< Isaayyaas 55 >

1 “Isin warri dheebottan hundinuu kottaa; gara bishaanii kottaa; isin warri maallaqa hin qabne, kottaatii bitadhaa; nyaadhaas! Kottaatii maallaqaa fi gatii malee daadhii wayiniitii fi aannan bitadhaa.
你們一切乾渴的都當就近水來; 沒有銀錢的也可以來。 你們都來,買了吃; 不用銀錢,不用價值, 也來買酒和奶。
2 Isin maaliif waan buddeena hin taʼinitti maallaqa baaftu? Waan nama hin quubsine irrattis maaliif humna keessan fixxu? Dhagaʼaa; na dhagaʼaa; waan gaarii nyaadhaa; lubbuun keessanis coomaan haa gammaddu.
你們為何花錢買那不足為食物的? 用勞碌得來的買那不使人飽足的呢? 你們要留意聽我的話就能吃那美物, 得享肥甘,心中喜樂。
3 Gurra naaf kennaatii gara koo kottaa; akka lubbuun keessan jiraattuufis na dhagaʼaa. Ani kakuu bara baraa isin wajjin nan gala; innis jaalala amanamaa isa Daawit abdachiifame sanaa dha;
你們當就近我來; 側耳而聽,就必得活。 我必與你們立永約, 就是應許大衛那可靠的恩典。
4 kunoo ani sabootaaf dhuga baatuu isa godheera; hoogganaa fi ajajaa sabootaas isa taasiseera.
我已立他作萬民的見證, 為萬民的君王和司令。
5 Sababii Waaqayyo Waaqni kee, Qulqullichi Israaʼel sun, ulfina siif kenneef, ati dhugumaan saboota hin beekne ni waamta; saboonni si hin beeknes ariitiidhaan gara kee dhufu.”
你素不認識的國民,你也必召來; 素不認識你的國民也必向你奔跑, 都因耶和華-你的上帝以色列的聖者, 因為他已經榮耀你。
6 Yeroo inni argamutti Waaqayyoon barbaaddadhaa; yeroo inni dhiʼoo jiruttis isa waammadhaa.
當趁耶和華可尋找的時候尋找他, 相近的時候求告他。
7 Namni hamaan karaa isaa, namni jalʼaan immoo yaada isaa haa dhiisu. Inni gara Waaqayyootti haa deebiʼu; innis ni araaramaaf; gara Waaqa keenyaatti haa deebiʼu; dhiifamni isaa baayʼeedhaatii.
惡人當離棄自己的道路; 不義的人當除掉自己的意念。 歸向耶和華,耶和華就必憐恤他; 當歸向我們的上帝,因為上帝必廣行赦免。
8 “Yaadni koo yaada keessan, karaan keessanis karaa koo miti” jedha Waaqayyo.
耶和華說:我的意念非同你們的意念; 我的道路非同你們的道路。
9 “Akkuma samiiwwan lafa irraa ol fagaatan sana, karaan koo karaa keessan irraa, yaadni koos yaada keessan irraa ol fagoo dha.
天怎樣高過地, 照樣,我的道路高過你們的道路; 我的意念高過你們的意念。
10 Akkuma bokkaa fi cabbiin samiidhaa roobu sana, akka lafti biqila biqilchitee isa facaafatuuf sanyii, isa nyaatuuf immoo buddeena kennituuf malee utuu ishee hin quubsin hin deebine sana,
雨雪從天而降,並不返回, 卻滋潤地土,使地上發芽結實, 使撒種的有種,使要吃的有糧。
11 dubbiin koo kan afaan kootii baʼus fedhii koo raawwata; kaayyoo ani isa ergeefis galmaan gaʼa malee harka duwwaa gara kootti hin deebiʼu.
我口所出的話也必如此, 決不徒然返回, 卻要成就我所喜悅的, 在我發他去成就的事上必然亨通。
12 Isin gammachuudhaan baatu; nagaadhaan geggeeffamtu; tulluuwwanii fi gaarran, fuula keessan duratti ililchanii faarfatu; mukkeen dirree hundinuus harka walitti rukutu.
你們必歡歡喜喜而出來, 平平安安蒙引導。 大山小山必在你們面前發聲歌唱; 田野的樹木也都拍掌。
13 Qooda qoraattii birbirsi, qooda sokorruus kusaayeen ni biqila. Kunis Waaqayyoof yaadannoo, mallattoo bara baraa kan hin badne taʼa.”
松樹長出,代替荊棘; 番石榴長出,代替蒺藜。 這要為耶和華留名, 作為永遠的證據,不能剪除。

< Isaayyaas 55 >