< Isaayyaas 59 >

1 Dhugumaan harki Waaqayyoo fayyisuuf gabaabaa miti; yookaan gurri isaa dhagaʼuu hin didne.
Tazama, mkono wa Yahwe sio mfupi ambao hautweza kukuokoa wewe; wala sikio lake sio zito, ambalo haliwezi kusikia.
2 Yakki keessan garuu Waaqa keessaniin gargar isin baaseera; akka inni isin hin dhageenyeef, cubbuun keessan fuula isaa isin duraa dhokseera.
Matendo yako ya dhambi, hata hivyo, zimekutenga wewe na Mungu, na dhambi zenu zimemfanya aufiche uso wake msimuone wala kumsikia yeye.
3 Harki keessan dhiigaan, qubni keessan immoo yakkaan faalameeraatii. Afaan keessan soba dubbata; arrabni keessan immoo waan hamaa guunguma.
Maana mikono yenu ina madoa ya damu na vidole vyenu vimejaa dhambi. Midomo yenu inazungumza uongo na ulimi wenu unazungumza kwa nia mbaya.
4 Namni murtii qajeelaa barbaadu hin jiru; kan himata isaa amanamummaadhaan dhiʼeeffatu tokko iyyuu hin jiru. Isaan waan faayidaa hin qabne amanatan; soba dubbatan; gowwoomsaa ulfaaʼanii hammina dhalan.
Hakuna hata mmoja aitae haki, na hakuna anayewasihi kesi yake katika haki. Wanayamini maneno yasiyo ya haki, maneno ya uongo; wanashika matatizo na kuzaa dhambi.
5 Isaan hanqaaquu buutii yaasan; manʼee sariitii foʼan. Namni hanqaaquu isaanii nyaatu kam iyyuu ni duʼa; yommuu tokkoon isaa cabutti buutiitu keessaa baʼa.
Wanetotoa mayai ya nyoka wenye sumu na hufuma mtandao wa buibui. Yeyote alaye mayai yake atakufa, na ikiwa yai litavunjika, litatotoa nyoka mwenye sumu.
6 Foʼaan isaanii uffata hin taʼu; waan tolchaniinis dhagna isaanii haguuggachuu hin dandaʼan. Hojiin isaanii hojii hamminaa ti; harka isaanii keessas hojii fincilaatu jira.
Mitando yao haitatumika kama mavazi, wala hawawezi kujifukia wenyewe kwa kazi yao. Kazi zao ni kazi za dhambi, na matendo ya vurugu yako mikononi mwao.
7 Miilli isaanii gara cubbuutti fiiga; isaan dhiiga qulqulluu dhangalaasuuf ariifatan. Yaadni isaanii jalʼaa dha; diiguu fi barbadeessuun mallattoo karaa isaanii ti.
Miguu yao inakimbilia uovu, na wanakimbilia kumwaga damu isiyo na hatia. Mawazo yao ni mawazo ya dhambi; vurugu na uharibifu ndio njia yao.
8 Isaan karaa nagaa hin beekan; murtiin qajeelaan karaa isaanii irra hin jiru. Daandii isaanii jalʼisaniiru; namni achi irra deemu tokko iyyuu nagaa hin beeku.
Njia ya amani hawaijuyui, na hakuna haki katika njia zao. Wametengeneza njia njia zlizopotoka; yeyote atakaye safiri kupitia njia hizi njia hizi hazijui amani.
9 Kanaafuu murtiin qajeelaan nurraa fagaateera; qajeelummaanis nu bira hin gaʼu. Nu ifa barbaanna; garuu hundinuu dukkana; ifa guyyaa barbaanna; garuu dimimmisa keessa deemna.
Hivyo basi haki iko mbali a sisi, wala haki haijatufikia sisi. Tunasubiri mwanga tunaona giza; tunatafuta mwangaza, lakini tunatembea gizani. Tunapapasa kwenywe ukuta kama kipofu, kama wale wasiona,
10 Nu akkuma jaamaa dallaa qaqqabachaa deemna; akkuma warra ija hin qabnee harkaan karaa keenya barbaaddanna. Akka nama halkaniin deemuu guyyaa saafaadhaan guggufanne; namoota jajjaboo gidduutti akka warra duʼanii taaneerra.
Tuna mashaka mchana kweupe kama kwenye mwanga unaofifia; miongoni mwa wenye nguvu tuko kama watu waliokufa.
11 Nu hundi akka amaaketaa gururiina; akka gugees gaddaan aadna. Murtii qajeelaa barbaanna; garuu hin arganne; fayyina barbaanna; inni garuu nurraa fagaateera.
