< Isaayyaas 64 >

1 Akka tulluuwwan fuula kee duratti raafamaniif, maaloo ati utuu samiiwwan tarsaaftee gad buutee! 2 Akkuma ibiddi hanxaxii gubee, bishaan danfisu sana, akka maqaan kee diinota kee biratti beekamuuf gad buʼiitii akka saboonni fuula kee duratti hollatan godhi! 3 Ati yeroo waan sodaachisaa nu hin yaadin hojjettetti gad buute; tulluuwwanis fuula kee duratti hollatan. 4 Si malee Waaqa warra isa abdataniif dhaabatu, bara duriitii jalqabee namni tokko iyyuu hin dhageenye; yookaan gurri tokko iyyuu hin qalbeeffanne; iji tokko iyyuu hin argine. 5 Ati warra gammachuudhaan waan tolaa hojjetan kanneen karaa kee yaadatan gargaaruuf ni dhufta. Garuu yommuu nu ittuma fufnee cubbuu hojjennetti ati ni dheekkamte. Yoos nu akkamitti fayyuu dandeenya ree? 6 Hundi keenya akka nama qulqullina hin qabnee taaneerra; hojiin qajeelummaa keenyaa hundis akka huccuu xuraaʼummaa ti; hundi keenya akkuma baalaa coollagne; cubbuun keenyas akkuma bubbee haxaaʼee nu fudhate. 7 Namni maqaa kee waammatu tokko iyyuu hin jiru; yookaan namni si qabachuuf carraaqu hin jiru; ati fuula kee nu dhokfattee sababii cubbuu keenyaatiifis nu fixxeertaatii. 8 Taʼus yaa Waaqayyo, ati Abbaa keenya. Nu suphee dha; ati immoo dhooftuu suphee ti; hundi keenya hojii harka keetii ti. 9 Yaa Waaqayyo, ati akka malee hin dheekkamin; cubbuu keenyas bara baraan hin yaadatin. Maaloo si kadhannaa, fuula kee nuuf deebisi; nu hundinuu saba keetii. 10 Magaalaawwan kee qulqulloonni onaniiru; Xiyoon iyyuu onteerti; Yerusaalemis duwwaa hafteerti. 11 Manni qulqullummaa keenya qulqullichii fi ulfina qabeessi, iddoon abbootiin keenya itti si galateeffatan sun ibiddaan gubameera; wanni nu itti gammannu hundis barbadeeffameera. 12 Yaa Waaqayyo, ati wantoota kanneen hunda calʼuma jettee ilaaltaa? Ati calʼistee akka malee nu adabdaa?

< Isaayyaas 64 >