< Isaayyaas 66 >

1 Waaqayyo akkana jedha: “Samiin teessoo koo ti; laftis ejjeta miilla kootii ti. Manni isin naaf ijaartan meerre? Lafti boqonnaa kootii eessa?
Hili ndilo asemalo Bwana, “Mbingu ni kiti changu cha enzi, nayo dunia ni mahali pa kuweka miguu yangu. Iko wapi nyumba mtakayoijenga kwa ajili yangu? Mahali pangu pa kupumzikia patakuwa wapi?
2 Waan kana hunda harki koo hin hojjennee? Kanaafuu wantoonni kunneen hundi kanuma koo ti” jedha Waaqayyo. “Ani garuu nama gad of qabuu fi kan garaa isaa keessatti gaabbee dubbii kootiin hollatuu nan ilaala.
Je, mkono wangu haukufanya vitu hivi vyote, hivyo vikapata kuwepo?” asema Bwana. “Mtu huyu ndiye ninayemthamini: yeye ambaye ni mnyenyekevu na mwenye roho yenye toba, atetemekaye asikiapo neno langu.
3 Garuu namni korma qalu kam iyyuu akkuma nama nama ajjeesu tokkoo ti; namni xobbaallaa hoolaa qalu kam iyyuu akkuma nama morma saree cabsu tokkoo ti; namni aarsaa midhaanii dhiʼeessu kam iyyuu akkuma nama dhiiga booyyee dhiʼeessu tokkoo ti; namni ixaana yaadannoo aarsu kam iyyuus akkuma nama waaqa tolfamaa waaqeffatu tokkoo ti. Isaan karaa ofii isaanii filataniiru; lubbuun isaaniis xuraaʼummaa isaaniitti gammaddi.
Lakini yeyote atoaye dhabihu ya fahali ni kama yeye auaye mtu, na yeyote atoaye sadaka ya mwana-kondoo, ni kama yule avunjaye shingo ya mbwa. Yeyote atoaye sadaka ya nafaka, ni kama yule aletaye damu ya nguruwe, na yeyote afukizaye uvumba wa kumbukumbu, ni kama yule aabuduye sanamu. Wamejichagulia njia zao wenyewe, nazo nafsi zao zinafurahia machukizo yao.
4 Kanaafuu ani gidiraa isaaniif nan fila; waan isaan akka malee sodaatanis isaanitti nan fida. Yeroo ani waametti namni tokko iyyuu na jalaa hin owwaanne; yeroo ani dubbadhetti namni tokko iyyuu hin dhaggeeffanneetii. Isaan fuula koo duratti waan hamaa hojjetanii waan na hin gammachiifne illee filatan.”
Hivyo, mimi pia nitawachagulia mapigo makali, nami nitaleta juu yao kile wanachokiogopa. Kwa maana nilipoita, hakuna yeyote aliyejibu, niliposema, hakuna yeyote aliyesikiliza. Walifanya maovu machoni pangu na kuchagua lile linalonichukiza.”
5 Warri dubbii isaatiin hollattan dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa: “Obboleeyyan keessan warri sababii maqaa kootiif isin jibbanii isin ariʼan sun akkana jedhan; ‘Akka nu gammachuu keessan arginuuf, mee Waaqayyo haa ulfaatu!’ Taʼus isaan ni qaanaʼu.
Sikieni neno la Bwana, ninyi mtetemekao kwa neno lake: “Ndugu zenu wanaowachukia ninyi na kuwatenga ninyi kwa sababu ya Jina langu, wamesema, ‘Bwana na atukuzwe, ili tupate kuona furaha yenu!’ Hata sasa wataaibika.
6 Huursaa magaalaa keessaa sana dhagaʼaa; waca mana qulqullummaa keessaa dhagaʼaa! Wanni kun sagalee Waaqayyoo kan yeroo inni gatii diinota isaa hundaaf malu isaaniif kennuu ti.
Sikieni hizo ghasia kutoka mjini, sikieni hizo kelele kutoka hekaluni! Ni sauti ya Bwana ikiwalipa adui zake yote wanayostahili.
7 “Isheen utuu hin ciniinsifatin, ni deessi; utuu miixuun daʼumsaa ishee hin qabatin, ilma deessi.
“Kabla hajasikia utungu, alizaa; kabla hajapata maumivu, alizaa mtoto mwanaume.
