< Isaayyaas 9 >

1 Warri rakkina guddaa keessa turan garuu siʼachi gadda keessa hin jiraatan. Inni duraan biyya Zebuuloonii fi biyya Niftaalem gad deebise; gara fuulduraatti garuu Galiilaa Namoota Ormaa kan Yordaanosiin gama, qarqara Daandii Galaanaa irra jiran sana ni kabaja.
Viza itaondolewa kwa yeyote ambaye yuko kwenye dhiki. Katika kipindi cha awali aliifedhehesha nchi ya Zebuluni na nchi ya Naftali, lakini kipindi cha baadae ataifanya itukuke, njia ya kuelekea baharini, mbele ya Yordani na mataifa ya Galilaya.
2 Sabni dukkana keessa jiraatu ifa guddaa argeera; warra biyya dukkana limixii keessa jiraataniifis ifni baʼeera.
Watu wanotembeakatika giza wameona wameona mwanga mkubwa; wale waishio katika nchi ya uvuli wa mauti, mwanga umewaka juu yao.
3 Ati saba baayʼiftee gammachuu isaanii illee guddifteerta; isaan akkuma uummanni yeroo midhaan haamamutti gammadu sana, akkuma namoonni yeroo boojuu qooddatanitti gammadan sana fuula kee duratti ni ililchu.
Umeliongeza taifa; umeongeza furaha yao. Wamefurahia mbele yako kama furaha ya kipindi cha mavuno, kama watu wanavyofurahi kugawanya nyara.
4 Ati akkuma bara Midiyaanin moʼatame sanaa, waanjoo isaanitti ulfaate somaa gatiittii isaanii irraa ulee cunqursaa isaanii illee caccabsiteerta.
Maana nira ya mzigo wake, boriti katika mabega yake, fimbo ya mkandamizaji, umesambaratisha ndoto kama siku ya Midiamu.
5 Kopheen loltuun ittiin duulte hundi, uffanni dhiiga keessa cuuphame hundi ibiddaan gubama; qoraan ibiddaas taʼa.
Kila buti likanyagalo gasia na vazi limekwisha kwenye damu itachomwa, mafuta kwa moto.
6 Mucaan nuuf dhalateera; ilmi nuuf kennameera; mootummaan gatiittii isaa irra jiraata. Innis Gorsaa Dinqisiisaa, Waaqa Jabaa, Abbaa Bara baraa, Mootii Nagaa jedhamee ni waamama.
Kwetu mtoto amezaliwa, kwetu mtoto ametoka; na mtawala atakuwa kwenye mabega yake; na jina lake ataitwa mshauri wa ajabu, Mungu mwenye nguvu, Baba wa milele, Mfalme wa Amani.
7 Babalʼinni mootummaa isaatii fi nagaan isaa dhuma hin qabu. Innis murtii qajeelaa fi qajeelummaadhaan hundeessee jabeessee dhaabuudhaan yeroo sanaa jalqabee bara baraan teessoo Daawit irra taaʼee mootummaa isaa bulcha. Hinaaffaan Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuus waan kana ni raawwata.
Enzi yake na amani yake haitakuwa na mwisho, maana anatawala katika kiti cha enzi cha Daudi, na juu ya ufalme wake, ataanzisha hukumu ya haki, tangu sasa na hata milele. Bidii ya Yahwenwa majeshi itafanya haya.
8 Gooftaan dhaamsa tokko Yaaqoobitti ergeera; kunis Israaʼel irra buʼa.
Bwana alituma neno juu ya Yakobo, na ikaanguka juu ya Israeli,
9 Uummanni hundi, Efreemii fi jiraattonni Samaariyaa waan kana ni beeku; isaanis of tuuluu fi garaa of jajuun akkana jedhu;
Watu wote watajua, Hata Samaria na wakazi wote wa Samaria, wanaongea kwa kiburi na moyo wenye kiburi,
10 “Xuubiiwwan diigamaniiru; nu garuu dhagaa soofameen deebisnee ijaarra; mukkeen harbuu murmuramaniiru; nu garuu birbirsa iddoo buusna.”
Matofali yameanguka, lakini tutajenga tena kwa jiwe la patasi; mkuyu umekatwa chini, lakini tutaotesha mierezi katika eneo lao.
