< Isaayyaas 58 >

1 “Guddisii iyyi; hin qusatin. Akkuma malakataa sagalee kee ol fudhadhu. Saba kootti fincila isaanii, mana Yaaqoobitti immoo cubbuu isaanii labsi.
“Cry aloud! Don’t spare! Lift up your voice like a trumpet! Declare to my people their disobedience, and to the house of Jacob their sins.
2 Isaan guyyuma guyyaan na barbaaduutii; isaan akkuma saba waan qajeelaa hojjetee ajajawwan Waaqa isaa hin dhiisin tokkootti waan karaa koo beekuu barbaadan fakkaatu. Isaan murtii qajeelaa na kadhatu; akka Waaqni isaanitti dhiʼaatus waan hawwan fakkaatu.
Yet they seek me daily, and delight to know my ways. As a nation that did righteousness, and didn’t forsake the ordinance of their God, they ask of me righteous judgments. They delight to draw near to God.
3 Isaanis, ‘Yoo ati waan kana hin argine, nu maaliif soomne? Yoo ati waan kana hin qalbeeffanne nu maaliif gad of qabne?’ jedhu. “Taʼus isin guyyaa sooma keessanii waan feetan gootan; hojjettoota keessan hundas ni hacuuccan.
‘Why have we fasted,’ they say, ‘and you don’t see? Why have we afflicted our soul, and you don’t notice?’ “Behold, in the day of your fast you find pleasure, and oppress all your laborers.
4 Soomni keessan wal loluu fi wal qoccoluudhaan, aboottee hamminaatiin wal tumuudhaan raawwata. Soomni isin harʼa soomaa jirtan kun, akka sagaleen keessan gubbaatti dhagaʼamu hin godhu.
Behold, you fast for strife and contention, and to strike with the fist of wickedness. You don’t fast today so as to make your voice to be heard on high.
5 Soomni ani filadhe sooma akkanaatii? Namni tokko guyyuma tokko qofaaf gad of qabaa? Wanni kun akkuma dhallaadduu mataa gad qabachuu fi wayyaa gaddaatii fi daaraa irra ciisuu qofaafii? Wanni isin sooma jettaniin guyyaan fuula Waaqayyoo duratti fudhatama qabu kanaa?
Is this the fast that I have chosen? A day for a man to humble his soul? Is it to bow down his head like a reed, and to spread sackcloth and ashes under himself? Will you call this a fast, and an acceptable day to the LORD?
6 “Soomni ani itti gammadu, kan foncaa jalʼinaa furu, kan funyoo waanjoo hiiku, kan cunqurfamtoota bilisa baasuu fi waanjoo hunda caccabsu mitii?
“Isn’t this the fast that I have chosen: to release the bonds of wickedness, to undo the straps of the yoke, to let the oppressed go free, and that you break every yoke?
7 Akka ati warra beelaʼaniif nyaata kee qoodduu fi akka hiyyeeyyii mana hin qabne mana keetti simattu, akka ati yeroo nama daare argitutti daara isa baaftuu fi akka nama foonii fi dhiiga kee taʼetti dugda hin galle mitii?
Isn’t it to distribute your bread to the hungry, and that you bring the poor who are cast out to your house? When you see the naked, that you cover him; and that you not hide yourself from your own flesh?
8 Yoos ifni kee akka biiftuu ganamaa ni baʼa; fayyinni kees dafee ni dhufa; qajeelummaan kee fuula kee dura deema; ulfinni Waaqayyoo immoo duubaan si eega.
Then your light will break out as the morning, and your healing will appear quickly; then your righteousness shall go before you, and the LORD’s glory will be your rear guard.
9 Yeroo sana ati ni waammatta; Waaqayyos deebii siif kenna; ati gargaarsa barbaacha iyyatta; innis, ‘Ani asan jira’ siin jedha. “Ati yoo waanjoo cunqursaa, haasaʼa hamminaatii fi quba namatti qabuu of irraa fageessite,
Then you will call, and the LORD will answer. You will cry for help, and he will say, ‘Here I am.’ “If you take away from among you the yoke, finger pointing, and speaking wickedly;
10 ati yoo warra beelaʼaniif nyaata kennite, warra rakkatanis rakkinaa baafte, ifni kee dukkana keessa ni ibsa; halkan kees akka guyyaa saafaa taʼa.
and if you pour out your soul to the hungry, and satisfy the afflicted soul, then your light will rise in darkness, and your obscurity will be as the noonday;
11 Waaqayyo yeroo hunda si geggeessa; inni lafa aduudhaan gubate keessatti iyyuu fedhii kee siif guuta; lafee kees ni jabeessa. Ati akka lafa biqiltuu bishaan quufee, akka burqaa hin gognees ni taata.
and the LORD will guide you continually, satisfy your soul in dry places, and make your bones strong. You will be like a watered garden, and like a spring of water whose waters don’t fail.
12 Uummanni kee diigamaa durii deebisee ni ijaara; atis hundee dhaloota baayʼee ol kaasta; atis, Suphaa Dallaawwan Jijjiganii, Haaromsaa Daandiiwwan Jireenyaa jedhamtee waamamta.
Those who will be of you will build the old waste places. You will raise up the foundations of many generations. You will be called Repairer of the Breach, Restorer of Paths with Dwellings.
13 “Ati yoo miilla kee Sanbata cabsuu irraa eeggattee guyyaa koo qulqulluu waan jaallattu gochuu dhiifte, ati yoo Sanbataan, ‘Gammachuu’ guyyaa qulqullaaʼaa Waaqayyootiin immoo, ‘Kabajamaa’ jette, yoo daandii ofii keetii deemtuu fi yoo waan feete gochuu yookaan haasaa faayidaa hin qabne haasaʼuu baattee Sanbata ulfeessite,
“If you turn away your foot from the Sabbath, from doing your pleasure on my holy day, and call the Sabbath a delight, and the holy of the LORD honorable, and honor it, not doing your own ways, nor finding your own pleasure, nor speaking your own words,
14 yeroo sana Waaqayyotti ni gammadda; anis akka ati lafa ol dheeraa irra guluftu, dhaala abbaa kee Yaaqoob nyaattee akka quuftus sin taasisa.” Afaan Waaqayyoo dubbateeraatii.
then you will delight yourself in the LORD, and I will make you to ride on the high places of the earth, and I will feed you with the heritage of Jacob your father;” for the LORD’s mouth has spoken it.

< Isaayyaas 58 >