< Isaayyaas 57 >

1 Namni qajeelaan ni duʼa; kan waan kana yaadatti qabatu tokko iyyuu hin jiru; warri Waaqaaf of kennan ni fudhatamu; akka qajeeltonni waan hamaa jalaa baraaramuuf fudhataman namni tokko iyyuu hin hubatu.
Mai adalci yakan mutu, ba kuwa wanda yakan yi tunani a zuciyarsa; an kwashe mutanen kirki, ba kuwa wanda ya fahimta cewa an kwashe masu adalci don a tsame su daga mugunta.
2 Namni qajeelummaadhaan jiraatu, gara nagaa seena; isaan siree isaanii irra boqotu.
Waɗanda suke aikata abin da yake daidai sukan shiga da salama; sukan huta yayinda suka kwanta cikin kabari.
3 “Isin garuu yaa ilmaan falfaltittii, isin sanyiin ejjituutii fi sagaagaltuu as kottaa!
“Amma ku, ku matso nan, ku’ya’ya maza na masu sihiri, ku zuriyar mazinata da karuwai!
4 Isin eenyutti qoostu? Eenyutti afaan banattu? Eenyuttis arraba baaftu? Isin ilmaan finciltootaa, sanyii sobdootaa mitii?
Wane ne kuke yi wa ba’a? Ga wa kuke masa gwalo kuna kuma fitar da harshe? Ashe, ku ba tarin’yan tawaye ba ne, zuriyar maƙaryata?
5 Isin mukkeen qilxuu gidduutti, mukkeen dagaagan hunda jalatti hawwii hamaadhaan gubattan; sululoota keessatti, holqa kattaa keessattis ijoollee keessan qaltan.
Kuna cike da muguwar sha’awa mai ƙonawa a cikin itatuwan oak da kuma a ƙarƙashin kowane itace mai inuwa; kuna miƙa hadayar’ya’yanku a rafuffuka da kuma a ƙarƙashin tsagaggun duwatsu.
6 Dhagaawwan cululuqoon sulula keessaa qooda kee ti; dhugumaan carraan kee isaanuma. Ati dhibaayyuu isaaniif dhangalaafte; aarsaa midhaanii isaaniif dhiʼeessiteerta. Ani wantoota kanneen calʼisee nan ilaalaa?
Gumakan da suke cikin duwatsu masu sulɓi su ne rabonku; su ɗin, su ne rabonku. I, gare su kuka kwarara hadayu na sha kuka kuma miƙa hadayu na gari. Saboda waɗannan abubuwa, zan yi haƙuri?
7 Ati siree kee tulluu guddaa fi ol dheeraa irra dhaabbatteerta; aarsaa kee dhiʼeeffachuufis achi ol baate.
Kun yi gadonku a dogayen duwatsu masu tsayi da kuma a tudu mai tsawo; a can kuka haura don ku miƙa hadayunku.
8 Ati cufaa keetii fi michichila cufaa keetii duubaan, yaadannoo kee fannifatteerta. Ana dhiiftee siree kee saaqqatte; yaabdees balʼiftee banattee keessa seente; ati warra siree isaanii jaallatte wajjin walii galte sana qullaa isaanii ilaalte.
A bayan ƙofofi da madogaran ƙofofi kuka kafa alamun gumakanku. Kuka yashe ni, kuka kware gadonku, kuka kwanta a kansa kuka fadada shi; kuka kuma ƙulla yarjejjeniya da waɗanda kuke ƙaunar gadajensu, kuka dubi tsiraicinsu.
9 Ati zayitii ejersaa fudhattee gara Moolek dhaqxe; shittoo kee illee ni baayʼifatte. Ergamoota kee biyya fagootti ergite; siiʼoolittis gad ergite! (Sheol h7585)
Kuka tafi wurin Molek da man zaitun kuka kuma riɓaɓɓanya turarenku. Kuka aika jakadunku can da nisa; kuka gangara zuwa cikin kabari kansa! (Sheol h7585)
10 Dheerina karaa keetiitiin dadhabdee turte; ati garuu, ‘Wanni kun faayidaa hin qabu’ hin jenne. Jabina haaromfame argatte; kanaafuu ati hin dadhabne.
Kuka gaji cikin dukan al’amuranku, amma ba ku iya cewa, ‘Aikin banza ne ba.’ Kuka sami sabuntar ƙarfinku, ta haka ba ku suma ba.
11 “Ati akka na sobduuf akka na hin yaadanneef, yookaan akka waan kana garaatti hin qabanneef, eenyuun sodaattee akkas naate? Ati sababii ani yeroo dheeraa calʼiseef, na sodaachuu dhiifte mitii?
