< Isaayyaas 56 >

1 Waaqayyo akkana jedha: Sababii fayyisuun koo dhiʼaatee fi qajeelummaan koo dafee mulʼatuuf, “Murtii qajeelaa eegaa; waan qajeelaas hojjedhaa.
耶和华如此说: 你们当守公平,行公义; 因我的救恩临近, 我的公义将要显现。
2 Namni waan kana hojjetu, kan waan kanattis cimu, kan Sanbata utuu hin xureessin eeguu fi waan hamaa kam iyyuu hojjechuu irraa harka isaa eeggatu eebbifamaa dha.”
谨守安息日而不干犯, 禁止己手而不作恶; 如此行、如此持守的人便为有福。
3 Alagaan Waaqayyotti cichee tokko, “Waaqayyo dhugumaan saba isaa irraa addaan na baasa” hin jedhin. Xuʼaashiin kam iyyuus, “Ani mukuma gogaadha” ofiin hin jedhin.
与耶和华联合的外邦人不要说: 耶和华必定将我从他民中分别出来。 太监也不要说:我是枯树。
4 Waaqayyo akkana jedhaatii: “Xuʼaashiiwwan Sanbatoota koo eegan, kanneen waan na gammachiisu filatanii fi kakuu koo jabeessanii eeganiif,
因为耶和华如此说: 那些谨守我的安息日, 拣选我所喜悦的事, 持守我约的太监,
5 ani mana qulqullummaa kootii fi dallaa isaa keessatti yaadannoo fi maqaa ilmaanii fi intallan caalu tokko nan kennaaf; ani maqaa bara baraa kan hin haqamne isaaniif nan kenna.
我必使他们在我殿中, 在我墙内,有记念,有名号, 比有儿女的更美。 我必赐他们永远的名,不能剪除。
6 Alagoota isa tajaajiluuf, maqaa Waaqayyoo jaallachuuf, isa waaqeffachuuf Waaqayyotti cichan kanneen Sanbata utuu hin xureessin eeganii fi kakuu koos cimsanii eegan hunda,
还有那些与耶和华联合的外邦人, 要事奉他,要爱耶和华的名, 要作他的仆人— 就是凡守安息日不干犯, 又持守他约的人。
7 ani gara tulluu koo qulqulluutti isaan nan fida; mana kadhannaa koo keessattis gammachuu isaaniif nan kenna. Aarsaan isaanii kan gubamuu fi qalmi, iddoo aarsaa koo irratti fudhatama ni argata; manni koo saboota hundaaf, mana sagadaa jedhamee waamamaatii.”
我必领他们到我的圣山, 使他们在祷告我的殿中喜乐。 他们的燔祭和平安祭, 在我坛上必蒙悦纳, 因我的殿必称为万民祷告的殿。
8 Waaqayyo Gooftaan, inni Israaʼeloota bittinnaaʼan walitti qabu sun akkana jedha: “Ani warra duraan walitti qabaman biratti, warra kaanis gara isaaniitti walitti nan qaba.”
主耶和华, 就是招聚以色列被赶散的,说: 在这被招聚的人以外, 我还要招聚别人归并他们。
9 Bineensonni dirree hundi, bineensonni bosonaa hundis kottaatii itti gaggabaa nyaadhaa!
田野的诸兽都来吞吃吧! 林中的诸兽也要如此。
10 Eegdonni Israaʼel jaamota, isaan hundi beekumsa hin qaban; hundi isaanii saroota duudaa dha; dutuus hin dandaʼan; isaan ciisanii abjootu; rafuus ni jaallatu.
他看守的人是瞎眼的, 都没有知识, 都是哑巴狗,不能叫唤; 但知做梦,躺卧,贪睡,
11 Isaan saroota albaadheyyii dha; nyaataniis hin quufan. Isaan tiksoota hubannaa hin qabnee dha; hundi isaanii daandii ofii isaanii irra deemu; tokkoon tokkoon isaanii faayidaa ofii isaanii barbaadu.
这些狗贪食,不知饱足。 这些牧人不能明白— 各人偏行己路, 各从各方求自己的利益。
12 Tokkoon tokkoon isaanii akkana jedhu; “Kottaa daadhii wayinii dhugnaa! Kottaa dhugaatii cimaa dhugnee quufnaa! Guyyaan borii akkuma harʼaa taʼa; yookaan caaluu iyyuu ni dandaʼa.”
他们说:来吧!我去拿酒, 我们饱饮浓酒; 明日必和今日一样, 就是宴乐无量极大之日。

< Isaayyaas 56 >