodoom dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa; yaa saba Gomoraa, Seera Waaqa keenyaa dhaggeeffadhaa!
Ku saurari maganar Ubangiji, ku masu mulkin Sodom; ku kasa kunne ga dokar Allahnmu, ku mutanen Gomorra!
11 Waaqayyo akkana jedha; “Baayʼinni aarsaa keessanii anaaf maali?” Ani aarsaa gubamu kan korbeeyyii hoolaatii fi horii gabbifamanii baayʼeen qaba; ani dhiiga korommii looniitti, kan xobbaallaawwan hoolaattii fi reʼeetti hin gammadu.
Ubangiji ya ce, “Yawan hadayunku, mene ne suke a gare ni?” Ina da isashen hadayun ƙonawa, na raguna da na kitsen dabbobi masu ƙiba; ba na jin daɗin jinin bijimai da na tumaki da kuma na awaki.
12 Isin yommuu fuula koo duratti mulʼachuuf dhuftan, akka oobdii koo dhidhiittan eenyutu isin irraa barbaade?
Sa’ad da kuka zo don ku bayyana a gabana, wa ya nemi wannan daga gare ku, da kuke kai da kawowa a filayen gidana?
13 Kennaa faayidaa hin qabne fiduu dhiisaa! Ixaanni keessan na jibbisiisa. Ayyaana Baatii, Sanbataa fi yaaʼii keessan jechuunis wal gaʼii keessan hamaa sana ani hin fedhu.
Ku daina kawo hadayu marasa amfani! Turarenku abin ƙyama ne gare ni. Ina ƙin bukukkuwanku na Sabon Wata, da na ranakun Asabbaci, da taronku na addini, ba zan iya jure wa mugun taronku ba.
14 Ayyaana Baatii keessanii fi ayyaanota keessan bebbeekamoo lubbuun koo ni jibbiti. Isaan baʼaa natti taʼaniiru; anis obsuu dadhabeera.
Bukukkuwanku na Sabon Wata da na tsarkakan ranaku na ƙi su. Sun zama mini kaya; na gaji da ɗaukansu.
15 Yeroo isin kadhannaaf harka keessan balʼifattan, ani ija koo isinan dhokfadha; yoo isin kadhaa baayʼee kadhattan illee ani hin dhaggeeffadhu. Harki keessan dhiigaan guutameera!
Sa’ad da kuka ɗaga hannuwanku wajen yin addu’a, zan ɓoye fuskata daga gare ku; ko da kun miƙa addu’o’i masu yawa, ba zan kasa kunne ba. Hannuwanku sun cika da jini!
16 Dhiqadhaatii of qulqulleessaa. Hojii keessan hamaa sana fuula koo duraa balleessaa! Yakka hojjechuus dhiisaa;
Ku yi wanka ku kuma tsabtacce kanku. Ku kawar da mugayen ayyukanku daga gabana; Ku daina aikata mugunta.
17 waan qajeelaa hojjechuu baradhaa! Murtii qajeelaa barbaadaa; warra hacuucame jajjabeessaa. Ijoollee abbaa hin qabneef falmaa; haadha hiyyeessaatiif dhaabadhaa.
Ku koyi yin nagarta; ku nemi adalci. Ku ƙarfafa waɗanda aka zalunta. Ku ba wa marayu hakkinsu, ku taimaki gwauruwa.
18 Waaqayyo akkana jedha; “Kottaa wal qorraa; cubbuun keessan yoo akka bildiimaa taʼe iyyuu, inni addaatee akka cabbii ni taʼa; yoo akka alalaa diimate iyyuu, akka suufii ni addaata.
Ubangiji ya ce, “Yanzu fa ku zo, bari mu dubi batun nan tare, Ko da zunubanku sun yi ja kamar garura, za su zama fari kamar ƙanƙara; ko da sun yi ja kamar mulufi, za su zama kamar ulu.
