< Isaayyaas 65 >

1 “Ani warra na hin iyyaafatinitti nan mulʼadhe; warri na hin barbaadinis na argatan. Ani saba maqaa koo hin waammatiniin, ‘Ani asan jira; ani asan jira’ nan jedhe.
“I am inquired of by those who did not ask. I am found by those who did not seek me. I said, ‘See me, see me,’ to a nation that was not called by my name.
2 Ani guyyaa guutuu gara uummata didaa taʼeetti, kan karaa gaarii hin taʼin irra deemu, kan yaada ofii isaa duukaa buʼuuf harka koo nan diriirfadhe;
I have spread out my hands all day to a rebellious people, who walk in a way that is not good, after their own thoughts;
3 Isaan saba iddoo biqiltuu keessatti aarsaa dhiʼeessuudhaan, iddoo aarsaa kan xuubii irrattis ixaana aarsuudhaan, utuu gargar hin kutin, utuma ani arguu dheekkamsaaf na kakaasanii dha;
a people who provoke me to my face continually, sacrificing in gardens, and burning incense on bricks;
4 isaan warra awwaala gidduu tataaʼanii lafa dhoksaa bulanii dha; warra foon booyyee nyaatanii okkoteen isaanii bishaan foon xuraaʼaa baatuu dha;
who sit among the graves, and spend nights in secret places; who eat pig’s meat, and broth of abominable things is in their vessels;
5 isaan warra, ‘Achi fagaadhu; natti hin dhiʼaatin; ani si caalaa qulqulluudhaatii!’ jedhanii dha. Sabni akkasii funyaan koo keessatti akkuma aaraa, akkuma ibidda guyyaa guutuu bobaʼuu ti.
who say, ‘Stay by yourself, do not come near to me, for I am holier than you.’ These are smoke in my nose, a fire that burns all day.
6 “Kunoo, wanni kun akkana jedhamee fuula koo duratti barreeffameera: ani hin calʼisu; garuu gatii hojii isaanii guutuu nan kennaaf; dhugumaanis qomatti isaan nan baachisa.
“Behold, it is written before me: I will not keep silence, but will repay, yes, I will repay into their bosom
7 Kunis cubbuu keessanii fi cubbuu abbootii keessanii ti” jedha Waaqayyo. “Isaan tulluuwwan irratti aarsaa dhiʼeessanii, gaarran irratti waan na arrabsaniif, ani hojii isaanii kan duriitiif, kaffaltii guutuu isaaniifin kenna.”
your own iniquities and the iniquities of your fathers together”, says the LORD, “who have burned incense on the mountains, and blasphemed me on the hills. Therefore I will first measure their work into their bosom.”
8 Waaqayyo akkana jedha: “Akkuma yeroo hurbuu wayinii keessa cuunfaan jirutti, namoonni, ‘Amma iyyuu eebbatu keessa jiraatii, hin balleessinaa’ jedhan sana, anis tajaajiltoota kootiif akkasuma nan godha; isaan hundas hin balleessu.
The LORD says, “As the new wine is found in the cluster, and one says, ‘Do not destroy it, for a blessing is in it:’ so I will do for my servants’ sake, that I may not destroy them all.
9 Anis Yaaqoob keessaa sanyii tokko, Yihuudaa keessaa immoo warra tulluuwwan koo dhaalan nan biqilcha; sabni koo filatamaan tulluuwwan sana dhaala; tajaajiltoonni koos achi ni jiraatu.
I will bring offspring out of Jacob, and out of Judah an inheritor of my mountains. My chosen will inherit it, and my servants will dwell there.
10 Saba koo kan na barbaaduuf Shaaroon lafa bushaayeen itti bobbaʼan, Sululli Aakoor immoo lafa loon boqotan ni taʼan.
Sharon will be a fold of flocks, and the valley of Achor a place for herds to lie down in, for my people who have sought me.
11 “Garuu isin warra Waaqayyoon dhiiftanii tulluu koo qulqulluu dagattan, kanneen waaqa ‘Milkii’ jedhamuuf maaddii qopheessitanii, waaqa, ‘Hiree’ jedhamuuf immoo dhibaayyuu kubbaayyaatti guuttan,
“But you who forsake the LORD, who forget my holy mountain, who prepare a table for Fortune, and who fill up mixed wine to Destiny;
12 ani irbaata goraadee isinan godha; isin hundis qalamuuf gad jettu; ani isin waameen ture; isin garuu na jalaa hin owwaanne; ani dubbadheen ture; isin garuu na hin dhaggeeffanne. Isin fuuluma koo duratti waan hamaa hojjettanii waan na hin gammachiifne filattan.”
