< Isaayyaas 55 >

1 “Isin warri dheebottan hundinuu kottaa; gara bishaanii kottaa; isin warri maallaqa hin qabne, kottaatii bitadhaa; nyaadhaas! Kottaatii maallaqaa fi gatii malee daadhii wayiniitii fi aannan bitadhaa.
“Njooni, ninyi nyote wenye kiu, njooni kwenye maji; nanyi ambao hamna fedha, njooni, nunueni na mle! Njooni, nunueni divai na maziwa bila fedha na bila gharama.
2 Isin maaliif waan buddeena hin taʼinitti maallaqa baaftu? Waan nama hin quubsine irrattis maaliif humna keessan fixxu? Dhagaʼaa; na dhagaʼaa; waan gaarii nyaadhaa; lubbuun keessanis coomaan haa gammaddu.
Kwa nini kutumia fedha kwa kitu ambacho si chakula, na kutaabikia kitu kisichoshibisha? Sikilizeni, nisikilizeni mimi na mle kilicho kizuri, nazo nafsi zenu zitafurahia utajiri wa unono.
3 Gurra naaf kennaatii gara koo kottaa; akka lubbuun keessan jiraattuufis na dhagaʼaa. Ani kakuu bara baraa isin wajjin nan gala; innis jaalala amanamaa isa Daawit abdachiifame sanaa dha;
Tegeni sikio mje kwangu, nisikieni mimi, ili nafsi zenu zipate kuishi. Nitafanya agano la milele nanyi, pendo la uaminifu nililomwahidi Daudi.
4 kunoo ani sabootaaf dhuga baatuu isa godheera; hoogganaa fi ajajaa sabootaas isa taasiseera.
Tazama, nimemfanya kuwa shahidi wa mataifa, kiongozi na jemadari wa mataifa.
5 Sababii Waaqayyo Waaqni kee, Qulqullichi Israaʼel sun, ulfina siif kenneef, ati dhugumaan saboota hin beekne ni waamta; saboonni si hin beeknes ariitiidhaan gara kee dhufu.”
Hakika utaita mataifa usiyoyajua, nayo mataifa yale yasiyokujua yataharakisha kukujia, kwa sababu ya Bwana Mungu wako, yeye Aliye Mtakatifu wa Israeli, kwa maana amekutukuza.”
6 Yeroo inni argamutti Waaqayyoon barbaaddadhaa; yeroo inni dhiʼoo jiruttis isa waammadhaa.
Mtafuteni Bwana maadamu anapatikana; mwiteni maadamu yu karibu.
7 Namni hamaan karaa isaa, namni jalʼaan immoo yaada isaa haa dhiisu. Inni gara Waaqayyootti haa deebiʼu; innis ni araaramaaf; gara Waaqa keenyaatti haa deebiʼu; dhiifamni isaa baayʼeedhaatii.
Mtu mwovu na aiache njia yake, na mtu mbaya na ayaache mawazo yake. Yeye na amrudie Bwana, naye atamrehemu, arudi kwa Mungu wetu, kwa kuwa atamsamehe bure kabisa.
8 “Yaadni koo yaada keessan, karaan keessanis karaa koo miti” jedha Waaqayyo.
“Kwa kuwa mawazo yangu si mawazo yenu, wala njia zenu si njia zangu,” asema Bwana.
9 “Akkuma samiiwwan lafa irraa ol fagaatan sana, karaan koo karaa keessan irraa, yaadni koos yaada keessan irraa ol fagoo dha.
“Kama vile mbingu zilivyo juu kuliko dunia, ndivyo njia zangu zilivyo juu kuliko njia zenu na mawazo yangu kuliko mawazo yenu.
10 Akkuma bokkaa fi cabbiin samiidhaa roobu sana, akka lafti biqila biqilchitee isa facaafatuuf sanyii, isa nyaatuuf immoo buddeena kennituuf malee utuu ishee hin quubsin hin deebine sana,
Kama vile mvua na theluji ishukavyo kutoka mbinguni, nayo hairudi tena huko bila kunywesha dunia na kuichipusha na kuistawisha, hivyo hutoa mbegu kwa mpanzi na mkate kwa mlaji,
11 dubbiin koo kan afaan kootii baʼus fedhii koo raawwata; kaayyoo ani isa ergeefis galmaan gaʼa malee harka duwwaa gara kootti hin deebiʼu.
ndivyo lilivyo neno langu lile litokalo kinywani mwangu: Halitanirudia tupu, bali litatimiliza lile nililokusudia na litafanikiwa katika kusudi lile nililolituma.
12 Isin gammachuudhaan baatu; nagaadhaan geggeeffamtu; tulluuwwanii fi gaarran, fuula keessan duratti ililchanii faarfatu; mukkeen dirree hundinuus harka walitti rukutu.
Mtatoka nje kwa furaha na kuongozwa kwa amani; milima na vilima vitapaza sauti kwa nyimbo mbele yenu, nayo miti yote ya shambani itapiga makofi.
13 Qooda qoraattii birbirsi, qooda sokorruus kusaayeen ni biqila. Kunis Waaqayyoof yaadannoo, mallattoo bara baraa kan hin badne taʼa.”
Badala ya kichaka cha miiba itaota miti ya misunobari, na badala ya michongoma utaota mhadasi. Hili litakuwa jambo la kumpatia Bwana jina, kwa ajili ya ishara ya milele, ambayo haitaharibiwa.”

< Isaayyaas 55 >