< Isaayyaas 51 >

1 “Isin warri qajeelummaa duukaa buutan, warri Waaqayyoon barbaaddan na dhaggeeffadhaa: Isin kattaa irraa argamtan, boolla keessaa baafamtan sana ilaalaa.
Escúchenme los que van tras la justicia, los que buscan a Yavé. Miren a la roca de la cual fueron cortados, la cantera de la cual fueron extraídos.
2 Abbaa keessan Abrahaamii fi Saaraa ishee isin deesse sana ilaalaa. Yeroo ani isa waametti, inni tokkicha ture; ani isa nan eebbise; nan baayʼises.
Miren a Abraham, su antepasado, y a Sara, quien los dio a luz. Porque cuando estaba solo lo llamé, lo bendije y lo multipliqué.
3 Waaqayyo dhugumaan Xiyoonin ni jajjabeessa; diigama ishee hundas gara laafinaan ni ilaala; inni gammoojjii ishee goggogaa akka Eeden, lafa onaa ishees akka iddoo biqiltuu Waaqayyoo ni godha. Ililchuu fi gammaduun, galannii fi sagaleen faarfannaa ishee keessatti argama.
Ciertamente Yavé consolará a Sion. Consolará todos sus lugares desolados. Convertirá su desierto en un paraíso y su soledad en un huerto de Yavé. Allí habrá gozo y alegría, acciones de gracias y voz de melodía.
4 “Yaa uummata koo na dhaggeeffadhaa; yaa saba koo na dhagaʼaa; seerri na biraa baʼa; murtiin koos sabootaaf ifa taʼa.
Está atento a Mí, pueblo mío. Escúchame, oh nación mía. Porque de Mí saldrá la Ley. Estableceré mi justicia para luz de los pueblos.
5 Qajeelummaan koo dafee dhiʼaata; fayyisuun koos dhufaa jira; irreen koo moototaaf murtii qajeelaa fida; biyyoonni bishaan gidduu na eeggatu; irree koos ni abdatu.
Cercana está mi justicia. Salió mi salvación. Mis brazos juzgarán a los pueblos. Las costas esperarán en Mí y esperan mi brazo con expectación.
6 Ija keessan gara samiiwwaniitti ol qabadhaa; lafas gad ilaalaa; samiiwwan akkuma aaraa ni badu; lafti akkuma wayyaa moofofti. Jiraattonni ishees akkuma tisiisaa ni duʼan. Fayyisuun koo garuu bara baraan jiraata; qajeelummaan koos hin badu.
Levanten sus ojos al cielo y contemplen la tierra acá abajo. Porque el cielo se desvanecerá como el humo. La tierra envejecerá como una ropa, y los que la habitan morirán de igual manera. Pero mi salvación será para siempre, y mi justicia no será abolida.
7 “Isin warri waan qajeelaa beektan namoonni seera koo garaa keessaa qabdan na dhagaʼaa; tuffii namootaa hin sodaatinaa; yookaan arrabsoo isaaniitiin hin raafaminaa.
Escúchenme, los que conocen mi justicia, pueblo en cuyo corazón está mi Ley. No teman la afrenta del hombre, ni desmayen por sus ultrajes.
8 Biliin akka wayyaatti isaan nyaatti; raammoonis akkuma rifeensa hoolaatti isaan fixxi. Garuu qajeelummaan koo bara baraan, fayyisuun koos dhalootaa gara dhalootaatti itti fufa.”
Porque la polilla los comerá como a una ropa, y los devorará como el gusano a la lana. Pero mi justicia permanecerá eternamente, y mi salvación por los siglos de los siglos.
9 Yaa irree Waaqayyoo, kaʼi; kaʼi! Jabina uffadhu; akkuma baroota darbanii, akkuma dhaloota durii keessatti taʼe sana kaʼi. Kan Raʼaabin kukkute, kan jawwee galaanaa waraane sun suma mitii?
¡Despierta, despierta, vístete de fuerza, oh brazo de Yavé! ¡Despierta como en los días de antaño, como en las generaciones antiguas! ¿No eres Tú el mismo que destrozó a Rahab, el que traspasó al dragón?
10 Inni akka warri furaman ceʼaniif, galaanicha, bishaan tuujuba guddichaa gogse, kan dhidhima galaanaa keessaan karaa baase suma mitii?
¿No eres Tú el que secó el mar, las aguas del gran abismo? ¿El que transformó las profundidades del mar en camino para que pasaran los redimidos?
11 Warri Waaqayyo isaan fure ni deebiʼu. Isaan faarfannaadhaan Xiyoon seenu; gammachuun bara baraa mataa isaanii irra jiraata. Isaan gammachuu fi ililleedhaan guutamu; gaddii fi booʼichi isaan irraa fagaatu.
Así los redimidos de Yavé volverán y entrarán a Sion con gritos de júbilo, y gozo eterno habrá sobre sus cabezas. Obtendrán gozo y alegría. Huirán el dolor y el gemido.
