< Isaayyaas 9 >

1 Warri rakkina guddaa keessa turan garuu siʼachi gadda keessa hin jiraatan. Inni duraan biyya Zebuuloonii fi biyya Niftaalem gad deebise; gara fuulduraatti garuu Galiilaa Namoota Ormaa kan Yordaanosiin gama, qarqara Daandii Galaanaa irra jiran sana ni kabaja.
Primo tempore alleviata est terra Zabulon et terra Nephthali: et novissimo aggravata est via maris trans Jordanem Galilææ gentium.
2 Sabni dukkana keessa jiraatu ifa guddaa argeera; warra biyya dukkana limixii keessa jiraataniifis ifni baʼeera.
Populus qui ambulabat in tenebris, vidit lucem magnam; habitantibus in regione umbræ mortis, lux orta est eis.
3 Ati saba baayʼiftee gammachuu isaanii illee guddifteerta; isaan akkuma uummanni yeroo midhaan haamamutti gammadu sana, akkuma namoonni yeroo boojuu qooddatanitti gammadan sana fuula kee duratti ni ililchu.
Multiplicasti gentem, et non magnificasti lætitiam. Lætabuntur coram te, sicut qui lætantur in messe; sicut exsultant victores capta præda, quando dividunt spolia.
4 Ati akkuma bara Midiyaanin moʼatame sanaa, waanjoo isaanitti ulfaate somaa gatiittii isaanii irraa ulee cunqursaa isaanii illee caccabsiteerta.
Jugum enim oneris ejus, et virgam humeri ejus, et sceptrum exactoris ejus superasti, sicut in die Madian.
5 Kopheen loltuun ittiin duulte hundi, uffanni dhiiga keessa cuuphame hundi ibiddaan gubama; qoraan ibiddaas taʼa.
Quia omnis violentia prædatio cum tumultu, et vestimentum mistum sanguine, erit in combustionem, et cibus ignis.
6 Mucaan nuuf dhalateera; ilmi nuuf kennameera; mootummaan gatiittii isaa irra jiraata. Innis Gorsaa Dinqisiisaa, Waaqa Jabaa, Abbaa Bara baraa, Mootii Nagaa jedhamee ni waamama.
Parvulus enim natus est nobis, et filius datus est nobis, et factus est principatus super humerum ejus: et vocabitur nomen ejus, Admirabilis, Consiliarius, Deus, Fortis, Pater futuri sæculi, Princeps pacis.
7 Babalʼinni mootummaa isaatii fi nagaan isaa dhuma hin qabu. Innis murtii qajeelaa fi qajeelummaadhaan hundeessee jabeessee dhaabuudhaan yeroo sanaa jalqabee bara baraan teessoo Daawit irra taaʼee mootummaa isaa bulcha. Hinaaffaan Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuus waan kana ni raawwata.
Multiplicabitur ejus imperium, et pacis non erit finis; super solium David, et super regnum ejus sedebit, ut confirmet illud et corroboret in judicio et justitia, amodo et usque in sempiternum: zelus Domini exercituum faciet hoc.
8 Gooftaan dhaamsa tokko Yaaqoobitti ergeera; kunis Israaʼel irra buʼa.
Verbum misit Dominus in Jacob, et cecidit in Israël.
9 Uummanni hundi, Efreemii fi jiraattonni Samaariyaa waan kana ni beeku; isaanis of tuuluu fi garaa of jajuun akkana jedhu;
Et sciet omnis populus Ephraim, et habitantes Samariam, in superbia et magnitudine cordis dicentes:
10 “Xuubiiwwan diigamaniiru; nu garuu dhagaa soofameen deebisnee ijaarra; mukkeen harbuu murmuramaniiru; nu garuu birbirsa iddoo buusna.”
Lateres ceciderunt, sed quadris lapidibus ædificabimus; sycomoros succiderunt, sed cedros immutabimus.
11 Kanaafuu Waaqayyo amajaajota Reziin isaanitti jabeesse; diinota isaanii illee isaanitti kakaase.
Et elevabit Dominus hostes Rasin super eum, et inimicos ejus in tumultum vertet.
12 Warri Sooriyaa gama baʼaatiin, Filisxeemonni immoo gama lixaatiin afaan banatanii Israaʼelin liqimsan. Kana hundaan illee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne; harki isaas amma iyyuu akkuma ol kaafametti jira.
Syriam ab oriente, et Philisthiim ab occidente; et devorabunt Israël toto ore. In omnibus his non est aversus furor ejus, sed adhuc manus ejus extenta.
13 Sabni sun garuu gara isa isaan dhaʼe sanaatti hin deebine yookaan Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu hin barbaaddanne.
Et populus non est reversus ad percutientem se, et Dominum exercituum non inquisierunt.
14 Kanaafuu Waaqayyo Israaʼel irraa mataa fi eegee kuta; damee meexxiitii fi shambaqqoo guyyuma tokkoon balleessa;
Et disperdet Dominus ab Israël caput et caudam, incurvantem et refrenantem, die una.
15 maanguddoonnii fi kabajamoonni mataa dha; raajonni soba barsiisan immoo eegee dha.
Longævus et honorabilis, ipse est caput; et propheta docens mendacium, ipse est cauda.
16 Namoonni saba kana qajeelchan isaan dogoggorsu; warri isaaniin qajeelfamanis karaa irraa badu.
Et erunt qui beatificant populum istum, seducentes; et qui beatificantur, præcipitati.
17 Kanaafuu Gooftaan dargaggootatti hin gammadu yookaan ijoollee abbaa hin qabnee fi haadhota hiyyeessaatiif hin naʼu; namni hundinuu kan Waaqa hin sodaannee fi hamaadhaatii; afaan hundinuus hamaa dubbata. Kana hundaan illee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne; harki isaas amma iyyuu akkuma ol kaafametti jira.
Propter hoc super adolescentulis ejus non lætabitur Dominus, et pupillorum ejus et viduarum non miserebitur: quia omnis hypocrita est et nequam, et universum os locutum est stultitiam; in omnibus his non est aversus furor ejus, sed adhuc manus ejus extenta.
18 Hamminni dhugumaan akka ibiddaa bobaʼa; inni sokorruu fi qoraattii illee gubee balleessa, bosona gobbuus ni qabata; akkuma aara ol baʼuuttis ol baʼa.
Succensa est enim quasi ignis impietas: veprem et spinam vorabit, et succendetur in densitate saltus, et convolvetur superbia fumi.
19 Dheekkamsa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuutiin lafti ni gubatti; namoonnis qoraan ibiddaa taʼu; namni kam iyyuu obboleessa isaa oolchuu hin dandaʼu.
In ira Domini exercituum conturbata est terra, et erit populus quasi esca ignis; vir fratri suo non parcet.
20 Karaa mirgaatiin ni butatu; garuu beela hin baʼan; karaa bitaatiin ni nyaatu; garuu hin quufan. Tokkoon tokkoon isaanii foon aantee isaa nyaata;
Et declinabit ad dexteram, et esuriet; et comedet ad sinistram, et non saturabitur; unusquisque carnem brachii sui vorabit: Manasses Ephraim, et Ephraim Manassen; simul ipsi contra Judam.
21 Minaaseen Efreemin nyaata; Efreemis Minaasee nyaata; isaan tokkummaadhaan Yihuudaatti garagalu. Kana hundaan illee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne; harki isaas amma iyyuu akkuma ol kaafametti jira.
In omnibus his non est aversus furor ejus, sed adhuc manus ejus extenta.

< Isaayyaas 9 >