< Isaayyaas 63 >
1 Kan uffata isaa halluu diimaa cuuphee Edoom keessaa, Bozraadhaa dhufaa jiru kun eenyu? Kan ulfina uffatee guddina jabina isaatiin fuula duratti deemaa jiru kun eenyu? “Inni anuma, kan qajeelummaan dubbatu, kan oolchuufis humna qabu anaa dha.”
O WAI keia e hele mai nei, mai Edoma mai? Me ka aahu i hooluuulaia, mai Bozera mai? O keia mea hoi i nani kona lole komo, E hele ana me ka manomano o kona ikaika? Owau, ka mea hai i ka pono, ka mea mana loa i ka hoola.
2 Uffanni kee maaliif akkuma uffata nama boolla wayinii itti cuunfan keessatti wayinii dhidhiitu tokkoo diimata?
No ke aha la i ulaula ai kou lole komo, A like hoi kou lole komo, me ka mea hahi maloko o kahi kaomi waina?
3 “Ani kophaa koo boolla itti wayinii cuunfan keessatti wayinii nan dhidhiite; saboota keessaa namni tokko iyyuu na wajjin hin turre. Ani aarii kootiin isaan irra dhaabadhee dheekkamsa kootiin gad isaan dhidhiite; dhiigni isaanii wayyaa kootti faffacaʼe; wayyaa koo hundas ni faale.
Ua hahi no wau i kahi kaomi waina, owau wale, Aohe mea o na kanaka pu me au. E hehi no wau ia lakou i ko'u ukiuki, E hahahi no wau ia lakou i ko'u inaina. E kapipi no ko lakou koko i ko'u mau lole komo, A hoopalahea no wau i ko'u aahu a pau.
4 Guyyaan haaloo baʼuu garaa koo keessa jiraatii; waggaan ani itti nama furus dhufeera.
No ka mea, aia no iloko o ko'u naau ka la o ka hoopai ana, Ua hiki mai hoi ka makahiki o ko'u poe hoolapanaiia.
5 Anis milʼadhee nama na gargaaru tokko iyyuu nan dhabe; gargaarsa tokko iyyuu dhabnaan nan dinqisiifadhe; kanaafuu irreen koo fayyina naa fide; dheekkamsi koos na utube.
Nana aku la au, aohe mea nana e kokua; A haohao iho la au, no ka mea ole nana e koo: Nolaila, na ko'u lima no i hoola no'u iho, A o kuu inaina, oia ka i koo mai ia'u.
6 Ani aarii kootiin saboota irra nan dhidhiite; dheekkamsa kootiinis isaan nan macheesse; dhiiga isaanii lafa irra nan lolaase.”
Ua hahi no au i na kanaka ilalo i kuu ukiuki, Ua haawi aku no au e ona lakou i ko'u inaina, A hoohaahaa au i ko lakou koko ilalo a ka honua.
7 Akkuma waan inni nuuf hojjete hundaatti ani waaʼee jaalala Waaqayyoo // kan hin geeddaramne sanaa hojii inni ittiin galateeffamuu qabu nan odeessa; wantoota gaggaarii inni akkuma gara laafinaa fi arjummaa isaa hedduu sanaatti mana Israaʼeliif hojjete baayʼee ani dhugumaan nan odeessa.
O ke aloha o Iehova ka'u o hoikeike aku ai, O na mea nani hoi o Iehova, E like me na mea a pau a Iehova i hana mai ai ia makou, A me ka lokomaikai nui i ko ka hale o Iseraela, Ka mea ana i hana mai ai, ma kona lokomaikai, A ma ka nui loa hoi o kona aloha.
8 Innis, “Isaan dhugumaan saba koo ti; ijoollee hin sobnee dha” jedhe; kanaafuu inni Fayyisaa isaanii taʼe.
No ka mea, olelo mai no oia, He oiaio, o ko'u poe kanaka lakou, he poe keiki wahahee ole; Nolaila oia i lilo ai i mea hoola no lakou.
9 Dhiphina isaanii hunda keessatti, innis ni dhiphate; ergamaan Waaqayyoo kan fuula isaa dura dhaabatu isaan baraare. Jaalalaa fi araara isaatiin isaan fure; bara durii hunda keessa, inni ol fuudhee isaan baate.
I ko lakou popilikia a pau, aole ia he enemi, Aka, na ka anela o kona alo lakou i hoola; A no kona aloha, a no kona lokomaikai, hoolapanai oia ia lakou; A hapai ae la oia, a kaikai aku la ia lakou, i na la a pau o ka wa kahiko.
