< Isaayyaas 7 >

1 Bara Aahaaz ilmi Yootaam, ilmi Uziyaan Mootii Yihuudaa turetti, Reziin mootichi Sooriyaatii fi Pheqaan ilmi Remaaliyaa mootichi Israaʼel Yerusaalemiin loluuf itti duulan; garuu ishee moʼachuu hin dandeenye.
ויהי בימי אחז בן יותם בן עזיהו מלך יהודה עלה רצין מלך ארם ופקח בן רמליהו מלך ישראל ירושלם למלחמה עליה ולא יכל להלחם עליה׃
2 Yeroo kanattis, “Sooriyaan Efreem wajjin tokkummaa uummatteerti” jedhanii mana Daawititti himan; kanaafuu garaan Aahaaziitii fi garaan saba isaa akkuma mukni bosonaa bubbeedhaan raafamu sana raafame.
ויגד לבית דוד לאמר נחה ארם על אפרים וינע לבבו ולבב עמו כנוע עצי יער מפני רוח׃
3 Kana irratti Waaqayyo Isaayyaasiin akkana jedhe; “Atii fi ilmi kee Sheʼar-Yaashuub dhuma jalʼisii Haroo Ol aanuu kan karaa Lafa qotiisaa namicha wayyaa miicuutti geessu sana biratti Aahaazin simachuuf gad baʼaa.
ויאמר יהוה אל ישעיהו צא נא לקראת אחז אתה ושאר ישוב בנך אל קצה תעלת הברכה העליונה אל מסלת שדה כובס׃
4 Akkana jedhiin; ‘Of eeggadhu; calʼisi; hin sodaatin. Ati sababii gufuuwwan muka ibiddaa kanneen seeqaa jiran lamaan kanneeniitiif jechuunis sababii aarii Reziin kan Sooriyaatii fi aarii ilma Remaaliyaa hamaa sanaatiif jettee abdii hin kutatin.
ואמרת אליו השמר והשקט אל תירא ולבבך אל ירך משני זנבות האודים העשנים האלה בחרי אף רצין וארם ובן רמליהו׃
5 Sooriyaan, Efreemii fi ilmi Remaaliyaa akkana jedhanii badiisa keetiif mariʼataniiru;
יען כי יעץ עליך ארם רעה אפרים ובן רמליהו לאמר׃
6 “Kottaa Yihuudaatti duullaa; kottaa ishee kukkunnee gargar qooddannaa; ilma Xaabiʼeelis ishee irratti moosifannaa.”
נעלה ביהודה ונקיצנה ונבקענה אלינו ונמליך מלך בתוכה את בן טבאל׃
7 Taʼus Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “‘Wanni kun hin raawwatu; wanni kun hin taʼu;
כה אמר אדני יהוה לא תקום ולא תהיה׃
8 mataan Sooriyaa Damaasqoodhaatii; mataan Damaasqoo immoo Reziinii dha. Waggaa jaatamii shan keessatti, Efreem ni bittinnaaʼa; saba tokko taʼuun isaas ni hafa.
כי ראש ארם דמשק וראש דמשק רצין ובעוד ששים וחמש שנה יחת אפרים מעם׃
9 Mataan Efreem Samaariyaa dha; mataan Samaariyaa immoo ilma Remaaliyaa ti. Isin yoo amantii keessaniin jabaattanii dhaabachuu baattan; yoom iyyuu hin dhaabattan.’”
וראש אפרים שמרון וראש שמרון בן רמליהו אם לא תאמינו כי לא תאמנו׃
10 Waaqayyo amma illee akkana jedhee Aahaazitti dubbate;
ויוסף יהוה דבר אל אחז לאמר׃
11 “Qilee akka malee gad fagoo keessatti yookaan samii akka malee ol fagoo keessatti, Waaqayyoon Waaqa kee mallattoo gaafadhu.” (Sheol h7585)
שאל לך אות מעם יהוה אלהיך העמק שאלה או הגבה למעלה׃ (Sheol h7585)
12 Aahaaz garuu, “Ani hin gaafadhu; Waaqayyonis hin qoru” jedhe.
ויאמר אחז לא אשאל ולא אנסה את יהוה׃
13 Isaayyaasis akkana jedhe; “Yaa mana Daawit mee dhagaʼaa! Isin obsa namaa qoruun isin hanqatee obsa Waaqa koo qortuu?
ויאמר שמעו נא בית דוד המעט מכם הלאות אנשים כי תלאו גם את אלהי׃
14 Kanaafuu Gooftaan mataan isaa mallattoo isiniif kenna: Kunoo durbi tokko ni ulfoofti; ilma ni deessi; Amaanuʼel jettees isa moggaafti.
