< Isaayyaas 50 >

1 Waaqayyo akkana jedha: “Waraqaan ragaa, kan ani ittiin haadha keessan hiikee of irraa ittiin ishee geggeesse meerre? Yookaan namni liqii narraa qabu kan ani itti isin gurgure eenyu? Isin sababii cubbuu keessaniif gurguramtaniirtu; sababii yakka keessaniitiifis haati keessan ariʼamteerti.
Thus says Jehovah, "Where is the bill of your mother's divorce, with which I have put her away? or which of my creditors is it to whom I have sold you? Look, for your iniquities were you sold, and for your transgressions was your mother put away.
2 Yeroo ani dhufetti namni maaliif achi hin jiraatin? Yeroo ani waametti namni owwaatu maaliif achii dhabame? Harki koo akka furuu hin dandeenyeef gabaabateeraa? Ani isin baraaruuf humna dhabeeraa? Ani dheekkamsa qofaan galaana nan gogsa; lageenis gammoojjiitti nan geeddara; qurxummiiwwan isaanii bishaan dhabanii ajaaʼu; dheebuudhaanis ni dhumu.
Why, when I came, was there no man? When I called, was there none to answer? Is my hand shortened at all, that it can't redeem? or have I no power to deliver? Look, at my rebuke I dry up the sea, I make the rivers a wilderness: their fish stink, because there is no water, and die for thirst.
3 Ani samiitti dukkana nan uffisa; wayyaa gaddaas itti nan haguuga.”
I clothe the heavens with blackness, and I make sackcloth their covering."
4 Akka ani warra dadhaban jajjabeessuuf, Waaqayyo Gooftaan arraba barate naa kenneera. Inni ganama ganama na dammaqsa; akka inni akkuma barataa tokkootti dhaggeeffatuufis gurra koo dammaqsa.
Jehovah has given me the tongue of those who are taught, that I may know how to sustain with a word him who is weary: he wakens morning by morning, he wakens my ear to hear as those who are taught.
5 Waaqayyo Gooftaan gurra koo naa baneera; anis fincilaa hin turre; ani dugda duubatti hin deebine.
Jehovah has opened my ear, and I was not rebellious, neither turned away backward.
6 Ani warra na rukutanitti dugda koo, warra areeda narraa buqqisanitti immoo maddii koo nan kenne; yeroo isaan natti qoosanii hancufa natti tufanitti, ani fuula koo isaan hin dhokfanne.
I gave my back to those who strike, and my cheeks to those who tore out my beard; I did not cover my face from insults and spitting.
7 Sababii Waaqayyo Gooftaan na gargaaruuf, ani hin salphifamu. Kanaafuu ani fuula koo akkuma dhagaa gurraachaa godhadheera; ani akka hin qaaneffamne illee nan beeka.
But Jehovah will help me; therefore I have not been confounded: therefore have I set my face like a flint, and I know that I shall not be disappointed.
8 Inni dhugaa naaf baasu dhiʼoo jira. Yoos eenyutu na himata ree? Mee walitti gad haa baanu! Himataan koo eenyu? Inni mee natti gad haa baʼu!
He is near who justifies me; who will bring charges against me? Let us stand up together: who is my adversary? Let him come near to me.
9 Waaqayyo Gooftaatu na gargaara. Eenyutu natti mura? Isaan hundi akkuma wayyaa moofaʼu; dholdholeenis isaan nyaatti.
Look, Jehovah will help me; who is he who shall condemn me? Look, all they shall wax old as a garment, the moth shall eat them up.
10 Isin keessaa kan Waaqayyoon sodaatee dubbii garbicha isaatiif ajajamu eenyu? Namni dukkana keessa deddeebiʼu, kan ifa hin qabne, maqaa Waaqayyoo amanatee Waaqa isaatti haa irkatu.
Who is among you who fears Jehovah, who listens to the voice of his servant? He who walks in darkness, and has no light, let him trust in the name of Jehovah, and rely on his God.
11 Amma garuu isin warri ibidda bobeessitanii guca bobaʼaa deemu qabattan hundinuu ifa ibiddaa keessaniitii fi ifa guca bobeessitanii keessa deemaa. Wanni isin harka koo irraa argattan kanaa dha; isin dhiphinaan ni ciciiftu.
Look, all you who kindle a fire, who adorn yourselves with flaming arrows around yourselves; walk in the light of your fire, and among the flaming arrows that you have kindled. You shall have this of my hand; you shall lie down in sorrow.

< Isaayyaas 50 >