Sisi tunaunguruma kama dubu na kuomboleza kama njiwa; tunasubiria haki, lakini hakuna kitu; kwa ukombozi, lakini uko mbali na sisi.
12 Yakki keenya fuula kee duratti baayʼateeraatii; cubbuun keenyas dhugaa nutti baʼa. Yakki keenya nu wajjin jiraata; nus balleessaa keenya ni beekna;
Maana makosa yetu mengi yako mbele zako, na dhambi zetu zinatushuhudia sisi; maana makosa yako pamoja na sisi.
13 nu fincillee Waaqayyoon sobne; Waaqa keenya duukaa buʼuu irraa garagalleerra; goolii fi fincila kakaafneerra; soba garaan keenya yaades dubbanneerra.
Tumeaasi, kumkana Yahwe na kuacha kumfuata Mungu. Tulizungumzia ulafi kujeuka nyuma, na kuanza kulalamika kutoka moyoni na maneno ya uongo.
14 Kanaafuu murtii qajeelaan duubatti deebifameera; qajeelummaanis fagoo dhaabata; dhugaan karaatti gufate; tollis ol seenuu hin dandaʼu.
Haki imerudishwa nyuma, wenye haki wamesimama mbali sana; maana ukweli uko mashakani katika mraba wa umma, haki haiwezi kuja.
15 Dhugaan eessumattuu hin argamu; namni cubbuu irraa fagaatus waan hamaaf saaxilama. Waaqayyo akka murtii qajeelaan hin jirre arge; kunis isa gaddisiise.
Waaminifu wamenda zao, na yeyote anayegeuka mbali na maovu anajiathiri mwenyewe. Yahwe aliliona hilo na hakupendezwa maana hakuna haki.
16 Inni akka namni tokko iyyuu hin jirre arge; kan gara isaatti kadhannaa dhiʼeessu waan dhabameefis ni dinqisiifate. Kanaafuu irreen isaa fayyina isaa fidde; qajeelummaan ofii isaas isa utube.
Aliona kwamba hakuna mtu, na akastaajabu kwamba hakuna mtu wa kuoma. Hivyo basi mkono wake uliletao wakovu kwake, na haki yake unamtosheleza yeye.
17 Qajeelummaa akka gaachana qomaatti kaaʼatee gonfoo fayyinaas mataatti gombifate; wayyaa ittiin haaloo baʼu uffatee akka nama waaroo uffatuuttis hinaaffaa ofitti marate.
Huivaa haki kama ngao kifuani na kofia ya chuma ya wokovu kichwani mwake. Anajivika mwenyewe kwa mavazi ya kisasi na kuvaa vazi la bidii.
18 Kanaafuu inni akkuma hojii isaaniitti, diinota isaatiif dheekkamsa, amajaajota isaaniitiif immoo adabbii malu ni kenna; biyyoota bishaan gidduutiifis hojii harka isaanii kennaaf.
Analipa tena kwa kilichotokea, hukumu ya hasira kwa adui zake na kwa adui atairidisha adhabu ya kisiwa kama zawadi yao.
19 Namoonni lixa biiftuu maqaa Waaqayyoo sodaatu; warri baʼa biiftuutti argaman immoo ulfina isaa kabaju. Inni akkuma lolaa, kan bubbeen Waaqayyoo oofuutti ni dhufaatii.
Hivyo wataliogopa jina la Yahwe kutoka magharibi na utukufu wake kutoka mashariki; maana atakuja kama mkondo wa mto, inaendeshwa na pumzi ya Yahwe.
20 “Furaan gara Xiyoon, gara warra mana Yaaqoob keessaa qalbii jijjiirratanii ni dhufa” jedha Waaqayyo.
Mkombozi atakuja Sayuni na wale watkaojeuka kutoka matendo yao ya uasi katika nyumba ya Yakobo- Hili ni tamko la Yahwe.
21 “Gama kootiin kakuun koo kan ani isaan wajjin qabu kana” jedha Waaqayyo. “Hafuurri koo kan sirra jiru, dubbiin koo kan ani afaan kee keessa kaaʼe sun afaan keetii yookaan afaan ijoollee keetiitii yookaan afaan ijoollee ijoollee isaaniitii harʼaa jalqabee bara baraan hin badu” jedha Waaqayyo.
Na kama mimi, hili ni agano langu pamoja nao- asema Yahwe- Roho yangu iliyo juu yenu, na maneno yangu niliyoyaweka kinywani mwenu, hayataondoka midomo mwenu au kuodoka mbali na midomo wajukuu wenu, au kwenda mbali asema Yahwe- kuanziia sasa na hata milele.''

< Isaayyaas 59 >