לכן יתן אדני הוא לכם אות הנה העלמה הרה וילדת בן וקראת שמו עמנו אל׃
15 Inni yeroo waan hamaa lagatee waan gaarii filachuu beekutti itittuu fi damma nyaata.
חמאה ודבש יאכל לדעתו מאוס ברע ובחור בטוב׃
16 Garuu utuu mucaan sun waan hamaa lagatee waan gaarii filachuu hin beekin dura biyyi mootota lamaan ati sodaatte sanaa ni ona.
כי בטרם ידע הנער מאס ברע ובחר בטוב תעזב האדמה אשר אתה קץ מפני שני מלכיה׃
17 Waaqayyo erga Efreem Yihuudaa irraa citee jalqabee bara takkumaa taʼee hin beekin tokko sitti, saba keettii fi mana Abbaa keetiitti ni fida; jechuunis mootii Asoor ni fida.”
יביא יהוה עליך ועל עמך ועל בית אביך ימים אשר לא באו למיום סור אפרים מעל יהודה את מלך אשור׃
18 Bara sana keessa Waaqayyo tisiisota burqaa laga Gibxi keessa jiranii fi kanniisota biyya Asoor siiqsee waama.
והיה ביום ההוא ישרק יהוה לזבוב אשר בקצה יארי מצרים ולדבורה אשר בארץ אשור׃
19 Hundi isaanii dhufanii dhooqa lafaa keessa, holqa kattaa keessa, daggala qoraattiitii fi boolla bishaanii hunda keessa qubatu.
ובאו ונחו כלם בנחלי הבתות ובנקיקי הסלעים ובכל הנעצוצים ובכל הנהללים׃
20 Bara sana keessa Gooftaan haaduu laga gamaa kireeffateen jechuunis mootiin Asoor rifeensa mataa keessanii rifeensa miilla keessaniitii fi areeda keessan ni haada.
ביום ההוא יגלח אדני בתער השכירה בעברי נהר במלך אשור את הראש ושער הרגלים וגם את הזקן תספה׃
21 Bara sana keessa namni tokko goromsa tokkoo fi hoolaa lama qabaata.
והיה ביום ההוא יחיה איש עגלת בקר ושתי צאן׃
22 Sababii baayʼina aannan isaan kennaniif, inni itittuu sooratu qabaata. Namni biyya sanatti hafu hundinuu itittuu fi damma nyaata.
והיה מרב עשות חלב יאכל חמאה כי חמאה ודבש יאכל כל הנותר בקרב הארץ׃
23 Bara sana keessa, lafa mukkeen wayinii kumni tokko kanneen meetii saqilii kuma baasan jiran hunda irra sokorruu fi qoraattii qofatu jiraata.
והיה ביום ההוא יהיה כל מקום אשר יהיה שם אלף גפן באלף כסף לשמיר ולשית יהיה׃
24 Sababii lafti sun sokorruu fi qoraattiin guutameef, namoonni iddaa fi xiyya qabatan iyyuu achi dhaqu.
בחצים ובקשת יבוא שמה כי שמיר ושית תהיה כל הארץ׃
25 Ati sababii sokorruu fi qoraattii sodaattuuf siʼachi gara gaarran kanaan dura gasoon soqamaa turan sanaa hin dhaqxu; isaan lafa loon itti bobbaʼanii fi lafa hoolonni keessa burraaqan taʼu.
וכל ההרים אשר במעדר יעדרון לא תבוא שמה יראת שמיר ושית והיה למשלח שור ולמרמס שה׃

< Isaayyaas 7 >