“Wa ya sa ku fargaba, kuna jin tsoro har kuka yi mini ƙarya, ba ku kuma tuna da ni ba balle ku yi tunanin wannan a zukatanku? Ba don na daɗe ina shiru ba ne ya sa ba kwa tsorona?
12 Ani qajeelummaa keetii fi hojii kee ifatti nan baasa; isaan garuu si hin fayyadan.
Zan bayyana adalcinku da kuma ayyukanku, ba kuwa za su amfane ku ba.
13 Yeroo ati gargaarsaaf iyyitutti, mee waaqonni tolfamoon ati walitti qabatte sun si haa baasan! Bubbeen hunda isaanii fudhatee bada; hafuurri baafatan iyyuu afuufee isaan balleessa. Namni daʼannoo isaa ana godhatu garuu biyyattii ni dhaala; tulluu koo qulqulluu sana illee ni dhuunfata.”
Sa’ad da kuka nemi taimako, bari tarin gumakanku su cece ku! Iska za tă kwashe dukansu tă tafi, ɗan numfashi kawai zai hura su. Amma mutumin da ya mai da ni mafakarsa zai gāji ƙasar ya kuma mallaki dutsena mai tsarki.”
14 Akkanas ni jedhama: “Tolchaa; tolchaa; daandii qopheessaa! Karaa saba kootii irraa gufuuwwan bubuqqisaa.”
Za a kuma ce, “Ku gina, ku gina, ku gyara hanya! Ku kawar da abubuwan sa tuntuɓe a hanyar mutanena.”
15 Inni guddaanii fi ol ol jedhe, kan bara baraan jiraatuu fi kan maqaan isaa qulqulluu jedhamu sun akkana jedha: “Ani iddoo ol kaʼaa fi iddoo qulqulluu irra nan jiraadha; hafuura warra gad qabamanii bayyanachiisuuf, garaa warra gad of qabanii jajjabeessuuf garraamii fi kan hafuuraan gad qabame wajjinis nan jiraadha.
Gama abin da Maɗaukaki da kuma Mai daraja ya faɗa wanda yake raye har abada, wanda sunansa mai tsarki ne, “Ina zama a bisa da kuma a tsattsarkan wuri, amma kuma tare da shi wanda yake mai halin tuba mai tawali’u a ruhu, don in farfaɗo da ruhu mai tawali’u in kuma farfaɗo da zuciyar mai halin tuba.
16 Ani bara baraan namatti hin falmu; yookaan yeroo hunda hin dheekkamu; yoo akkas taʼe hafuurri namaa, hafuurri namni ani uume baafatu ni citaatii.
Ba zan tuhume su har abada ba, ba kuwa kullum zai yi fushi ba, gama a haka ruhun mutumin zan yi suma a gabana, shi numfashin mutumin da na halitta.
17 Ani dharraa isaa kan cubbuun guutame sanattan dheekkame; isa adabees aariidhaan fuula koo isa duraa nan dhokfadhe; inni garuu karuma fedhii isaatiin itti fufe.
Na yi fushi saboda kwaɗayin zunubinsa; na yi masa horo, na kuma ɓoye fuskata saboda fushi, duk da haka ya ci gaba da ayyukan zunubinsa.
18 Ani karaa isaa argeera; garuu isa nan fayyisa; ani isa nan qajeelcha; deebisees nan jajjabeessa;
Na ga al’amuransa, amma zan warkar da shi; zan bi da shi in mayar da ta’aziyya a gare shi,
19 arraba boossuuwwan Israaʼel keessa jiraatanii irrattis galata nan uuma. Warra fagoo jiraataniif nagaan, warra dhiʼoo jiraataniifis nagaan haa taʼu. Anis isaan nan fayyisa” jedha Waaqayyo.
ina ƙirƙiro yabo a leɓunan masu makoki a Isra’ila. Salama, salama, ga waɗanda suke nesa da kuma kusa,” in ji Ubangiji. “Zan kuma warkar da su.”
20 Namoonni hamoon garuu akkuma galaana olii gadi daddarbatamu, kan boqochuu hin dandeenye, kan dambaliin isaa laaqii fi dhoqqee tufuu ti.
Amma mugaye suna kama da tumbatsar teku, wanda ba ya natsuwa, wanda raƙumansa sukan kawo gurɓacewa da tabo.
21 “Namoota hamoof nagaan hin jiru” jedha Waaqni koo.
“Babu salama ga mugaye,” in ji Allahna.

< Isaayyaas 57 >