< Isaayyaas 5 >

1 Ani naman jaalladhu sanaaf, faarfannaa waaʼee iddoo dhaabaa wayinii isaa nan faarfadha: Michuun koo gaara gabbataa irraa iddoo dhaabaa wayinii qaba.
Nitaimba wimbo kwa ajili ya mmoja nimpendaye, kuhusu shamba lake la mizabibu: Mpendwa wangu alikuwa na shamba la mizabibu kwenye kilima chenye rutuba.
2 Innis lafa sana qotee isa irraa dhagaa balleessee wayinii filatamaa isa irra dhaabe. Qooxii eegumsaa isa keessatti ijaaree boolla wayinii itti cuunfan illee qote. Ergasii akka lafti qotiisaa sun ija gaarii kennu eeggate; inni garuu ija hamaa qofa kenne.
Alililima na kuondoa mawe na akaliotesha mizabibu bora sana. Akajenga mnara wa ulinzi ndani yake, na kutengeneza shinikizo la kukamulia divai pia. Kisha akatazamia kupata mazao ya zabibu nzuri, lakini lilizaa matunda mabaya tu.
3 “Yaa jiraattota Yerusaalemii fi saba Yihuudaa, mee dubbii anaa fi iddoo dhaabaa wayinii koo gidduu jiruuf murtii kennaa.
“Basi enyi wakazi wa Yerusalemu na watu wa Yuda, hukumuni kati yangu na shamba langu la mizabibu.
4 Waan ani godheef kana caalaa wanni iddoo dhaabaa wayinii kootiif godhamuu malu maali? Yeroo ani ija wayinii gaarii barbaadetti inni maaliif ija hadhaaʼaa qofa naqate?
Ni nini zaidi ambacho kingeweza kufanyika kwa shamba langu la mizabibu kuliko yale niliyofanya? Nilipotazamia kupata zabibu nzuri, kwa nini lilizaa zabibu mbaya tu?
5 Ani amma waanan iddoo dhaabaa wayinii koo gochuuf jiru isinitti nan hima; ani dallaa isaa nan diiga; innis ni bada; dallaa isaa dhagaa nan jigsa; innis gad dhidhiitama.
Sasa nitawaambia lile nitakalolitendea shamba langu la mizabibu: Nitaondoa uzio wake, nalo litaharibiwa, nitabomoa ukuta wake, nalo litakanyagwa.
6 Ani isa nan onsa; mukni wayinii isaas hin qoramu yookaan lafti isaa hin qotamu. Sokorruu fi qoraattiin achi keessatti guddata. Ani akka bokkaan itti hin roobneef duumessa nan ajaja.”
Nitalifanya nchi ya ukiwa isiyokaliwa na watu, halitakatiwa matawi wala kulimwa, nayo michongoma na miiba itamea huko, nitaamuru mawingu yasinyeshe mvua juu yake.”
7 Iddoon dhaabaa wayinii Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu mana Israaʼel; namoonni Yihuudaa immoo iddoo biqiltuu inni itti gammaduu dha. Inni murtii qajeelaa barbaade; garuu dhiiga dhangalaafamu arge; qajeelummaa barbaade; garuu iyya warra miidhamee dhagaʼe.
Shamba la mzabibu la Bwana Mwenye Nguvu Zote ni nyumba ya Israeli, na watu wa Yuda ni bustani yake ya kumpendeza. Alitazamia haki, lakini akaona umwagaji damu, alitazamia uadilifu, lakini akasikia vilio vya taabu.
8 Isin warra hamma iddoon tokko iyyuu hin hafnetti mana irratti mana, lafa qotiisaa irratti lafa qotiisaa dabalattanii kophuma keessan biyya keessa jiraattaniif wayyoo!
Ole wenu mnaoongeza nyumba baada ya nyumba na kuunganisha mashamba baada ya mashamba hadi hakuna nafasi iliyobaki, nanyi mnaishi peke yenu katika nchi.
9 Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu utumaa ani dhagaʼuu akkana jedhee dubbate: “Dhugumaan manneen hedduun ni onu; manneen gurguddaanii fi babbareedoon nama keessa jiraatu dhabu.
Bwana Mwenye Nguvu Zote amesema nikisikia: “Hakika nyumba kubwa zitakuwa ukiwa, nayo majumba ya fahari yatabaki bila kukaliwa.
