< Isaayyaas 63 >

1 Kan uffata isaa halluu diimaa cuuphee Edoom keessaa, Bozraadhaa dhufaa jiru kun eenyu? Kan ulfina uffatee guddina jabina isaatiin fuula duratti deemaa jiru kun eenyu? “Inni anuma, kan qajeelummaan dubbatu, kan oolchuufis humna qabu anaa dha.”
מי זה בא מאדום חמוץ בגדים מבצרה זה הדור בלבושו צעה ברב כחו אני מדבר בצדקה רב להושיע׃
2 Uffanni kee maaliif akkuma uffata nama boolla wayinii itti cuunfan keessatti wayinii dhidhiitu tokkoo diimata?
מדוע אדם ללבושך ובגדיך כדרך בגת׃
3 “Ani kophaa koo boolla itti wayinii cuunfan keessatti wayinii nan dhidhiite; saboota keessaa namni tokko iyyuu na wajjin hin turre. Ani aarii kootiin isaan irra dhaabadhee dheekkamsa kootiin gad isaan dhidhiite; dhiigni isaanii wayyaa kootti faffacaʼe; wayyaa koo hundas ni faale.
פורה דרכתי לבדי ומעמים אין איש אתי ואדרכם באפי וארמסם בחמתי ויז נצחם על בגדי וכל מלבושי אגאלתי׃
4 Guyyaan haaloo baʼuu garaa koo keessa jiraatii; waggaan ani itti nama furus dhufeera.
כי יום נקם בלבי ושנת גאולי באה׃
5 Anis milʼadhee nama na gargaaru tokko iyyuu nan dhabe; gargaarsa tokko iyyuu dhabnaan nan dinqisiifadhe; kanaafuu irreen koo fayyina naa fide; dheekkamsi koos na utube.
ואביט ואין עזר ואשתומם ואין סומך ותושע לי זרעי וחמתי היא סמכתני׃
6 Ani aarii kootiin saboota irra nan dhidhiite; dheekkamsa kootiinis isaan nan macheesse; dhiiga isaanii lafa irra nan lolaase.”
ואבוס עמים באפי ואשכרם בחמתי ואוריד לארץ נצחם׃
7 Akkuma waan inni nuuf hojjete hundaatti ani waaʼee jaalala Waaqayyoo // kan hin geeddaramne sanaa hojii inni ittiin galateeffamuu qabu nan odeessa; wantoota gaggaarii inni akkuma gara laafinaa fi arjummaa isaa hedduu sanaatti mana Israaʼeliif hojjete baayʼee ani dhugumaan nan odeessa.
חסדי יהוה אזכיר תהלת יהוה כעל כל אשר גמלנו יהוה ורב טוב לבית ישראל אשר גמלם כרחמיו וכרב חסדיו׃
8 Innis, “Isaan dhugumaan saba koo ti; ijoollee hin sobnee dha” jedhe; kanaafuu inni Fayyisaa isaanii taʼe.
ויאמר אך עמי המה בנים לא ישקרו ויהי להם למושיע׃
9 Dhiphina isaanii hunda keessatti, innis ni dhiphate; ergamaan Waaqayyoo kan fuula isaa dura dhaabatu isaan baraare. Jaalalaa fi araara isaatiin isaan fure; bara durii hunda keessa, inni ol fuudhee isaan baate.
בכל צרתם לא צר ומלאך פניו הושיעם באהבתו ובחמלתו הוא גאלם וינטלם וינשאם כל ימי עולם׃
10 Isaan garuu fincilanii Hafuura isaa Qulqulluu gaddisiisan. Kanaafuu inni deebiʼee diina isaanii taʼe; inni mataan isaas isaan lole.
והמה מרו ועצבו את רוח קדשו ויהפך להם לאויב הוא נלחם בם׃
11 Kana irratti sabni isaa bara durii, bara Museetii fi saba isaa yaadatee akkana jedhe: Inni tiksee bushaayee isaa wajjin galaana keessaa isaan baase sun eessa jira? Inni Hafuura isaa Qulqulluu gidduu isaanii buuse,
ויזכר ימי עולם משה עמו איה המעלם מים את רעי צאנו איה השם בקרבו את רוח קדשו׃
12 kan akka irreen isaa ulfina qabeessi jabaan sun, harka mirgaa kan Musee wajjin jiraatuuf erge, kan maqaa bara baraa ofii isaatiif godhachuudhaaf fuula isaanii duratti bishaan gargar qoode,
מוליך לימין משה זרוע תפארתו בוקע מים מפניהם לעשות לו שם עולם׃
13 kan tuujuba keessaan isaan qajeelche sun eessa jira? Isaan akkuma farda biyya balʼaa keessa gulufu tokkoo hin gufanne;
מוליכם בתהמות כסוס במדבר לא יכשלו׃
14 akkuma loon dirreetti bobbaʼaniitti, Hafuurri Waaqayyoo boqonnaa isaaniif kenne. Akki ati itti maqaa ulfina qabu ofii keetiif godhachuudhaaf jettee saba kee qajeelchite kanaa dha.
כבהמה בבקעה תרד רוח יהוה תניחנו כן נהגת עמך לעשות לך שם תפארת׃
15 Ati samii irraa, teessoo kee qulqulluu fi ulfina qabeessa sana irraa gad ilaali. Hinaaffaan keetii fi jabinni kee eessa jiru? Jaalallii fi gara laafinni kee nurraa ittifamaniiru.
הבט משמים וראה מזבל קדשך ותפארתך איה קנאתך וגבורתך המון מעיך ורחמיך אלי התאפקו׃
16 Yoo Abrahaam nu beekuu baatee, yookaan Israaʼel nu yaadachuu baate iyyuu, ati dhugumaan abbaa keenya; Yaa Waaqayyo, ati abbaa keenya; Furaan keenya durumaa jalqabee maqaa kee ti.
כי אתה אבינו כי אברהם לא ידענו וישראל לא יכירנו אתה יהוה אבינו גאלנו מעולם שמך׃
17 Yaa Waaqayyo, ati maaliif akka nu karaa kee irraa badnuu fi akka garaan keenya jabaatee nu si sodaachuu didnu nu goota? Sababii garboota kee, gosoota handhuuraa kee taʼaniitiif jedhii deebiʼi.
למה תתענו יהוה מדרכיך תקשיח לבנו מיראתך שוב למען עבדיך שבטי נחלתך׃
18 Sabni kee yeroo yartuuf iddoo kee qulqulluu dhaalee ture; amma garuu diinonni keenya iddoo kee qulqulluu gad dhidhiitaa jiru.
למצער ירשו עם קדשך צרינו בוססו מקדשך׃
19 Nu durumaa jalqabnee kanuma kee ti; ati garuu isaan hin bulchine; isaanis maqaa keetiin hin waamamne.
היינו מעולם לא משלת בם לא נקרא שמך עליהם׃

< Isaayyaas 63 >