< Isaayyaas 60 >

1 “Ifni kee dhufeeraatii kaʼii ibsi; ulfinni Waaqayyoo siif baʼeera.
兴起,发光!因为你的光已经来到! 耶和华的荣耀发现照耀你。
2 Kunoo, dukkanni lafa, dukkanni hamaan immoo uummattoota haguuga; Waaqayyo garuu siif kaʼeera; ulfinni isaas sirraa mulʼata.
看哪,黑暗遮盖大地, 幽暗遮盖万民, 耶和华却要显现照耀你; 他的荣耀要现在你身上。
3 Saboonni gara ifa keetii, mootonni immoo gara ifa kee 2 isa bariitti ni dhufu.
万国要来就你的光; 君王要来就你发现的光辉。
4 “Ija kee ol fudhadhuutii naannoo kee ilaali; hundinuu wal gaʼanii gara kee ni dhufu; ilmaan kee fagoodhaa, intallan kees qomatti baatamanii gara kee ni dhufu.
你举目向四方观看; 众人都聚集来到你这里。 你的众子从远方而来; 你的众女也被怀抱而来。
5 Ergasii ni ilaalta; ni calaqqiftas; lapheen kee ni dhaʼata; gammachuudhaanis ni guutama; qabeenyi galaanotaa hundinuu gara kee dhufu; badhaadhummaan sabootaas kan kee taʼa.
那时,你看见就有光荣; 你心又跳动又宽畅; 因为大海丰盛的货物必转来归你; 列国的财宝也必来归你。
6 Gaalli baayʼeen, ilmaan gaalaa kan Midiyaanii fi kan Eefaa biyya kee ni guutu. Namoonni hundi warqee fi ixaana fidanii, galata Waaqayyoo labsaa biyya Shebaatii ni dhufu.
成群的骆驼, 并米甸和以法的独峰驼必遮满你; 示巴的众人都必来到; 要奉上黄金乳香, 又要传说耶和华的赞美。
7 Bushaayeen Qeedaar hundinuu gara keetti walitti qabamu; korbeeyyiin hoolaa Nabaayot si tajaajilu; isaan iddoo aarsaa koo irratti aarsaawwan fudhatama qaban ni taʼu; anis mana ulfina kootii nan kabaja.
基达的羊群都必聚集到你这里, 尼拜约的公羊要供你使用, 在我坛上必蒙悦纳; 我必荣耀我荣耀的殿。
8 “Warri akkuma gugeewwanii manneen isaaniitti barrisan, kanneen akka duumessaa gugatan kunneen eenyu faʼi?
那些飞来如云、 又如鸽子向窗户飞回的是谁呢?
9 Dhugumaan biyyoonni bishaan gidduu na abdatu; sababii inni ulfina sitti uffiseef, maqaa Waaqayyo Waaqa keetii, Qulqullicha Israaʼeliitiif jedhanii dooniiwwan Tarshiish dursanii, meetii fi warqee isaanii wajjin ilmaan kee fagoodhaa ni fidu.
众海岛必等候我, 首先是他施的船只, 将你的众子连他们的金银从远方一同带来, 都为耶和华—你 神的名, 又为以色列的圣者, 因为他已经荣耀了你。
10 “Namoonni ormaa dallaa kee ni ijaaru; mootonni isaaniis si tajaajilu; Ani aariidhaan si dhaʼu illee, gara laafina koo jaalalaan sitti nan argisiisa.
外邦人必建筑你的城墙; 他们的王必服事你。 我曾发怒击打你, 现今却施恩怜恤你。
11 Akka namoonni badhaadhina sabootaa gara keetti fidaniif, akka mootonni isaaniis hiriiraan gara keetti seenaniif, karrawwan kee yeroo hunda banamaa taʼu; isaan halkanii guyyaa gonkumaa hin cufaman;
你的城门必时常开放, 昼夜不关; 使人把列国的财物带来归你, 并将他们的君王牵引而来。
12 Sabni yookaan mootummaan si hin tajaajille ni barbadaaʼuutii; guutummaan guutuuttis ni balleeffamu.
哪一邦哪一国不事奉你,就必灭亡, 也必全然荒废。
13 “Ulfinni Libaanoon, gaattiraan, qararoo fi hadheessi, lafa iddoo qulqulluu koo miidhagsuuf gara kee ni dhufu; anis iddoo miilli koo dhaabatu nan kabaja.
