< Isaayyaas 8 >

1 Waaqayyo akkana naan jedhe; “Gabatee guddaa tokko fuudhiitii isa irratti, ‘Maheer-Shaalaal-Haash-Baaz’ jedhii qubee beekamaadhaan barreessi.”
Yahwe ameniambia mimi, '' chukua meza kubwa na uandike juu yake, 'Maheri Shalal Hash Baz.'
2 Anis akka isaan dhuga baatota amanamoo taʼaniif Uuriyaa lubichaa fi Zakkaariyaas ilma Yeberekiyaa nan waammadha.
Nitachagua mashahidi waaminifu wanishuhudie mimi, kuhani Uria, Zakaria mototo wa Yeberekia.''
3 Anis raajittii bira nan gaʼe; isheenis ulfooftee ilma deesse. Waaqayyo akkana naan jedhe; “Maqaa isaa Maheer-Shaalaal-Haash-Baaz jedhii moggaasi.
Nilienda kwa huyo nabii mwanamke alipata mimba na kumzaa mtoto. Halafu Yahwe akaniambia, ''Muite jina lake Shalal Hash Baz;
4 Utuu mucaan kun ‘Aabboo’ yookaan ‘Aayyoo’ jechuu hin beekin dura qabeenyi Damaasqootii fi boojuun Samaariyaa mootii Asooriin fudhatama.”
Maana kabla mtoto ajajua kulia, 'Baba yangu, 'Mama yangu; utajiri wa Damaskasi, na mateka wa Samaria watachuliwa na mfalme wa Asiria.
5 Waaqayyo ammas akkana jedhee natti dubbate:
Yahwe aliongea na mimi tena,
6 “Sabni kun bishaan Shilooʼaa kan suuta yaaʼu sana dhiisee Reziinii fi ilma Remaaliyaatti gammadeeraatii;
Kwa sababu watu hawa wameyakataa maji ya Shiloa na ni furaha kwa Rezeni na mtoto wa Remalia,
7 kanaafuu Gooftaan, lolaa guddaa kan laga Efraaxiis jechuunis mootii Asoor ulfina isaa hunda wajjin saba kanatti fida. Lolaan sunis guutee boʼoo isaa irra yaaʼee ededa isaa hunda irra dhangalaʼa.
Hivyo basi Bwana anakairbia kuwaletea maji maji ya mto, yenye nguvu na mengi, mfalme Asiria na utukufu wake utakuja juu na kupita juu ya mifereji yake atafurika juu ya kingo zote.
8 Lolaan sunis hamma morma gaʼutti guutee irra dhangalaʼee keessa darbuudhaan waan hundumaa haxaaʼee Yihuudaatti geessa. Yaa Amaanuʼel! Qoochoon isaa balʼifamee guutummaa biyya keetii ni haguuga.”
Mto utafurika kuelekea Yuda, utafurika mpaka kufika kwenye shingo yako. Mabawa yake yaliyonyooshwa utajaza upana wa nchi, Emanueli.''
9 Yaa saboota, burkutaaʼaa! Isin warri biyya fagoo jirtan hundi dhaggeeffadhaa. Waraanaaf hidhadhaa; taʼus burkutaaʼaa! Waraanaaf hidhadhaa; taʼus burkutaaʼaa!
Nyie watu mtavunjika vipande vipande, Sikilizeni, nyote muishio nchi zilizo mbali; jiandaeni wenyewe na mtavunyika vipande vipande.
10 Mariʼadhaa; garuu faayidaa hin qabu; karoorfadhaa; garuu fiixaan hin baʼu; Waaqni nu wajjin jiraatii.
utatengeneza mpango, lakini haufanyiwa kazi; maana Mungu yuko pamoja nasi.
11 Waaqayyo harka isaa jabaa sanaan natti dubbatee akka ani karaa saba kanaa irra hin deemneef akkana jedhee na akeekkachiiseeraatii:
Yahwe ameiniambia mimi, kwa mkono wake imara juu yangu, na amenikataza nisitembee katika njia za watu hawa. Nisiseme,
12 “Isin waan uummanni kun fincila jedhu hundaan fincila hin jedhinaa; waan isaan sodaatan hin sodaatinaa; hin raafaminaa.
