< Isaayyaas 53 >

1 Ergaa keenya eenyutu amane? Irreen Waaqayyoos eenyutti mulʼate?
Who would have had faith in the word which has come to our ears, and to whom had the arm of the Lord been unveiled?
2 Inni fuula isaa duratti akkuma biqiltuu kichuu, akkuma hidda lafa gogaa keessaa baʼu tokkootti guddate. Akka nu isa ilaalluuf, inni bifa hin tolu, yookaan simboo hin qabu; akka nu isa hawwinuufis miidhagina hin qabu.
For his growth was like that of a delicate plant before him, and like a root out of a dry place: he had no grace of form, to give us pleasure;
3 Inni nama biratti tuffatamee jibbame; inni nama gaddaa fi gadadamuun jiraatuu dha. Akkuma nama namoonni fuula isaanii irraa garagalfatanii, inni ni tuffatame; nus ulfina hin kennineef.
Men made sport of him, turning away from him; he was a man of sorrows, marked by disease; and like one from whom men's faces are turned away, he was looked down on, and we put no value on him.
4 Dhugumaan inni dhukkuba keenya fudhate; gadda keenyas baate; nu garuu akka waan Waaqni isa dhaʼeetti, akka waan inni rukutee isa miidheetti isa hedne.
But it was our pain he took, and our diseases were put on him: while to us he seemed as one diseased, on whom God's punishment had come.
5 Inni garuu sababii yakka keenyaatiif waraaname; balleessaa keenyaafis caccabsame; nu adabamuu isaatiin nagaa arganne; madaaʼuu isaatiin immoo fayyine.
But it was for our sins he was wounded, and for our evil doings he was crushed: he took the punishment by which we have peace, and by his wounds we are made well.
6 Hundi keenya akka hoolaa karaa irraa badnee turre; tokkoon tokkoon keenya gara karaa keenyaatti gorre; Waaqayyos balleessaa hunda keenyaa isa irra kaaʼe.
We all went wandering like sheep; going every one of us after his desire; and the Lord put on him the punishment of us all.
7 Inni ni cunqurfame; ni dhiphates; garuu afaan isaa hin saaqqanne; inni akkuma ilmoo hoolaa kan iddoo qalmaatti geeffamuu, akkuma hoolaa fuula nama rifeensa irraa murmuruu duratti calʼisuu, akkasuma afaan isaa hin saaqqanne.
Men were cruel to him, but he was gentle and quiet; as a lamb taken to its death, and as a sheep before those who take her wool makes no sound, so he said not a word.
8 Inni cunqursaa fi murtiidhaan fudhatame. Eenyutu waaʼee dhaloota isaa dubbachuu dandaʼa? Inni biyya jiraattotaa irraa kutameeraatii; dogoggora saba kootiifis rukutameera.
They took away from him help and right, and who gave a thought to his fate? for he was cut off from the land of the living: he came to his death for the sin of my people.
9 Inni goolii kaasuu baatu iyyuu, yookaan sobni afaan isaatii baʼuu baatu iyyuu akka awwaalli isaa hamoota wajjin duuti isaas sooreyyii wajjin taʼu godhan.
And they put his body into the earth with sinners, and his last resting-place was with the evil-doers, though he had done no wrong, and no deceit was in his mouth.
10 Taʼus isa dirmammeessuu fi isa dhiphisuun fedhii Waaqayyoo ture; Waaqayyo lubbuu isaa aarsaa yakkaa godhu iyyuu inni sanyii isaa ni arga; umurii isaas ni dheeressa; fedhiin Waaqayyoos harka isaatti ni raawwatama.
And the Lord was pleased ... see a seed, long life, ... will do well in his hand. ...
11 Inni erga lubbuun isaa dhiphatee booddee, ifa ni arga; ni gammadas; garbichi koo qajeelaan sun beekumsa isaatiin namoota baayʼee qajeeltota taasisa; yakka isaaniis ni baata.
... made clear his righteousness before men ... had taken their sins on himself.
12 Kanaafuu ani gurguddoota gidduutti qooda nan kennaaf; innis jajjaboota wajjin boojuu ni qooddata; inni lubbuu isaa duʼaaf kennee yakkitootatti lakkaaʼameeraatii. Taʼus inni cubbuu nama hedduu baatee yakkamtootaaf araara buuseera.
For this cause he will have a heritage with the great, and he will have a part in the goods of war with the strong, because he gave up his life, and was numbered with the evil-doers; taking on himself the sins of the people, and making prayer for the wrongdoers.

< Isaayyaas 53 >