< Isaayyaas 53 >
1 Ergaa keenya eenyutu amane? Irreen Waaqayyoos eenyutti mulʼate?
Wa ya gaskata saƙonmu kuma ga wa hannun Ubangiji ya bayyana?
2 Inni fuula isaa duratti akkuma biqiltuu kichuu, akkuma hidda lafa gogaa keessaa baʼu tokkootti guddate. Akka nu isa ilaalluuf, inni bifa hin tolu, yookaan simboo hin qabu; akka nu isa hawwinuufis miidhagina hin qabu.
Ya yi girma kamar dashe marar ƙarfi, kamar saiwa kuma daga ƙeƙasasshiyar ƙasa. Ba shi da kyan gani ko wani makamin da zai ja hankalinmu, babu wani abin da yake da shi da zai sa mu yi sha’awarsa.
3 Inni nama biratti tuffatamee jibbame; inni nama gaddaa fi gadadamuun jiraatuu dha. Akkuma nama namoonni fuula isaanii irraa garagalfatanii, inni ni tuffatame; nus ulfina hin kennineef.
Mutane suka rena shi suka ƙi shi, mutum ne cike da baƙin ciki, ya kuma saba da wahala. Kamar wanda mutane suna ɓuya fuskokinsu daga gare shi aka rena shi aka yi banza da shi.
4 Dhugumaan inni dhukkuba keenya fudhate; gadda keenyas baate; nu garuu akka waan Waaqni isa dhaʼeetti, akka waan inni rukutee isa miidheetti isa hedne.
Tabbatacce ya ɗauki cututtukanmu ya kuma daure da baƙin cikinmu duk da haka muka ɗauka Allah ya hukunta shi ne, ya buge shi ya kuma sa ya sha azaba.
5 Inni garuu sababii yakka keenyaatiif waraaname; balleessaa keenyaafis caccabsame; nu adabamuu isaatiin nagaa arganne; madaaʼuu isaatiin immoo fayyine.
Amma aka yi masa rauni saboda laifofinmu, aka ƙuje shi saboda kurakuranmu; hukuncin da ya kawo mana salama ya kasance a kansa, kuma ta wurin mikinsa ya sa muka warke.
6 Hundi keenya akka hoolaa karaa irraa badnee turre; tokkoon tokkoon keenya gara karaa keenyaatti gorre; Waaqayyos balleessaa hunda keenyaa isa irra kaaʼe.
Dukanmu, muna kama da tumakin da suka ɓata, kowannenmu ya kama hanyarsa; Ubangiji kuwa ya sa hukunci ya auko a kansa hukuncin da ya wajaba a kanmu.
7 Inni ni cunqurfame; ni dhiphates; garuu afaan isaa hin saaqqanne; inni akkuma ilmoo hoolaa kan iddoo qalmaatti geeffamuu, akkuma hoolaa fuula nama rifeensa irraa murmuruu duratti calʼisuu, akkasuma afaan isaa hin saaqqanne.
Aka wulaƙanta shi aka kuma yi masa azaba, duk da haka bai buɗe bakinsa ba; aka kai shi kamar ɗan rago zuwa wurin yanka, kuma kamar tunkiya a gaban masu askinta tana shiru, haka bai buɗe bakinsa ba.
8 Inni cunqursaa fi murtiidhaan fudhatame. Eenyutu waaʼee dhaloota isaa dubbachuu dandaʼa? Inni biyya jiraattotaa irraa kutameeraatii; dogoggora saba kootiifis rukutameera.
Da wulaƙanci da kuma hukunci aka ɗauke shi aka tafi. Wa kuwa zai yi maganar zuriyarsa? Gama an kawar da shi daga ƙasar masu rai; saboda laifin mutanena aka kashe shi.
9 Inni goolii kaasuu baatu iyyuu, yookaan sobni afaan isaatii baʼuu baatu iyyuu akka awwaalli isaa hamoota wajjin duuti isaas sooreyyii wajjin taʼu godhan.
Aka yi jana’izarsa tare da mugaye, aka binne shi tare da masu arziki, ko da yake bai taɓa yin wani tashin hankali ba, ko a sami ƙarya a bakinsa.
10 Taʼus isa dirmammeessuu fi isa dhiphisuun fedhii Waaqayyoo ture; Waaqayyo lubbuu isaa aarsaa yakkaa godhu iyyuu inni sanyii isaa ni arga; umurii isaas ni dheeressa; fedhiin Waaqayyoos harka isaatti ni raawwatama.
Duk da haka nufin Ubangiji ne a ƙuje shi yă kuma sa yă sha wahala, kuma ko da yake Ubangiji ya sa ransa ya zama hadaya don zunubi, zai ga zuriyarsa zai kuma kawo masa tsawon rai, nufin Ubangiji kuma zai yi nasara a hannunsa.
11 Inni erga lubbuun isaa dhiphatee booddee, ifa ni arga; ni gammadas; garbichi koo qajeelaan sun beekumsa isaatiin namoota baayʼee qajeeltota taasisa; yakka isaaniis ni baata.
Bayan wahalar ransa, zai ga hasken rai, ya kuma gamsu; ta wurin saninsa bawana mai adalci zai’yantar da mutane masu yawa, zai kuma ɗauki laifofinsu.
12 Kanaafuu ani gurguddoota gidduutti qooda nan kennaaf; innis jajjaboota wajjin boojuu ni qooddata; inni lubbuu isaa duʼaaf kennee yakkitootatti lakkaaʼameeraatii. Taʼus inni cubbuu nama hedduu baatee yakkamtootaaf araara buuseera.
Saboda haka zan ba shi rabo tare da manya, zai kuma raba ganima tare da masu ƙarfi, domin ya ba da ransa har mutuwa, aka kuma lissafta shi tare da masu laifofi. Gama ya ɗauki zunubin mutane masu yawa, ya kuma yi roƙo saboda laifofinsu.