< Isaayyaas 54 >

1 “Yaa dubartii dhabduu, kan takkumaa hin daʼin, amma faarfadhu; ati kan takkumaa ciniinsifattee hin beekin iyyii faarfadhu; guddisiitii ililchi. Ijoollee dubartii dhirsa qabduu caalaa ijoolleen dubartii gatamtee ni baayʼatu” jedha Waaqayyo.
不生育的石女,歡樂罷!未經產痛的女子!歡呼高唱罷!因為被棄者的子女比有夫者的子女還多:這是上主說的。
2 “Iddoo dunkaana keetii balʼifadhu; golgaa dunkaana keetii balʼisii diriirsi; walitti hin dachaasin; funyoo kee dheereffadhu; qofoo kees jabeeffadhu.
拓展你帳幕的空位,伸展你住所的帷幔,不必顧忌!拉長你的繩索,堅固你的木橛!
3 Ati gara mirgaattii fi gara bitaatti ni babalʼattaatii; sanyiiwwan kee saboota ni dhaalu; magaalaawwan isaanii kanneen duwwaa hafan keessas ni qubatu.
因為你要向左右拓展,你的後裔將以外邦之地為業,住滿廢棄了的城邑!
4 “Hin sodaatin; ati hin qaanoftuutii. Hin yaaddaʼin; ati hin salphattuutii; Qaanii ijoollummaa keetii ni dagatta; tuffii dhirsi kee sirraa duunaan sirra gaʼes siʼachi hin yaadattu.
不要害怕!因為你再不會蒙羞;不要羞慚!因為你再不會受辱;其實,你要忘記你幼年時所受的恥辱,再不懷念居寡時所受的侮慢,
5 Uumaan kee dhirsa keeti; maqaan isaas Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu dha; Qulqullichi Israaʼel Furii kee ti; innis Waaqa guutummaa lafaa jedhama.
因為你的夫君是你的造主,他的名字是「萬軍的上主;」你的救主是以色列的聖者,他將稱為「全世界的天主。」
6 Waaqayyo akka waan ati akkuma niitii gatamtee garaan ishee gaddee, akka niitii dargaggeessaa kan jibbamteetti deebisee ofitti si waama” jedha Waaqni kee.
是的,上主召見你時,你是一個被棄而心靈憂傷的婦女;人豈能遺棄他青年時的妻子﹖你的天主說。
7 “Ani yeroo muraasaafan si dhiise; garuu gara laafina guddaadhaan deebisee sin fida.
其實,我離棄了你,只是一會兒,但是我要用絕大的仁慈召你回來。
8 Ani dheekkamsa guddaadhaan yeroo muraasaaf fuula koo si dhokfadheen ture; garuu jaalala bara baraatiin, garaa siifin laafa” jedha Waaqayyo Furiin kee.
在我的盛怒中,我曾一會兒掩面不看你,可是我要以永遠的慈悲憐憫你,你的救主上主說。
9 “Wanni kun anaaf akkuma bara Nohi, yeroo ani itti bishaan Nohi deebiʼee lafa irra hin garagalu jedhee kakadhe sanaa ti. Kanaafuu ani akkan sitti hin aarre, gonkumaas lammata akkan si hin ifanne kakadheera.
這事對我有如諾厄的時日一般:就如那時我曾發誓說:諾厄的大水不再淹沒世界;同樣,我如今起誓:再不向你發怒,再不責斥你。
10 Tulluuwwan raafamanii, gaarran buqqifaman iyyuu, jaalalli hin geeddaramne kan ani siif qabu garuu hin raafamu; yookaan kakuun koo kan nagaa hin diigamu” jedha Waaqayyo inni garaa siif laafu sun.
高山可移動,丘陵能挪去,但我對你的仁慈決不移去,我的和平盟約總不動搖:憐憫你的上主說。
11 “Yaa magaalaa miidhamte kan dambaliidhaan garagalfamtee nama si jajjabeessu dhabde, ani dhagaa gatii guddaatiin si ijaaree sanpeeriidhaanis si hundeessa.
你這遭磨難,受顛沛,無安慰的城啊!看,我要用孔雀石安置你的基石,以碧玉奠定你的根基;
12 Ani fiixee kee lula diimaadhaan, karrawwan kee dooqa calaqqisuun, dallaa kee hunda immoo dhagaawwan gati jabeeyyiidhaan nan ijaara.
我要以紅瑪瑙修你的城垛,以水晶石築你的門戶,以各種寶石建你的圍牆。
13 Waaqayyo ilmaan kee hunda ni barsiisa; nagaan ijoollee keetiis guddaa taʼa.
你所有的兒子,都是上主所訓誨的;你的兒子們,要享受絕大的幸福。
14 Ati qajeelummaadhaan hundeeffamta; cunqurfamuun sirraa fagaata; wanni si sodaachisu tokko iyyuu hin jiru. Gooliin sirraa fageeffama; sitti iyyuu hin dhiʼaatu.
你將建築在正義的根基上;欺壓已遠去,你無需再有所恐懼;驚嚇也遠去了,它再不會臨近你。
15 Yoo namni tokko iyyuu lola sitti kaase ani keessaa hin qabu; namni lola sitti kaasu kam iyyuu harka sitti kennata.
請看!如果有人攻擊你,那不是出於我;凡攻打你的,必在你前跌倒。
16 “Kunoo, kan tumtuu sibiilaa kan cilee buufee ibidda bobeessee miʼa waraanaa tumee hojii isaatiif mijeessu sana uume anuma. Kan nama waa balleessu tokko akka inni balaa buusuuf uumes anuma;
請看!是我造了吹煤火的鐵匠,由於他工作中造出了各種武器,可是也是我造了毀滅者來加以破壞。
17 meeshaan si miidhuuf tolfame kam iyyuu hin milkaaʼu; atis arraba si himatu hunda of irraa deebifta. Kun dhaala tajaajiltoota Waaqayyoo ti; innis qajeelummaa isaan narraa argatanii dha” jedha Waaqayyo.
所製造的各種武器,為攻打你,一概無用;在訴訟中,凡起來與你爭辯的舌頭,都要被你駁倒。這是上主的僕人應得之分,是他們由我所得的報酬──上主的斷語。

< Isaayyaas 54 >

A Dove is Sent Forth from the Ark
A Dove is Sent Forth from the Ark