8 Eenyutu takkumaa waan akkasii dhagaʼe? Waan takkumaa akkasii eenyutu arge? Biyyi tokko guyyuma tokkotti dhalachuu dandeessii? Yookaan sabni yeruma tokkotti biqiluu dandaʼaa? Xiyoon garuu akkuma ciniinsifatteen, ijoollee ishee deesse.
Ni nani amepata kusikia jambo kama hili? Ni nani amepata kuona mambo kama haya? Je, nchi yaweza kuzaliwa kwa siku moja, au taifa laweza kutokea mara? Mara Sayuni alipoona utungu, alizaa watoto wake.
9 Ani yeroo daʼumsaatiin nama gaʼee daʼuu nan dhowwaa?” jedha Waaqayyo. “Ani daʼumsaan gaʼee gadameessa nan cufaa?” jedha Waaqni kee.
Je, nilete mwana hadi wakati wa kuzaliwa na nisizalishe?” asema Bwana. “Je, nifunge tumbo la uzazi wakati mimi ndiye nizalishaye?” asema Mungu wako.
10 “Isin warri ishee jaallattan hundi, Yerusaalem wajjin gammadaa; isheefis ililchaa; isin warri isheef boossan hundi, guddisaatii ishee wajjin gammadaa.
“Shangilieni pamoja na Yerusalemu na mfurahi kwa ajili yake, ninyi nyote mnaompenda, shangilieni kwa nguvu pamoja naye, ninyi nyote mnaoomboleza juu yake.
11 Isin harma ishee kan nama jajjabeessu sana hootanii ni quuftuutii; ulfina ishee guddaa sana irraas gammachuudhaan ni dhugdu.”
Kwa kuwa mtanyonya na kutosheka katika faraja ya matiti yake; mtakunywa sana, na kuufurahia wingi wa mafuriko ya ustawi wake.”
12 Waaqayyo akkana jedhaatii: “Kunoo ani nagaa akkuma bishaan lagaa, badhaadhummaa sabootaas akkuma laga yaaʼuu isheef nan dhangalaasa; isin ni hootu; harka ishee irratti ni baatamtu; gudeeda ishee irra illee ni taphattu.
Kwa kuwa hili ndilo asemalo Bwana: “Nitamwongezea amani kama mto, nao utajiri wa mataifa kama kijito kifurikacho; utanyonya na kuchukuliwa mikononi mwake na kubembelezwa magotini pake.
13 Akkuma haati daaʼima ishee urursitu sana, anis isinan urursa; isinis Yerusaalem keessatti ni ururfamtu.”
Kama mama anavyomfariji mtoto wake, ndivyo nitakavyokufariji wewe, nawe utafarijiwa huko Yerusalemu.”
14 Isin yommuu waan kana argitanitti garaan keessan ni gammada; lafeen keessan akka margaa ni haaromfama; harki Waaqayyoo akka garboota isaa wajjin jirus ni beekama; dheekkamsi isaa garuu amajaajota isaa irratti ni mulʼifama.
Wakati mtakapoona jambo hili, mioyo yenu itashangilia, nanyi mtastawi kama majani; mkono wa Bwana utajulikana kwa watumishi wake, bali ghadhabu yake kali itaonyeshwa kwa adui zake.
15 Kunoo, Waaqayyo ibiddaan ni dhufa; gaariiwwan isaas akkuma bubbee hamaa ti; inni aarii isaa dhaʼichaan, ifannaa isaa immoo arraba ibiddaatiin gad buusa.
Tazama, Bwana anakuja na moto, magari yake ya vita ni kama upepo wa kisulisuli, atateremsha hasira yake kwa ghadhabu kali, na karipio lake pamoja na miali ya moto.
16 Waaqayyo ibiddaa fi goraadee isaatiin namoota hunda irratti murtii raawwataatii; namoonni Waaqayyoon ajjeefaman ni baayʼatu.
Kwa maana kwa moto na kwa upanga wake Bwana atatekeleza hukumu juu ya watu wote, nao wengi watakuwa ni wale waliouawa na Bwana.
17 “Warri iddoo biqiltuu seenuuf jedhanii, isa warra foon booyyee, foon hantuutaatii fi wantoota jibbisiisoo biraa nyaatan gidduutti argamu duukaa buʼuudhaan addaan of baasanii of qulqulleessan wajjin barbadeeffamu” jedha Waaqayyo.
