< Isaayyaas 6 >

1 Bara Uziyaan Mootichi duʼe keessa, ani utuu Gooftaan teessoo ol dheeraa fi ulfina qabeessa irra taaʼee, handaarri uffata isaa mana qulqullummaa guutee jiruu nan arge.
In the year that King Uzziah died, I saw the Lord seated on a throne, high and exalted; and the train of His robe filled the temple.
2 Isaa olittis suraafeloota tokkoon tokkoon isaanii qoochoo jaʼa jaʼa qabantu ture; isaanis qoochoo lamaan fuula isaanii haguuggatu; qoochoo lamaan miilla isaanii haguuggatu; qoochoo lamaan immoo ni barrisu turan.
Above Him stood seraphim, each having six wings: With two wings they covered their faces, with two they covered their feet, and with two they were flying.
3 Isaanis: “Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu dha; lafti hundinuu ulfina isaatiin guutamteerti” jedhanii walitti lallabaa turan.
And they were calling out to one another: “Holy, holy, holy is the LORD of Hosts; all the earth is full of His glory.”
4 Sagalee isaaniitiin hundeen dhaaba balbalaa ni raafame; manni qulqullummaas aaraan guutame.
At the sound of their voices the doorposts and thresholds shook, and the temple was filled with smoke.
5 Anis akkana jedheen iyye; “Anaaf wayyoo! Ani bade! Ani nama hidhii xuraaʼaa kan namoota hidhii xuraaʼaa qaban gidduu jiraatuudhaatii; iji koo Mooticha, Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu argeeraatii.”
Then I said: “Woe is me, for I am ruined, because I am a man of unclean lips dwelling among a people of unclean lips; for my eyes have seen the King, the LORD of Hosts.”
6 Suraafeloota keessaa inni tokko cilee bobaʼu kan qabduudhaan iddoo aarsaa irraa fuudhe tokko harkatti qabatee gara kootti barrise.
Then one of the seraphim flew to me, and in his hand was a glowing coal that he had taken with tongs from the altar.
7 Innis cilee sanaan afaan koo tuqee, “Ilaali, wanni kun hidhii kee tuqeera; balleessaan kee sirraa fuudhameera; cubbuun kees siif dhiifameera” jedhe.
And with it he touched my mouth and said: “Now that this has touched your lips, your iniquity is removed and your sin is atoned for.”
8 Anis sagalee Gooftaa kan, “Ani eenyunan ergadha? Eenyutu nuuf deema?” jedhu nan dhagaʼe. Kana irratti ani, “Kunoo anuu jira. Na ergi!” nan jedhe.
Then I heard the voice of the Lord saying: “Whom shall I send? Who will go for Us?” And I said: “Here am I. Send me!”
9 Innis, “Dhaqiitii akkana jedhii saba kanatti himi: “‘Dhagaʼuu ni dhageessu; garuu hin hubattan; arguus inuma argitu; garuu hin qalbeeffattan!’
And He replied: “Go and tell this people, ‘Be ever hearing, but never understanding; be ever seeing, but never perceiving.’
10 Qalbii saba kanaa doomsi; gurra isaanii cuqqaali; ija isaaniis cufi. Yoo kanaa achii isaan ija ofii isaaniitiin arganii gurra isaaniitiin dhagaʼanii qalbii isaaniitiin hubatanii deebiʼanii fayyu.”
Make the hearts of this people calloused; deafen their ears and close their eyes. Otherwise they might see with their eyes, hear with their ears, understand with their hearts, and turn and be healed.”
11 Ani, “Yaa Gooftaa, wanni kun hamma yoomiitti akkana taʼa?” nan jedhe. Innis akkana jedhee deebise: “Hamma magaalaawwan diigamanii nama isaan keessa jiraatu dhabanitti, hamma manneen onanii lafti qotiisaas barbadaaʼee duwwaa hafutti,
Then I asked: “How long, O Lord?” And He replied: “Until the cities lie ruined and without inhabitant, until the houses are left unoccupied and the land is desolate and ravaged,
12 hamma Waaqayyo nama hunda fageessee lafti sun guutumaan guutuutti dagatamutti taʼa.
until the LORD has driven men far away and the land is utterly forsaken.
13 Kudhan keessaa tokko yoo hafe iyyuu, biyyi sun amma illee deebitee onti. Garuu akkuma mukni laaftootii fi qilxuu, yoo muran gufuun isaa latu sana akkasuma sanyiin qulqulluun gufuu taʼee achitti hafa.”
And though a tenth remains in the land, it will be burned again. As the terebinth and oak leave stumps when felled, so the holy seed will be a stump in the land.”

< Isaayyaas 6 >