11 Kanaafuu Waaqayyo amajaajota Reziin isaanitti jabeesse; diinota isaanii illee isaanitti kakaase.
Hivyo basi Yahwe atamwinua juu yao Rezini, adui zake, atawakoroga adui zake,
12 Warri Sooriyaa gama baʼaatiin, Filisxeemonni immoo gama lixaatiin afaan banatanii Israaʼelin liqimsan. Kana hundaan illee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne; harki isaas amma iyyuu akkuma ol kaafametti jira.
Waaramea upande wa mashariki, na wafilisti upande wa magharibi. Nao watamla Israeli kwa mdomo uliowazi. katika mambo yote haya hasira yake haijapungua; badala yake ameunyosha mkono wake nje.
13 Sabni sun garuu gara isa isaan dhaʼe sanaatti hin deebine yookaan Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu hin barbaaddanne.
Lakini hawatageuka kwa yule anayewapiga wao, wala kumtafuta Yahwe wa majeshi.
14 Kanaafuu Waaqayyo Israaʼel irraa mataa fi eegee kuta; damee meexxiitii fi shambaqqoo guyyuma tokkoon balleessa;
Hivyo basi yao atakata kichwa nakiwiwili cha Israeli, kuti na nyasi, katika siku moja.
15 maanguddoonnii fi kabajamoonni mataa dha; raajonni soba barsiisan immoo eegee dha.
Viongozi na watu wenye vyeo na manabii wanaofundisha kuwa uongo ni mkia.
16 Namoonni saba kana qajeelchan isaan dogoggorsu; warri isaaniin qajeelfamanis karaa irraa badu.
Wale wanaowaongoza watu hawa wanawaongoza vibaya, na wale wanaongozwa wameangamia.
17 Kanaafuu Gooftaan dargaggootatti hin gammadu yookaan ijoollee abbaa hin qabnee fi haadhota hiyyeessaatiif hin naʼu; namni hundinuu kan Waaqa hin sodaannee fi hamaadhaatii; afaan hundinuus hamaa dubbata. Kana hundaan illee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne; harki isaas amma iyyuu akkuma ol kaafametti jira.
Hivyo basi Bwana atafurahia juu ya vijana wadogo wala hatakuwa na huruma kwa yatima na wajane, maana kila mmoja hana Mungu na ni watenda dhambi, na kila mdomo unazungumza matendo mabaya. Mambo yote haya, hasira yake haijapungua; badala yake mkono wake umenyooka hata sasa.
18 Hamminni dhugumaan akka ibiddaa bobaʼa; inni sokorruu fi qoraattii illee gubee balleessa, bosona gobbuus ni qabata; akkuma aara ol baʼuuttis ol baʼa.
Matendo mabaya yataungua kama moto, moto hulao mbigili na miiba; itachoma hata vichaka vya mwitu, na safu ya moshi mkubwa upaa.
19 Dheekkamsa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuutiin lafti ni gubatti; namoonnis qoraan ibiddaa taʼu; namni kam iyyuu obboleessa isaa oolchuu hin dandaʼu.
Japo hasira ya Yahwe wa majeshi imeunguza, na watu ni kama mafuta kwenye moto. Hakuna mtu aliyemuacha ndugu yake.
20 Karaa mirgaatiin ni butatu; garuu beela hin baʼan; karaa bitaatiin ni nyaatu; garuu hin quufan. Tokkoon tokkoon isaanii foon aantee isaa nyaata;
Watanyakuwa chakula katika mkono kulia lakini bado watasikia njaa; watakula chakula kwa mkono wa kushoto lakini hawataridhika. Kila mmoja atakula nyama ya mkono wake mwenyewe.
21 Minaaseen Efreemin nyaata; Efreemis Minaasee nyaata; isaan tokkummaadhaan Yihuudaatti garagalu. Kana hundaan illee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne; harki isaas amma iyyuu akkuma ol kaafametti jira.
Manase; kwa pamoja watavamia Yuda. Mambo yote haya, hasira yake haitapungua; badala yake, amenyoosha mkono wake hata sasa.

< Isaayyaas 9 >