< Isaayyaas 62 >

1 Hamma qajeelummaan ishee akka barii barraaqaa, fayyinni ishee akka guca bobaʼuu ifutti, ani waaʼee Xiyoon hin calʼisu; waaʼee Yerusaalemis afaan hin qabadhu.
Kwa niaba ya Sayuni sitatulia, na kwa naiba ya Yerusalemu sitanyamaza kimya, mpaka haki yake itakapotokea, na wokovu wake kama tochi.
2 Saboonni qajeelummaa kee, mootonni hundinuus ulfina kee ni argu; ati maqaa haaraa, kan afaan Waaqayyoo siif baasuun ni waamamta.
Mataifa yataona haki yako, na wafalme wote wataona utukufu wako. Utaitwa kwa jina jipya ambalo Yahwe atalichagua.
3 Ati harka Waaqayyoo keessatti gonfoo ulfinaa, harka Waaqa keetii keessattis marata mootii ni taata.
Pia utakuwa taji zuri katika mkono wa Yahwe, na kilemba cha ufalme katika mkono wa Mungu wako.
4 Ati siʼachi, Gatamtuu hin jedhamtu, yookaan biyyi kee Ontuu hin jedhamtu. Ati garuu, “Ani isheetti nan gammada” jedhamta; biyyi kees “kan heerumte” jedhamti; Waaqayyo sitti gammadaatii, biyyi kee ni heerumti.
Hautaambiwa tena, ''Umetelekezwa''; wala kwa nchi yako hautasema tena, ''Ukiwa.'' kweli, itaitwa ''Neema yangu iko kwake'', na nchi yao ''ndoa'' mana furaha ya Yahwe ndani yenu, na nchi yenu itaolewa.
5 Akkuma dargaggeessi durba fuudhu, ilmaan kee si fuudhu; akkuma misirrichi misirrittiitti gammadu, Waaqni kees sitti gammada.
Hakika, kama kijana mdogo akimuoa mwanamke mdogo, hivyo watoto wako watawaoa ninyi, na kama bwana harusi anavyofurahia juu ya bibi harusi, Mungu wenu atafuhai juu yenu.
6 Yaa Yerusaalem, ani dallaawwan kee irratti eegdota ramadeera; isaan gonkumaa halkanii fi guyyaa hin calʼisan. Isin warri Waaqayyoon waammattan, ofii keessaniif boqonnaa hin kenninaa;
Nimemuweka mlinzi katika kuta zenu, Yerusalemu; hawatatulia mchana wala usiku. Utabaki kuwa Yahwe, usitulie.
7 hamma inni Yerusaalemin cimsee ijaaree akka isheen lafa irratti leellifamtuu taatu godhutti boqonnaa isaaf hin kenninaa.
Usimuache apumzike mpaka ainzishe tena Yerusalemu na kmfanya asifiwe duniani.
8 Waaqayyo akkana jedhee harka isaa mirgaatii fi irree isaa jabaa sanaan kakateera; “Ani lammata midhaan kee nyaata godhee diinota keetiif hin kennu; namoonni ormaas lammata daadhii wayinii haaraa kan ati itti dadhabde hin dhugan;
Yahwe ameapa kwa mkono wake wa kuume na kwa mkono wa nguvu zake, ''Hakika sitawapa tena nafaka kama chakula cha maadui zenu. Wageni hawatakunjwa mvinyo wenu uliompya maana mlifanya kazi.
9 garuu warri galfatan midhaan sana ni nyaatu; Waaqayyoonis ni galateeffatu; warri ija wayinii guurratanis oobdii iddoo qulqulluu koo keessatti ni dhugu.”
Kwale watakao vuna nafaka watazila na kumsifu Yahwe, na wale wanaochuma zabibu watakunjwa mvinyo katika mahakama ya madhebau yangu takatifu.''
10 Keessa darbaa; karrawwan keessaan darbaa! Uummataaf karaa qopheessaa. Tolchaa; karaa guddaa tolchaa! Dhagaawwan bubuqqisaa. Sabootaafis faajjii ol qabaa.
Njooni pitieni, pitieni katika lango! Tenegenezeni mapito ya watu! Itengenezeni, Tengeneza njia kuu! kusanyeni mawe! Nyanyueni juu ishara ya bendera kwa mataifa!
11 Waaqayyo akkana jedhee hamma moggaa lafaatti labseera; “Intala Xiyooniin akkana jedhaa: ‘Kunoo Fayyisaan kee ni dhufa! Badhaasni isaa kunoo isa harka jira; beenyaan inni namaaf baasus isuma wajjin jira.’”
Tazama, Yahwe ametangaza mwisho wa nchi, ''Waambie binti Sayuni: Tazama, Mkombozi wenu anakuja! Angalia, amebeba zawadi zake, na malipo yake yapo mbele yake.''
12 Isaanis Saba Qulqulluu, Furamtoota Waaqayyoo jedhamanii ni waamamu; atis barbaadamtuu, Magaalaa Siʼachi Hin Onne ni jedhamta.
Watakuita wewe, ''Mtu mtakatifu; Mkombozi wa Yahwe,'' nawe utaitwa ''Ulioacha kabla; mji usiotelekezwa.''

< Isaayyaas 62 >