12 “Kan isin jajjabeessu ana; anuma. Yoos maaliif namoota duʼa hin oolle, ilmaan namaa kanneen akkuma margaa taʼan sodaattu ree?
Yo soy, Yo soy Quien los consuela. ¿Quién eres tú para que temas al hombre que es mortal, al hijo de hombre que es como pasto seco?
13 Ati kan Waaqayyo Tolchaa kee, isa samiiwwan diriirsee hundee lafaa buuse sana dagattu eenyu? Ati kan sababii dheekkamsa cunqursaa waa balleessuuf qophaaʼe sanaatiif utuu gargar hin kutin guyyaa guyyaan sodaattu eenyu? Yoos dheekkamsi cunqursaa sanaa meerree?
¿Ya te olvidaste de Yavé, tu Hacedor, Quien desplegó los cielos y cimentó la tierra para que tiembles continuamente todos los días ante la furia del opresor cuando se dispone a destruir? ¿Pero dónde está la furia del opresor?
14 Boojiʼamtoonni hidhaman ariitiidhaan gad dhiifamu; isaan boolla itti hidhaman keessatti hin duʼan yookaan buddeena hin dhaban.
El prisionero agobiado pronto será libertado. No morirá en la cárcel ni le faltará su pan.
15 Ani Waaqayyo Waaqa kee, kan akka dhaʼaan bishaanii huursuuf galaana raasuu dha; maqaan isaas Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu dha.
Porque Yo soy Yavé tu ʼElohim, Quien agita el mar y rugen sus olas. Mi Nombre es el Yavé de las huestes.
16 Ani kan samiiwwan iddoo isaanii kaaʼe, kan hundee lafaa hundeessee Xiyooniin, ‘Ati saba koo ti’ jedhe sun, dubbii koo afaan kee keessa kaaʼeera; gaaddidduu harka kootiinis si haguugeera.”
Yo extendí los cielos y fundé la tierra. Puse mis Palabras en tu boca. Te cubrí con la sombra de mi mano y digo a Sion: Tú eres pueblo mío.
17 Yaa Yerusaalem, ati kan harka Waaqayyoo irraa, xoofoo dheekkamsa isaa keessaa dhugde, ati kan xoofoo dhugaatii nama gatantarsuu keessaa siicoo isaa xuruurfattee dhugde, dammaqi, dammaqi! Ol kaʼi.
¡Despierta! ¡Despierta! ¡Levántate, oh Jerusalén! Porque de la mano de Yavé bebiste la copa de su furor. Porque de la copa del aturdimiento bebiste hasta los sedimentos.
18 Ilmaan isheen deesse hunda keessaa, kan ishee qajeelchu tokko iyyuu hin turre; ilmaan isheen guddifte hunda keessaas, kan harka ishee qabu tokko iyyuu hin turre.
Entre los hijos que ella dio a luz, no hay uno que la guíe. Entre todos los hijos que ella crió, no hay uno que la lleve de la mano.
19 Balaawwan kunneen dachaadhaan sitti dhufaniiru; egaa eenyutu si jajjabeessuu dandaʼa? Diigamnii fi badiisni, beellii fi goraadeen sitti dhufaniiru; eegaa eenyutu si jajjabeessuu dandaʼa?
Esos dos males te vinieron: desolación y quebrantamiento, hambre y espada. ¿Quién se compadecerá de ti? ¿Quién te consolará?
20 Ijoolleen kee gaggabaniiru; akkuma borofa kiyyoon qabame tokkoo, roga karaa irra ciciisu. Isaan dheekkamsa Waaqayyootiin, ifata Waaqa keetiinis guutamaniiru.
Tus hijos desfallecieron. Están tendidos al comienzo de todas las calles como antílope en la red, llenos de la ira de Yavé, de la reprensión de tu ʼElohim.
21 Kanaafuu yaa ishee miidhamte, kan utuu daadhii wayinii hin dhugin machoofte, waan kana dhagaʼi.
Por tanto, escucha esto, oh afligida, embriagada, y no de vino.
22 Waaqayyo Gooftaan kee, Waaqni kee inni saba isaa eegu akkana jedha: “Kunoo ani xoofoo dhugaatii nama gatantarsu harka keetii fuudheera; ati siʼachi xoofoo dheekkamsa koo keessaa deebitee hin dhugdu.
ʼAdonay el Yavé y tu ʼElohim, Quien aboga por su pueblo, dice: Ciertamente Yo quito de tu mano la copa del aturdimiento. Nunca más beberás los sedimentos de la copa de mi ira.
23 Anis xoofoo sana harka warra si dhiphisan kanneen, ‘Akka nu sirra yaanuuf, lafa irra diriirfami’ siin jedhan sanaa keessa nan kaaʼa. Ati immoo dugda kee akkuma lafaa, akkuma daandii namni irra deemuu goote.”
La pondré en la mano de tus angustiadores, los que te decían: Póstrate y pasemos por encima. Y tú colocabas tu espalda como suelo, como calzada para los transeúntes.

< Isaayyaas 51 >