< Isaayyaas 64 >

1 Akka tulluuwwan fuula kee duratti raafamaniif, maaloo ati utuu samiiwwan tarsaaftee gad buutee!
If only You would rend the heavens and come down, so that mountains would quake at Your presence,
2 Akkuma ibiddi hanxaxii gubee, bishaan danfisu sana, akka maqaan kee diinota kee biratti beekamuuf gad buʼiitii akka saboonni fuula kee duratti hollatan godhi!
as fire kindles the brushwood and causes the water to boil, to make Your name known to Your enemies, so that the nations will tremble at Your presence!
3 Ati yeroo waan sodaachisaa nu hin yaadin hojjettetti gad buute; tulluuwwanis fuula kee duratti hollatan.
When You did awesome works that we did not expect, You came down, and the mountains trembled at Your presence.
4 Si malee Waaqa warra isa abdataniif dhaabatu, bara duriitii jalqabee namni tokko iyyuu hin dhageenye; yookaan gurri tokko iyyuu hin qalbeeffanne; iji tokko iyyuu hin argine.
From ancient times no one has heard, no ear has perceived, no eye has seen any God besides You, who acts on behalf of those who wait for Him.
5 Ati warra gammachuudhaan waan tolaa hojjetan kanneen karaa kee yaadatan gargaaruuf ni dhufta. Garuu yommuu nu ittuma fufnee cubbuu hojjennetti ati ni dheekkamte. Yoos nu akkamitti fayyuu dandeenya ree?
You welcome those who gladly do right, who remember Your ways. Surely You were angry, for we sinned. How can we be saved if we remain in our sins?
6 Hundi keenya akka nama qulqullina hin qabnee taaneerra; hojiin qajeelummaa keenyaa hundis akka huccuu xuraaʼummaa ti; hundi keenya akkuma baalaa coollagne; cubbuun keenyas akkuma bubbee haxaaʼee nu fudhate.
Each of us has become like something unclean, and all our righteous acts are like filthy rags; we all wither like a leaf, and our iniquities carry us away like the wind.
7 Namni maqaa kee waammatu tokko iyyuu hin jiru; yookaan namni si qabachuuf carraaqu hin jiru; ati fuula kee nu dhokfattee sababii cubbuu keenyaatiifis nu fixxeertaatii.
No one calls on Your name or strives to take hold of You. For You have hidden Your face from us and delivered us into the hand of our iniquity.
8 Taʼus yaa Waaqayyo, ati Abbaa keenya. Nu suphee dha; ati immoo dhooftuu suphee ti; hundi keenya hojii harka keetii ti.
But now, O LORD, You are our Father; we are the clay, and You are the potter; we are all the work of Your hand.
9 Yaa Waaqayyo, ati akka malee hin dheekkamin; cubbuu keenyas bara baraan hin yaadatin. Maaloo si kadhannaa, fuula kee nuuf deebisi; nu hundinuu saba keetii.
Do not be angry, O LORD, beyond measure; do not remember our iniquity forever. Oh, look upon us, we pray; we are all Your people!
10 Magaalaawwan kee qulqulloonni onaniiru; Xiyoon iyyuu onteerti; Yerusaalemis duwwaa hafteerti.
Your holy cities have become a wilderness. Zion has become a wasteland and Jerusalem a desolation.
11 Manni qulqullummaa keenya qulqullichii fi ulfina qabeessi, iddoon abbootiin keenya itti si galateeffatan sun ibiddaan gubameera; wanni nu itti gammannu hundis barbadeeffameera.
Our holy and beautiful temple, where our fathers praised You, has been burned with fire, and all that was dear to us lies in ruins.
12 Yaa Waaqayyo, ati wantoota kanneen hunda calʼuma jettee ilaaltaa? Ati calʼistee akka malee nu adabdaa?
After all this, O LORD, will You restrain Yourself? Will You keep silent and afflict us beyond measure?

< Isaayyaas 64 >