“Watu wote wanaojiweka wakfu na kujitakasa wenyewe ili kwenda bustanini, wakimfuata aliye katikati ya wale ambao hula nyama za nguruwe na panya pamoja na vitu vingine vilivyo machukizo, watafikia mwisho wao pamoja,” asema Bwana.
18 “Ani waanan hojii fi yaada isaanii beekuuf, sabootaa fi afaanota hunda walitti qabuuf jedhee nan dhufa; isaanis dhufanii ulfina koo ni argu.
“Nami, kwa sababu ya matendo yao na mawazo yao, niko karibu kuja na kukusanya mataifa yote na lugha zote, nao watakuja na kuuona utukufu wangu.
19 “Ani gidduu isaanii mallattoo nan kaaʼa; hambaawwan keessaa namoota tokko tokko gara sabootaa jechuunis gara Tarshiish, Phuulii fi gara Luud warra xiyyaan lolan, gara Tuubaalii fi Yaawaan akkasumas gara biyyoota bishaan gidduu fagoo jiran kanneen waaʼee koo hin dhagaʼinii yookaan ulfina koo hin arginiitti nan erga. Isaanis saboota gidduutti ulfina koo ni labsu.
“Nitaweka ishara katikati yao, nami nitapeleka baadhi ya hao walionusurika kwa mataifa, hadi Tarshishi, kwa Puli na Waludi (wanaojulikana kama wapiga upinde), kwa Tubali na Uyunani, hadi visiwa vya mbali ambavyo havijasikia juu ya sifa zangu au kuuona utukufu wangu. Watatangaza utukufu wangu miongoni mwa mataifa.
20 Isaanis saboota hunda keessaa obboloota keessan hunda akkuma aarsaa Waaqayyoof dhiʼeeffamu tokkootti fardeeniin, gaariiwwaniin, harrootaan, gaangolii fi gaalawwaniin gara tulluu koo qulqulluutti, gara Yerusaalem ni fidu” jedha Waaqayyo. “Isaanis akkuma Israaʼeloonni miʼa akka seeraatti qulqulluu taʼeen aarsaa midhaan isaanii gara mana qulqullummaa Waaqayyootti fidan sanatti jara fidu.
Nao watawaleta ndugu zenu wote, kutoka mataifa yote, mpaka kwenye mlima wangu mtakatifu katika Yerusalemu kama sadaka kwa Bwana, juu ya farasi, katika magari ya vita na magari makubwa, juu ya nyumbu na ngamia,” asema Bwana. “Watawaleta, kama Waisraeli waletavyo sadaka zao za nafaka, katika Hekalu la Bwana, katika vyombo safi kwa kufuata desturi za ibada.
21 Anis isaan keessaa namoota tokko tokko akka isaan lubootaa fi Lewwota taʼaniif nan filadha” jedha Waaqayyo.
Nami nitachagua baadhi yao pia wawe makuhani na Walawi,” asema Bwana.
22 “Akkuma samiin haaraanii fi lafti haaraan ani uumu itti fufanii fuula koo dura jiraatan sana maqaa fi sanyiin keessan itti fufanii jiraatu” jedha Waaqayyo.
“Kama vile mbingu mpya na nchi mpya ninazozifanya zitakavyodumu mbele zangu,” asema Bwana, “ndivyo jina lenu na wazao wenu watakavyodumu.
23 “Ayyaana Baatii tokkoo hamma Ayyaana Baatii kaaniitti, Sanbata tokkoo hamma Sanbata kaaniittis sanyiin namaa hundi dhufee fuula koo duratti ni sagada” jedha Waaqayyo.
Kutoka Mwezi Mpya hata mwingine, na kutoka Sabato hadi nyingine, wanadamu wote watakuja na kusujudu mbele zangu,” asema Bwana.
24 “Isaanis gad baʼanii reeffa warra natti fincilanii ni ilaalu; raammoon isaanii hin duʼu; ibiddi isaaniis hin dhaamu; isaanis sanyii namaa hundaaf jibbisiisoo taʼu.”
“Nao watatoka nje na kuona maiti za wale walioniasi mimi. Funza wao hawatakufa, wala moto wao hautazimika, nao watakuwa kitu cha kuchukiza sana kwa wanadamu wote.”

< Isaayyaas 66 >