10 Iddoo dhaabaa wayinii cimdii kudhan irraa daadhii wayinii baadoosii tokko qofatu galfama; sanyii qoroosii tokkoo irraa midhaan iifii tokkoo qofatu galfama.”
Shamba la mizabibu la eka kumi litatoa bathi moja ya divai, na homeri ya mbegu zilizopandwa itatoa efa moja tu ya nafaka.”
11 Warra dhugaatii barbaachaaf ganamaan kaʼan, kanneen hamma daadhii wayiniitiin machaaʼanitti halkan dheereffataniif wayyoo.
Ole wao wale waamkao asubuhi na mapema wakikimbilia kunywa vileo, wale wakawiao sana mpaka usiku, mpaka wamewaka kwa mvinyo.
12 Isaan cidha isaanii irratti baganaa, kiraaraa fi dibbee, ulullee fi daadhii wayinii qabu; garuu hojii Waaqayyootiif dhimma hin qaban; hojii harka isaatiifis ulfina hin kennan.
Wana vinubi na zeze kwenye karamu zao, matari, filimbi na mvinyo, lakini hawayajali matendo ya Bwana, wala hawana heshima kwa ajili ya kazi ya mikono yake.
13 Kanaafuu sabni koo sababii hubannaa dhabeef boojiʼama; namoonni isaanii bebbeekamoon beelaan, uummanni isaaniis dheebuudhaan dhumu.
Kwa hiyo watu wangu watakwenda uhamishoni kwa sababu ya kukosa ufahamu, watu wao wenye vyeo watakufa kwa njaa na watu wao wengi watakauka kwa kiu.
14 Kanaafuu Siiʼool garaa isaa balʼifatee afaan ofii isaa illee hamma malee banata; namoonni isaanii bebbeekamoonii fi uummanni isaanii warri wacanii fi warri gammadan hundis achi keessa buʼu. (Sheol h7585)
Kwa hiyo kaburi limeongeza hamu yake na kupanua mdomo wake bila kikomo, ndani mwake watashuka wakuu wao na wingi wa watu, pamoja na wagomvi wao, na wafanyao sherehe wote. (Sheol h7585)
15 Kanaafuu namni gad qabama; ilmaan namaa gad deebifamu; iji of tuultotaas lafa ilaala.
Hivyo mwanadamu atashushwa, na binadamu kunyenyekezwa, macho ya wenye majivuno yatanyenyekezwa.
16 Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu garuu murtii qajeelaa ofii isaatiin ol ol jedha; Waaqni qulqulluun qajeelummaa ofii isaatiin akka qulqulluu taʼe of argisiisa.
Lakini Bwana Mwenye Nguvu Zote atatukuzwa kwa ajili ya haki yake, naye Mungu Mtakatifu atajionyesha mwenyewe kuwa mtakatifu kwa haki yake.
17 Yeroo sanatti hoolonni akkuma waan lafa dheeda isaanii keessa jiraniitti ni dheedu; xobbaallaawwan hoolaas iddoo sooreyyiin itti barbadaaʼan keessa dheedu.
Kondoo watajilisha kwenye malisho yao wenyewe, wana-kondoo watajilisha katika magofu ya matajiri.
18 Warra funyoo gowwoomsaatiin cubbuu, funyoo gaariitiinis hammina harkisan,
Ole wao wanaovuta dhambi kwa kamba za udanganyifu na uovu kama kwa kamba za mkokoteni,
19 kanneen, “Waaqni haa ariifatu; akka nu arginuuf inni hojii ofii isaa haa saffisiisu, wanni kun haa dhiʼaatu; akka nu beeknuufis karoorri Qulqullicha Israaʼel haa dhufu” jedhaniif wayyoo.
kwa wale wanaosema, “Mungu na afanye haraka, aharakishe kazi yake ili tupate kuiona. Huo mpango wa Aliye Mtakatifu wa Israeli na ukamilike, tena udhihirike ili tupate kuujua.”
20 Warra hamaadhaan gaarii, gaariidhaan immoo hamaa jedhaniif, kanneen ifaan dukkana, dukkanaan immoo ifa jedhaniif, warra miʼaawaadhaan hadhaaʼaa, hadhaaʼaadhaan immoo miʼaawaa jedhaniif wayyoo.
Ole wao wanaoita ubaya ni wema, na wema ni ubaya, wawekao giza badala ya nuru, na nuru badala ya giza, wawekao uchungu badala ya utamu, na utamu badala ya uchungu.
