< Isaayyaas 59 >

1 Dhugumaan harki Waaqayyoo fayyisuuf gabaabaa miti; yookaan gurri isaa dhagaʼuu hin didne.
Behold, the LORD’S hand is not shortened, that it cannot save; neither his ear heavy, that it cannot hear:
2 Yakki keessan garuu Waaqa keessaniin gargar isin baaseera; akka inni isin hin dhageenyeef, cubbuun keessan fuula isaa isin duraa dhokseera.
But your iniquities have separated between you and your God, and your sins have hid his face from you, that he will not hear.
3 Harki keessan dhiigaan, qubni keessan immoo yakkaan faalameeraatii. Afaan keessan soba dubbata; arrabni keessan immoo waan hamaa guunguma.
For your hands are defiled with blood, and your fingers with iniquity; your lips have spoken lies, your tongue hath uttered perverseness.
4 Namni murtii qajeelaa barbaadu hin jiru; kan himata isaa amanamummaadhaan dhiʼeeffatu tokko iyyuu hin jiru. Isaan waan faayidaa hin qabne amanatan; soba dubbatan; gowwoomsaa ulfaaʼanii hammina dhalan.
None calleth for justice, nor any pleadeth for truth: they trust in vanity, and speak lies; they conceive mischief, and bring forth iniquity.
5 Isaan hanqaaquu buutii yaasan; manʼee sariitii foʼan. Namni hanqaaquu isaanii nyaatu kam iyyuu ni duʼa; yommuu tokkoon isaa cabutti buutiitu keessaa baʼa.
They hatch eggs of an adder, and weave the spider’s web: he that eateth of their eggs dieth, and that which is crushed breaketh out into a viper.
6 Foʼaan isaanii uffata hin taʼu; waan tolchaniinis dhagna isaanii haguuggachuu hin dandaʼan. Hojiin isaanii hojii hamminaa ti; harka isaanii keessas hojii fincilaatu jira.
Their webs shall not become garments, neither shall they cover themselves with their works: their works are works of iniquity, and the act of violence is in their hands.
7 Miilli isaanii gara cubbuutti fiiga; isaan dhiiga qulqulluu dhangalaasuuf ariifatan. Yaadni isaanii jalʼaa dha; diiguu fi barbadeessuun mallattoo karaa isaanii ti.
Their feet run to evil, and they make haste to shed innocent blood: their thoughts are thoughts of iniquity; wasting and destruction are in their paths.
8 Isaan karaa nagaa hin beekan; murtiin qajeelaan karaa isaanii irra hin jiru. Daandii isaanii jalʼisaniiru; namni achi irra deemu tokko iyyuu nagaa hin beeku.
The way of peace they know not; and there is no judgment in their goings: they have made them crooked paths: whoever goeth in it shall not know peace.
9 Kanaafuu murtiin qajeelaan nurraa fagaateera; qajeelummaanis nu bira hin gaʼu. Nu ifa barbaanna; garuu hundinuu dukkana; ifa guyyaa barbaanna; garuu dimimmisa keessa deemna.
Therefore is judgment far from us, neither doth justice overtake us: we wait for light, but behold obscurity; for brightness, but we walk in darkness.
10 Nu akkuma jaamaa dallaa qaqqabachaa deemna; akkuma warra ija hin qabnee harkaan karaa keenya barbaaddanna. Akka nama halkaniin deemuu guyyaa saafaadhaan guggufanne; namoota jajjaboo gidduutti akka warra duʼanii taaneerra.
We grope for the wall like the blind, and we grope as if we had no eyes: we stumble at noonday as in the night; we are in desolate places as dead men.
11 Nu hundi akka amaaketaa gururiina; akka gugees gaddaan aadna. Murtii qajeelaa barbaanna; garuu hin arganne; fayyina barbaanna; inni garuu nurraa fagaateera.
We all roar like bears, and mourn bitterly like doves: we look for judgment, but there is none; for salvation, but it is far from us.
