< Isaayyaas 50 >
1 Waaqayyo akkana jedha: “Waraqaan ragaa, kan ani ittiin haadha keessan hiikee of irraa ittiin ishee geggeesse meerre? Yookaan namni liqii narraa qabu kan ani itti isin gurgure eenyu? Isin sababii cubbuu keessaniif gurguramtaniirtu; sababii yakka keessaniitiifis haati keessan ariʼamteerti.
Ga abin da Ubangiji yana cewa, “Ina takardar shaida na saki mahaifiyarka daga aure wadda na kora? Ko kuwa ga wanda mutumin da nake bin bashi ne na sayar da kai? Saboda zunubanka aka sayar da kai; saboda laifofinka ne ya sa aka kori mahaifiyarka.
2 Yeroo ani dhufetti namni maaliif achi hin jiraatin? Yeroo ani waametti namni owwaatu maaliif achii dhabame? Harki koo akka furuu hin dandeenyeef gabaabateeraa? Ani isin baraaruuf humna dhabeeraa? Ani dheekkamsa qofaan galaana nan gogsa; lageenis gammoojjiitti nan geeddara; qurxummiiwwan isaanii bishaan dhabanii ajaaʼu; dheebuudhaanis ni dhumu.
Sa’ad da na zo, me ya sa babu kowa? Sa’ad da na yi kira, me ya sa babu wani da ya amsa? Hannuna ya kāsa ne sosai don fansarka? Na rasa ƙarfin kuɓutar da kai ne? Ta wurin tsawatawa kawai na busar da teku, na mai da koguna hamada; kifayensu duk sun ruɓe saboda rashin ruwa suka kuma mutu saboda ƙishi.
3 Ani samiitti dukkana nan uffisa; wayyaa gaddaas itti nan haguuga.”
Na suturar da sararin sama da duhu na kuma mai da tsummoki abin rufuwarsa.”
4 Akka ani warra dadhaban jajjabeessuuf, Waaqayyo Gooftaan arraba barate naa kenneera. Inni ganama ganama na dammaqsa; akka inni akkuma barataa tokkootti dhaggeeffatuufis gurra koo dammaqsa.
Ubangiji Mai Iko Duka ya ba ni harshen umarni, don in san maganar da za tă ƙarfafa gajiyayye. Ya farkar da ni da safe, ya farkar da kunnena don in saurara kamar wanda ake koya masa.
5 Waaqayyo Gooftaan gurra koo naa baneera; anis fincilaa hin turre; ani dugda duubatti hin deebine.
Ubangiji Mai Iko Duka ya buɗe kunnuwana, kuma ban yi tayarwa ba; ban ja da baya ba.
6 Ani warra na rukutanitti dugda koo, warra areeda narraa buqqisanitti immoo maddii koo nan kenne; yeroo isaan natti qoosanii hancufa natti tufanitti, ani fuula koo isaan hin dhokfanne.
Na ba da bayana ga masu dūkana, kumatuna ga masu jan gemuna; ban ɓoye fuskata daga masu ba’a da masu tofa mini miyau ba.
7 Sababii Waaqayyo Gooftaan na gargaaruuf, ani hin salphifamu. Kanaafuu ani fuula koo akkuma dhagaa gurraachaa godhadheera; ani akka hin qaaneffamne illee nan beeka.
Gama Ubangiji Mai Iko Duka zai taimake ni, ba zan sha kunya ba. Saboda haka na kafa fuskata kamar dutsen ƙanƙara, na kuma sani ba zan sha kunya ba.
8 Inni dhugaa naaf baasu dhiʼoo jira. Yoos eenyutu na himata ree? Mee walitti gad haa baanu! Himataan koo eenyu? Inni mee natti gad haa baʼu!
Gama shi da zai tabbatar da ni, marar laifi ne yana kusa. Wane ne zai kawo ƙararraki game da ni? Bari mu je ɗakin shari’a tare! Wane ne mai zargina? Bari yă kalubalance ni!
9 Waaqayyo Gooftaatu na gargaara. Eenyutu natti mura? Isaan hundi akkuma wayyaa moofaʼu; dholdholeenis isaan nyaatti.
Ubangiji Mai Iko Duka ne zai taimake ni. Wane ne zai iya tabbatar da ni mai laifi? Duk za su koɗe kamar riga; asu za su cinye su.
10 Isin keessaa kan Waaqayyoon sodaatee dubbii garbicha isaatiif ajajamu eenyu? Namni dukkana keessa deddeebiʼu, kan ifa hin qabne, maqaa Waaqayyoo amanatee Waaqa isaatti haa irkatu.
Wane ne a cikinku yake tsoron Ubangiji yana kuma yin biyayya ga maganar bawansa? Bari wanda yake tafiya cikin duhu, wanda ba shi da haske, ya dogara a sunan Ubangiji ya kuma dogara ga Allahnsa.
11 Amma garuu isin warri ibidda bobeessitanii guca bobaʼaa deemu qabattan hundinuu ifa ibiddaa keessaniitii fi ifa guca bobeessitanii keessa deemaa. Wanni isin harka koo irraa argattan kanaa dha; isin dhiphinaan ni ciciiftu.
Amma yanzu fa, dukanku waɗanda kuke ƙuna wuta kuna kuma tanada wa kanku fitilu masu ci, ku je ku yi tafiya a cikin hasken wutarku da na fitilun da kuka ƙuna. Abin da za ku karɓa ke nan daga hannuna. Za ku kwanta a cikin azaba.