< Isaayyaas 8 >

1 Waaqayyo akkana naan jedhe; “Gabatee guddaa tokko fuudhiitii isa irratti, ‘Maheer-Shaalaal-Haash-Baaz’ jedhii qubee beekamaadhaan barreessi.”
The LORD said to me, "Take a large tablet, and write on it with a man's pen, 'For Maher Shalal Hash Baz;'
2 Anis akka isaan dhuga baatota amanamoo taʼaniif Uuriyaa lubichaa fi Zakkaariyaas ilma Yeberekiyaa nan waammadha.
and I will take for myself faithful witnesses to testify: Uriah the priest, and Zechariah the son of Berechiah."
3 Anis raajittii bira nan gaʼe; isheenis ulfooftee ilma deesse. Waaqayyo akkana naan jedhe; “Maqaa isaa Maheer-Shaalaal-Haash-Baaz jedhii moggaasi.
I went to the prophetess, and she conceived, and bore a son. Then said the LORD to me, "Call his name 'Maher Shalal Hash Baz.'
4 Utuu mucaan kun ‘Aabboo’ yookaan ‘Aayyoo’ jechuu hin beekin dura qabeenyi Damaasqootii fi boojuun Samaariyaa mootii Asooriin fudhatama.”
For before the child knows how to say, 'My father,' and, 'My mother,' the riches of Damascus and the spoil of Samaria will be carried away by the king of Assyria."
5 Waaqayyo ammas akkana jedhee natti dubbate:
The LORD spoke to me yet again, saying,
6 “Sabni kun bishaan Shilooʼaa kan suuta yaaʼu sana dhiisee Reziinii fi ilma Remaaliyaatti gammadeeraatii;
"Because this people have refused the waters of Shiloah that go softly, and rejoice in Rezin and Remaliah's son;
7 kanaafuu Gooftaan, lolaa guddaa kan laga Efraaxiis jechuunis mootii Asoor ulfina isaa hunda wajjin saba kanatti fida. Lolaan sunis guutee boʼoo isaa irra yaaʼee ededa isaa hunda irra dhangalaʼa.
now therefore, look, the LORD brings upon them the mighty flood waters of the River: the king of Assyria and all his glory. It will come up over all its channels, and go over all its banks.
8 Lolaan sunis hamma morma gaʼutti guutee irra dhangalaʼee keessa darbuudhaan waan hundumaa haxaaʼee Yihuudaatti geessa. Yaa Amaanuʼel! Qoochoon isaa balʼifamee guutummaa biyya keetii ni haguuga.”
It will sweep onward into Judah. It will overflow and pass through; it will reach even to the neck; and the stretching out of its wings will fill the breadth of your land, Immanuel.
9 Yaa saboota, burkutaaʼaa! Isin warri biyya fagoo jirtan hundi dhaggeeffadhaa. Waraanaaf hidhadhaa; taʼus burkutaaʼaa! Waraanaaf hidhadhaa; taʼus burkutaaʼaa!
Make an uproar, you peoples, and be broken in pieces. Listen, all you from far countries. Prepare for battle, and be shattered.
10 Mariʼadhaa; garuu faayidaa hin qabu; karoorfadhaa; garuu fiixaan hin baʼu; Waaqni nu wajjin jiraatii.
Take counsel together, and it will be brought to nothing; speak the word, and it will not stand: for God is with us."
11 Waaqayyo harka isaa jabaa sanaan natti dubbatee akka ani karaa saba kanaa irra hin deemneef akkana jedhee na akeekkachiiseeraatii:
For the LORD spoke thus to me with a strong hand, and instructed me not to walk in the way of this people, saying,
12 “Isin waan uummanni kun fincila jedhu hundaan fincila hin jedhinaa; waan isaan sodaatan hin sodaatinaa; hin raafaminaa.
"Do not say, 'A conspiracy.' concerning all about which this people say, 'A conspiracy.' And do not fear what they fear, nor be in dread.
13 Kan isin akka qulqulluutti ilaaluu qabdan Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu tokkicha; kan isin sodaachuu qabdan isuma; kan isin hollachuufii qabdanis isuma.
The LORD of hosts is who you must regard as holy. He is the one you must fear. He is the one you must dread.
14 Inni iddoo qulqulluu taʼa; manneen Israaʼel lamaaniif garuu inni dhagaa nama gufachiisu, kattaa nama kuffisu taʼa. Saba Yerusaalemitti garuu inni kiyyoo fi futtaasaa taʼa.
And he will be a sanctuary; but for a stone of stumbling and for a rock that makes them fall to both the houses of Israel, for a trap and for a snare to the inhabitants of Jerusalem.
15 Hedduun isaanii ni gufatu; isaan kufanii caccabu; futtaasaa seenanii qabamu.”
Many will stumble over it, fall, be broken, be snared, and be captured."
16 Dhuga baʼumsa kana walitti qabsiisi; seera kanas barattoota koo gidduutti chaappaadhaan cufi.
Wrap up the testimony. Seal the law among my disciples.
17 Waaqayyo mana Yaaqoob duraa fuula isaa dhokfate sana nan eeggadha. Ani isa nan amanadha.
I will wait for the LORD, who hides his face from the house of Jacob, and I will trust in him.
18 Anii fi ijoolleen Waaqayyo naa kenne kunoo ti. Nu Israaʼel keessatti Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu kan Tulluu Xiyoon irra jiraatu sanaaf mallattoo fi fakkeenya.
Look, I and the children whom God has given me are for signs and wonders in Israel from the LORD of hosts, who dwells on Mount Zion.
19 Yommuu namni tokko dhaqaatii ilaaltootaa fi eker dubbistoota kanneen hasaasanii fi guunguman waa gaafadhaa isiniin jedhutti sabni tokko Waaqa isaa gorsa gaafachuu hin qabuu? Isaan waaʼee jiraattotaa maaliif warra duʼan gaafatu?
When they tell you, "Consult with the spirits of the dead and familiar spirits who chirp and who mutter. Shouldn't a people consult with their gods, by consulting the dead on behalf of the living?"
20 Akka seeraa fi dhuga baʼumsa sanaatti jiraadhaa! Isaan yoo akka dubbii kanaatti dubbachuu baatan ifa barii hin qaban jechuu dha.
Turn to the law and to the testimony. If they do not speak according to this word, surely there is no morning for them.
21 Isaan rakkina guddaa fi beelaan biyya keessa jooru; yommuu beelaʼanittis akka malee aaranii, ol ilaalanii mootii isaaniitii fi Waaqa isaanii abaaru.
They will pass through it, greatly distressed and hungry; and it will happen that when they are hungry, they will worry, and curse by their king and by their God. They will turn their faces upward,
22 Ergasiis gara lafaa ilaalanii rakkina guddaa, dukkanaa fi hurrii sodaachisaa argu; isaanis dukkana hamaatti darbatamu.
and look to the earth, and see distress, darkness, and the gloom of anguish. They will be driven into thick darkness.

< Isaayyaas 8 >