黎巴嫩的荣耀, 就是松树、杉树、黄杨树, 都必一同归你, 为要修饰我圣所之地; 我也要使我脚踏之处得荣耀。
14 Ilmaan warra si cunqursanii siif sagadaa gara kee dhufu; warri si tuffatan hundinuus miilla keetti kufu; isaanis Magaalaa Waaqayyoo Xiyoon kan Qulqullicha Israaʼel jedhanii si waamu.
素来苦待你的,他的子孙都必屈身来就你; 藐视你的,都要在你脚下跪拜。 他们要称你为“耶和华的城”, 为“以色列圣者的锡安”。
15 “Yoo ati jibbamtee gatamtee namni tokko iyyuu si keessaan darbuu lagate iyyuu, ani boontuu bara baraatii fi gammachuu dhaloota hundaa sin taasisa.
你虽然被撇弃被厌恶, 甚至无人经过, 我却使你变为永远的荣华, 成为累代的喜乐。
16 Ati aannan sabootaa ni dhugda; harma moototaas ni hoota. Yommus ani Waaqayyo Jabaan Yaaqoob, Fayyisaa kee fi Furaa kee akkan taʼe ni beekta.
你也必吃万国的奶, 又吃君王的奶。 你便知道我—耶和华是你的救主, 是你的救赎主,雅各的大能者。
17 Ani qooda naasii warqee, qooda sibiilaa immoo, meetii siif nan fida. Qooda mukaa naasii, qooda dhagaa immoo, sibiila siif nan fida. Nagaa mootii kee, qajeelummaa immoo, bulchaa kee nan godha.
我要拿金子代替铜, 拿银子代替铁, 拿铜代替木头, 拿铁代替石头; 并要以和平为你的官长, 以公义为你的监督。
18 Siʼachi biyya kee keessatti gooliin, daarii kee keessatti immoo diigamni yookaan badiisni hin dhagaʼamu; ati garuu dallaa kee Fayyina, karrawwan kee immoo Galata jettee waamta.
你地上不再听见强暴的事, 境内不再听见荒凉毁灭的事。 你必称你的墙为“拯救”, 称你的门为“赞美”。
19 Siʼachi aduun guyyaadhaan, ifni jiʼaas halkaniin ifa kee hin taʼu; Waaqayyo ifa kee bara baraa taʼaatii; Waaqni kee ulfina kee ni taʼa.
日头不再作你白昼的光; 月亮也不再发光照耀你。 耶和华却要作你永远的光; 你 神要为你的荣耀。
20 Aduun kee deebitee hin dhiitu; jiʼi kee hin badu; Waaqayyo ifa kee bara baraa ni taʼa; barri gadda kees ni raawwatama.
你的日头不再下落; 你的月亮也不退缩; 因为耶和华必作你永远的光。 你悲哀的日子也完毕了。
21 Yoos uummanni kee hundi qajeelaa ni taʼa; bara baraanis lafa ni dhaala. Isaan biqiltuu ani dhaabbadhee dha; hojii harka koo, kan ani ittiin ulfina koo mulʼisuuf jedhee hojjedhee dha.
你的居民都成为义人, 永远得地为业; 是我种的栽子,我手的工作, 使我得荣耀。
22 Maatiin muraasni kuma, gareen xinnaan immoo saba guddaa taʼa. Ani Waaqayyoo dha; waan kana yeroo isaatti dafee nan hojjedha.”
至小的族要加增千倍; 微弱的国必成为强盛。 我—耶和华要按定期速成这事。

< Isaayyaas 60 >