Ni fitina habari ya mambo ambayo watu hawatasema, ni fitina msihofu wala msiogope.
13 Kan isin akka qulqulluutti ilaaluu qabdan Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu tokkicha; kan isin sodaachuu qabdan isuma; kan isin hollachuufii qabdanis isuma.
Yahwe wa majeshi ambaye mtakaye muheshimu kama mtakatifu; yeye ndie mtakayemuogopa na yeye ndiye mtakayemuhofia.
14 Inni iddoo qulqulluu taʼa; manneen Israaʼel lamaaniif garuu inni dhagaa nama gufachiisu, kattaa nama kuffisu taʼa. Saba Yerusaalemitti garuu inni kiyyoo fi futtaasaa taʼa.
mtakatifu; lakinia takuwa kama jiwe la kikwazo na mwamba wa kujikwaza kwa nyumba zote za Israeli. Na atakuwa mtego na mtego kwa watu wake Yerusalemu.
15 Hedduun isaanii ni gufatu; isaan kufanii caccabu; futtaasaa seenanii qabamu.”
Wengi watajikwaa juu yao na kuanguka na kuvunjika, na kutekwa na kukamata mateka.
16 Dhuga baʼumsa kana walitti qabsiisi; seera kanas barattoota koo gidduutti chaappaadhaan cufi.
Ufunge huo ushuhuda, tia muhuri, na uwape wafuasi wangu,
17 Waaqayyo mana Yaaqoob duraa fuula isaa dhokfate sana nan eeggadha. Ani isa nan amanadha.
Nitamsubiri Yahwe, afichaye uso wake kutoka nyumba ya Yakobo; Nitamsubiri yeye.
18 Anii fi ijoolleen Waaqayyo naa kenne kunoo ti. Nu Israaʼel keessatti Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu kan Tulluu Xiyoon irra jiraatu sanaaf mallattoo fi fakkeenya.
Ona, Mimi na watoto ambaye Yahwe amenipa mimi ni ishara na maajabu tu katika Israeli kutoka kwa Yahwe wa Majeshi yeye aishiye mlima wa Sayuni.
19 Yommuu namni tokko dhaqaatii ilaaltootaa fi eker dubbistoota kanneen hasaasanii fi guunguman waa gaafadhaa isiniin jedhutti sabni tokko Waaqa isaa gorsa gaafachuu hin qabuu? Isaan waaʼee jiraattotaa maaliif warra duʼan gaafatu?
Watakuambia wewe, ''tafuta habari kwa watu wenye pepo na wachawi'', walio kama ndege na kunong'ona dua. Lakini hawataacha kutafuta habari kwa Mungu wao? Je waenende kwa watu waliokufa badala ya walio hai?
20 Akka seeraa fi dhuga baʼumsa sanaatti jiraadhaa! Isaan yoo akka dubbii kanaatti dubbachuu baatan ifa barii hin qaban jechuu dha.
Kwa sheria na kwa ushuhuda! kama hawatayasema mambo hayo ni kwa sababu hakuna mwanga wa alfajiri.
21 Isaan rakkina guddaa fi beelaan biyya keessa jooru; yommuu beelaʼanittis akka malee aaranii, ol ilaalanii mootii isaaniitii fi Waaqa isaanii abaaru.
Nawatapita katikati ya nchi kwa shida kubwa na njaa. Walipokuwa na njaa, walipatwa na hasira na kumlaani mfalme wao na Mungu wao, na wakajeuza macho yao juu.
22 Ergasiis gara lafaa ilaalanii rakkina guddaa, dukkanaa fi hurrii sodaachisaa argu; isaanis dukkana hamaatti darbatamu.
Wataiangalia nchi na kuona dhiki, giza, na ukandamizaji wa viza. Watapelekwa kwenye nchi ya giza.

< Isaayyaas 8 >