12 Yakki keenya fuula kee duratti baayʼateeraatii; cubbuun keenyas dhugaa nutti baʼa. Yakki keenya nu wajjin jiraata; nus balleessaa keenya ni beekna;
For our transgressions are multiplied before thee, and our sins testify against us: for our transgressions are with us; and as for our iniquities, we know them;
13 nu fincillee Waaqayyoon sobne; Waaqa keenya duukaa buʼuu irraa garagalleerra; goolii fi fincila kakaafneerra; soba garaan keenya yaades dubbanneerra.
In transgressing and lying against the LORD, and departing away from our God, speaking oppression and revolt, conceiving and uttering from the heart words of falsehood.
14 Kanaafuu murtii qajeelaan duubatti deebifameera; qajeelummaanis fagoo dhaabata; dhugaan karaatti gufate; tollis ol seenuu hin dandaʼu.
And judgment is turned away backward, and justice standeth afar off: for truth is fallen in the street, and equity cannot enter.
15 Dhugaan eessumattuu hin argamu; namni cubbuu irraa fagaatus waan hamaaf saaxilama. Waaqayyo akka murtii qajeelaan hin jirre arge; kunis isa gaddisiise.
Yea, truth faileth; and he that departeth from evil maketh himself a prey: and the LORD saw it, and it displeased him that there was no judgment.
16 Inni akka namni tokko iyyuu hin jirre arge; kan gara isaatti kadhannaa dhiʼeessu waan dhabameefis ni dinqisiifate. Kanaafuu irreen isaa fayyina isaa fidde; qajeelummaan ofii isaas isa utube.
And he saw that there was no man, and wondered that there was no intercessor: therefore his arm brought salvation to him; and his righteousness, it sustained him.
17 Qajeelummaa akka gaachana qomaatti kaaʼatee gonfoo fayyinaas mataatti gombifate; wayyaa ittiin haaloo baʼu uffatee akka nama waaroo uffatuuttis hinaaffaa ofitti marate.
For he put on righteousness as a breastplate, and an helmet of salvation upon his head; and he put on the garments of vengeance for clothing, and was clad with zeal as a cloke.
18 Kanaafuu inni akkuma hojii isaaniitti, diinota isaatiif dheekkamsa, amajaajota isaaniitiif immoo adabbii malu ni kenna; biyyoota bishaan gidduutiifis hojii harka isaanii kennaaf.
According to their deeds, accordingly he will repay, fury to his adversaries, recompence to his enemies; to the isles he will repay recompence.
19 Namoonni lixa biiftuu maqaa Waaqayyoo sodaatu; warri baʼa biiftuutti argaman immoo ulfina isaa kabaju. Inni akkuma lolaa, kan bubbeen Waaqayyoo oofuutti ni dhufaatii.
So shall they fear the name of the LORD from the west, and his glory from the rising of the sun. When the enemy shall come in like a flood, the Spirit of the LORD shall lift up a standard against him.
20 “Furaan gara Xiyoon, gara warra mana Yaaqoob keessaa qalbii jijjiirratanii ni dhufa” jedha Waaqayyo.
And the Redeemer shall come to Zion, and to them that turn from transgression in Jacob, saith the LORD.
21 “Gama kootiin kakuun koo kan ani isaan wajjin qabu kana” jedha Waaqayyo. “Hafuurri koo kan sirra jiru, dubbiin koo kan ani afaan kee keessa kaaʼe sun afaan keetii yookaan afaan ijoollee keetiitii yookaan afaan ijoollee ijoollee isaaniitii harʼaa jalqabee bara baraan hin badu” jedha Waaqayyo.
As for me, this is my covenant with them, saith the LORD; My spirit that is upon thee, and my words which I have put in thy mouth, shall not depart out of thy mouth, nor out of the mouth of thy seed, nor out of the mouth of thy seed’s seed, saith the LORD, from henceforth and for ever.

< Isaayyaas 59 >