10 Isaan garuu fincilanii Hafuura isaa Qulqulluu gaddisiisan. Kanaafuu inni deebiʼee diina isaanii taʼe; inni mataan isaas isaan lole.
Aka, kipi no lakou, a hoeha aku la i kona Uhane Hemolele; Nolaila oia i huli ai i enemi no lakou, A kaua mai no hoi ia lakou.
11 Kana irratti sabni isaa bara durii, bara Museetii fi saba isaa yaadatee akkana jedhe: Inni tiksee bushaayee isaa wajjin galaana keessaa isaan baase sun eessa jira? Inni Hafuura isaa Qulqulluu gidduu isaanii buuse,
Alaila, hoomanao iho la kona poe kanaka i na la kahiko ia Mose, Auhea ka mea nana lakou i lawe, mai loko mai o ke kai, Me ke kahu ohana hipa? Auhea hoi ka mea nana i waiho i kona Uhane Hemolele iwaenakonu ona?
12 kan akka irreen isaa ulfina qabeessi jabaan sun, harka mirgaa kan Musee wajjin jiraatuuf erge, kan maqaa bara baraa ofii isaatiif godhachuudhaaf fuula isaanii duratti bishaan gargar qoode,
Ka mea i alakai ia lakou me ka lima akau o Mose, O ka lima no ia o kona nani, Ka mea i hookaawale i ka wai imua o ko lakou alo, I mea e hookaulana mau loa ia'i kona inoa?
13 kan tuujuba keessaan isaan qajeelche sun eessa jira? Isaan akkuma farda biyya balʼaa keessa gulufu tokkoo hin gufanne;
E alakai ana ia lakou maloko o ka hohonu, E like me ka lio ma ka waoakua, I ole lakou e kulanalana?
14 akkuma loon dirreetti bobbaʼaniitti, Hafuurri Waaqayyoo boqonnaa isaaniif kenne. Akki ati itti maqaa ulfina qabu ofii keetiif godhachuudhaaf jettee saba kee qajeelchite kanaa dha.
E like me ka bipi, i iho ilalo i kahawai, Pela no i hoomaha ai ka Uhane o Iehova ia ia; Pela hoi kau i alakai ai i kou poe kanaka, I mea e hana'i i inoa kaulana loa nou.
15 Ati samii irraa, teessoo kee qulqulluu fi ulfina qabeessa sana irraa gad ilaali. Hinaaffaan keetii fi jabinni kee eessa jiru? Jaalallii fi gara laafinni kee nurraa ittifamaniiru.
E nana mai oe, mai ka lani mai, E ike mai hoi, mai kahi noho ai o kou pono, a me kou hanohano; Auhea kou manao nui ana, a me kou ikaika? Ke kani ana o kou opu, a me kou aloha ia'u? Ua uumiia anei ia?
16 Yoo Abrahaam nu beekuu baatee, yookaan Israaʼel nu yaadachuu baate iyyuu, ati dhugumaan abbaa keenya; Yaa Waaqayyo, ati abbaa keenya; Furaan keenya durumaa jalqabee maqaa kee ti.
He oiaio no, o oe no ko makou Makua, Aole nae i ike mai o Aberahama ia makou, Aole hoomaopopo mai o Iseraela ia makou; O oe, o Iehova no ko makou Makua, a me ko makou Hoolapanai, Mai ka wa kahiko loa mai no kou inoa.
17 Yaa Waaqayyo, ati maaliif akka nu karaa kee irraa badnuu fi akka garaan keenya jabaatee nu si sodaachuu didnu nu goota? Sababii garboota kee, gosoota handhuuraa kee taʼaniitiif jedhii deebiʼi.
E Iehova, no ke aha la oe i hooauwana ia makou mai kou mau aoao aku? A ua hoopaakiki hoi i ko makou naau, i makau ole aku ai ia oe? E hoi mai oe, no kau mau kauwa, A no na ohana o kou hooilina.
18 Sabni kee yeroo yartuuf iddoo kee qulqulluu dhaalee ture; amma garuu diinonni keenya iddoo kee qulqulluu gad dhidhiitaa jiru.
Ua noho iki wale no kou poe kanaka laa, Ua hahi ko makou poe enemi maluna o kou wahi hoano.
19 Nu durumaa jalqabnee kanuma kee ti; ati garuu isaan hin bulchine; isaanis maqaa keetiin hin waamamne.
Mai ka wa kahiko mai makou; Aole noho alii oe maluna o lakou, Ka poe i kapa ole ia ma kou inoa.