21 Warra akka yaada isaaniitti ogeeyyii, akka ilaalcha isaaniitti immoo abshaala of seʼaniif wayyoo.
Ole wao walio na hekima machoni pao wenyewe, na kujiona wenye akili machoni pao wenyewe.
22 Warra daadhii wayinii dhuguutti jabaa, dhugaatii walitti makuuttis goota taʼaniif,
Ole wao walio mashujaa kwa kunywa mvinyo, nao walio hodari katika kuchanganya vileo,
23 warra mattaʼaa fudhatanii yakkamaa gad lakkisaniif, murtii nama balleessaa hin qabnee immoo jalʼisaniif wayyoo.
wale wanaoachilia wenye hatia kwa kupokea hongo, lakini huwanyima haki wasio na hatia.
24 Kanaafuu akkuma arrabni ibiddaa cidii lafa irraa arraabu, akkuma okaan ibiddaan gubatee badu sana hiddi isaanii ni tortora; daraaraan isaaniis akkuma awwaaraa bittinnaaʼee bada; isaan seera Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu didanii dubbii Qulqullicha Israaʼel tuffataniiruutii.
Kwa hiyo, kama ndimi za moto zirambavyo nyasi, na kama vile majani makavu yazamavyo katika miali ya moto, ndivyo mizizi yao itakavyooza na maua yao yatakavyopeperushwa kama mavumbi; kwa kuwa wameikataa sheria ya Bwana Mwenye Nguvu Zote na kulisukumia mbali neno la Aliye Mtakatifu wa Israeli.
25 Kanaafuu dheekkamsi Waaqayyoo saba isaatti ni bobaʼa; harki isaa ol kaʼee isaan rukuta. Tulluuwwan ni raafamu; reeffi isaaniis akkuma kosii daandii irratti gatamee taʼa. Kana hundaan illee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne; harki isaas akkuma ol kaafametti jira.
Kwa hiyo hasira ya Bwana inawaka dhidi ya watu wake, mkono wake umeinuliwa na anawapiga. Milima inatetemeka, maiti ni kama takataka kwenye barabara. Hata kwa haya yote, hasira yake haijageukia mbali, mkono wake bado umeinuliwa juu.
26 Inni saboota fagoo jiraniif faajjii ol qaba; warra moggaa lafaa jiranitti ni siiqsa. Isaanis kunoo ariifatanii dafanii dhufu.
Yeye anainua bendera kwa ajili ya mataifa yaliyo mbali, anapiga filimbi kwa ajili ya wale walio kwenye miisho ya dunia. Tazama wamekuja, kwa kasi na kwa haraka!
27 Isaan keessaa namni tokko iyyuu hin dadhabu yookaan hin gufatu; namni tokko iyyuu hin mugu yookaan hin rafu; sabbanni mudhii isaanii hin laafu; hidhaan kophee isaaniis hin citu.
Hakuna hata mmoja wao anayechoka wala kujikwaa, hakuna hata mmoja anayesinzia wala kulala, hakuna mkanda uliolegezwa kiunoni, hakuna gidamu ya kiatu iliyokatika.
28 Xiyyi isaanii qaramaa dha; iddaan isaanii hundi qopheeffameera; kotteen fardeen isaanii akkuma dhagaa qara qabuu ti; gommaan gaarii isaaniis akkuma bubbee hamaa ti.
Mishale yao ni mikali, pinde zao zote zimevutwa, kwato za farasi wao ziko kama jiwe la gumegume, magurudumu ya magari yao ya vita ni kama upepo wa kisulisuli.
29 Aaduun isaanii akkuma aaduu leencaa ti; isaan akkuma saafela leencaa aadu; yeroo waan adamsatan qabatanitti ni gururiʼu; isaan waan qabatan fudhatanii deemu; namni isaan harkaa buusuu dandaʼus hin jiru.
Ngurumo yao ni kama ile ya simba, wananguruma kama wana simba, wanakoroma wanapokamata mawindo yao, na kuondoka nayo pasipo yeyote wa kuokoa.
30 Gaafas isaan akkuma huursaa galaanaa waan sana irraa huursu. Namni tokko yoo biyya sana ilaale, inni dukkanaa fi rakkina arga; aduunis duumessaan dukkaneeffama.
Katika siku ile watanguruma juu yake kama ngurumo za bahari. Kama mtu akiitazama nchi, ataona giza na dhiki; hata nuru itatiwa giza kwa mawingu.

< Isaayyaas 5 >