I will destine you to the sword, and you will all bow down to the slaughter; because when I called, you did not answer. When I spoke, you did not listen; but you did that which was evil in my eyes, and chose that in which I did not delight.”
13 Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “Garboonni koo ni nyaatu; isin garuu ni beeloftu; garboonni koo ni dhugu; isin garuu ni dheebottu; garboonni koo ni gammadu; isin garuu ni qaanoftu.
Therefore the Lord GOD says, “Behold, my servants will eat, but you will be hungry; behold, my servants will drink, but you will be thirsty. Behold, my servants will rejoice, but you will be disappointed.
14 Garboonni koo gammachuu garaa irraa maddeen ni faarfatu; isin garuu, waan garaan keessan miidhameef ni boossu; waan hafuurri keessan gaddeef ni wawwaattu.
Behold, my servants will sing for joy of heart, but you will cry for sorrow of heart, and will wail for anguish of spirit.
15 Filatamtoonni koo maqaa isin dabarfattan sana abaarsaaf itti fayyadamu; Waaqayyo Gooftaan isin fixa; garboota isaatiif garuu maqaa biraa ni kenna.
You will leave your name for a curse to my chosen, and the Lord GOD will kill you. He will call his servants by another name,
16 Namni lafa irratti eebbifamu kam iyyuu, Waaqa dhugaatiin eebbifama; namni lafa irratti kakatus, Waaqa dhugaatiin kakata. Rakkinni durii ni irraanfatama; ija koo duraas ni dhokataatii.
so that he who blesses himself in the earth will bless himself in the God of truth; and he who swears in the earth will swear by the God of truth; because the former troubles are forgotten, and because they are hidden from my eyes.
17 “Kunoo ani, samiiwwan haaraa fi lafa haaraa nan uuma. Wanni durii hin yaadatamu; yookaan qalbii namaatti hin dhufu.
“For, behold, I create new heavens and a new earth; and the former things will not be remembered, nor come into mind.
18 Isin garuu waan ani uumutti, bara baraan gammadaa ililchaa; ani Yerusaalemin gammachuuf, saba ishee immoo ililleef nan uumaatii.
But be glad and rejoice forever in that which I create; for, behold, I create Jerusalem to be a delight, and her people a joy.
19 Ani Yerusaalemitti nan gammada; saba koottis nan gammada; siʼachi sagaleen booʼichaatii fi iyyaa ishee keessatti hin dhagaʼamu.
I will rejoice in Jerusalem, and delight in my people; and the voice of weeping and the voice of crying will be heard in her no more.
20 “Siʼachi, daaʼimni guyyaa muraasa qofa jiraatu, yookaan jaarsi umuriin isaa hanqatu tokko iyyuu ishee keessatti hin argamu; namni waggaa dhibbatti duʼu, akka waan dargaggummaan duʼeetti yaadama; namni waggaa dhibba hanqate tokko, akka waan abaarameetti hedama.
“No more will there be an infant who only lives a few days, nor an old man who has not filled his days; for the child will die one hundred years old, and the sinner being one hundred years old will be accursed.
21 Namoonni mana ni ijaarratu; achi keessas ni jiraatu; wayinii dhaabbatu; ija isaas ni nyaatu.
They will build houses and inhabit them. They will plant vineyards and eat their fruit.
22 Siʼachi isaan mana ijaaranii namoonni biraa keessa hin jiraatan; yookaan isaan biqiltuu dhaabanii namoonni biraa hin nyaatan. Umuriin saba koo, akkuma umurii mukaa ni taʼa; warri ani filadhe, hojii harka isaaniitiin bara dheeraa ni gammadu.
They will not build and another inhabit. They will not plant and another eat; for the days of my people will be like the days of a tree, and my chosen will long enjoy the work of their hands.
23 Isaan akkasumaan hin dadhaban yookaan ijoollee balaan eeggattu hin dhalchan; isaan sanyii isaanii wajjin saba Waaqayyo eebbisu ni taʼu.
They will not labor in vain nor give birth for calamity; for they are the offspring of the LORD’s blessed and their descendants with them.
24 Ani utuu isaan na hin waammatin nan deebisaaf; utuu isaan dubbatanii hin fixinis nan dhagaʼa.
It will happen that before they call, I will answer; and while they are yet speaking, I will hear.
25 Yeeyyii fi xobbaallaan hoolaa walii wajjin nyaatu; leenci akka sangaa okaa nyaata; biyyoon garuu soora bofaa taʼa. Isaan tulluu koo qulqulluu hunda irratti homaa hin miidhan yookaan homaa hin balleessan” jedha Waaqayyo.
The wolf and the lamb will feed together. The lion will eat straw like the ox. Dust will be the serpent’s food. They will not hurt nor destroy in all my holy mountain,” says the LORD.

< Isaayyaas 65 >