19 Isin yoo fedhii qabaattanii ajajamtan, waan lafti baaftu filatamaa ni nyaattu;
In kuna da niyya kuna kuma yi mini biyayya, za ku ci abubuwa masu kyau daga ƙasar;
20 garuu yoo diddanii finciltan goraadeetu isin nyaata.” Afaan Waaqayyoo waan kana dubbateeraatii.
amma in kuka yi tsayayya kuka kuma yi tayarwa, za a kashe ku da takobi.” Ni Ubangiji na faɗa.
21 Akka magaalaan amanamtuun sun sagaagaltuu taate ilaalaa! Isheen dur murtii qajeelaadhaan guutamtee qajeelummaan ishee keessa jiraata ture; amma immoo namoota nama ajjeesantu ishee keessa jiraata!
Dubi yadda amintacciyar birni ta zama karuwa! Dā ta cika da yin gaskiya; dā masu adalci a can suke zama, amma yanzu sai masu kisankai kaɗai!
22 Meetiin kee ligidaaʼeera; daadhiin wayinii kee filatamaan bishaaniin makameera.
Azurfarki ta zama jebu, an gauraye ruwan inabinki mafi kyau da ruwa.
23 Bulchitoonni kee finciltoota; michuu hattuuwwanii ti; isaan hundinuu mattaʼaa jaallatu; kennaas akka malee barbaadu. Isaan ijoollee abbaa hin qabneef hin falman; himata haadha hiyyeessaa hin dhaggeeffatan.
Masu mulkinki’yan tawaye ne, abokan ɓarayi; dukansu suna ƙaunar cin hanci suna bin kyautai. Ba sa taɓa tsare marayu a ɗakin shari’a; ba sa taimakon gwauruwa.
24 Kanaafuu Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu, Jabaan Israaʼel sun akkana jedha: “Ani amajaajota koo irraa boqonnaa nan argadha; diinota koos haaloo nan baafadha.
Saboda haka Ubangiji, Ubangiji Maɗaukaki, Mai Iko nan na Isra’ila, ya furta, “Kai, zan sami hutu daga maƙiyana in kuma yi ramuwa a kan abokan gābana.
25 Ani harka koo sitti nan deebisa; ligidaaʼummaa kees akka malutti sirraa nan haqa; xurii kee hundas sirraa nan balleessa.
Zan juye hannuna a kanki; zan wanke ke sarai in fitar da dukan ƙazantarki.
26 Ani akkuma bara durii abbootii murtii iddootti, akkuma jalqabaatti gorsitoota kee illee siifin deebisa. Ergasii ati magaalaa qajeelummaa, magaalaa amanamtuu jedhamtee ni waamamta.”
Zan maido da alƙalanki kamar yadda suke a dā can, mashawartanki kamar yadda suke da fari. Bayan haka za a ce da ke Birnin Masu Adalci, Amintacciyar Birni.”
27 Xiyoon murtii qajeelaadhaan, qalbii jijjiirrattoonni ishee immoo qajeelummaadhaan furamu.
Za a fanshi Sihiyona da adalci, masu tubanta kuma da aikin gaskiya.
28 Finciltoonnii fi cubbamoonni garuu ni caccabu; warri Waaqayyoon dhiisanis ni badu.
Amma za a karye’yan tawaye da masu zunubi, waɗanda suka rabu da Ubangiji kuma za su hallaka.
29 “Isin sababii muka qilxuu itti gammaddan sanaatiif ni qaanoftu; sababii iddoo biqiltuu filattan sanaatiif immoo ni salphattu.
“Za ku ji kunya saboda masujadan ƙarƙashin itatuwan oak da kuka yi farin ciki; za a kunyata ku saboda lambun da kuka zaɓa.
30 Isin akka qilxuu baalli irraa harcaʼee, akka iddoo biqiltuu bishaan hin qabnee ni taatu.
Za ku zama kamar itacen oak mai busasshen ganyaye, kamar lambu marar ruwa.
31 Namni jabaan akkuma huubaa, hojiin isaas akkuma qaanqee taʼa; isaan lachuu walumaan gubatu; namni ibidda sana dhaamsus hin jiru.”
Mutum mai ƙarfi zai zama kamar rama, aikinsa kuma kamar tartsatsin wuta; duka za su ƙone tare, ba kuwa wanda zai kashe wutar.”