< Isaayyaas 5 >

1 Ani naman jaalladhu sanaaf, faarfannaa waaʼee iddoo dhaabaa wayinii isaa nan faarfadha: Michuun koo gaara gabbataa irraa iddoo dhaabaa wayinii qaba.
I will sing to my beloved the canticle of my paternal cousin, about his vineyard. A vineyard was made for my beloved, at the horn in the son of oil.
2 Innis lafa sana qotee isa irraa dhagaa balleessee wayinii filatamaa isa irra dhaabe. Qooxii eegumsaa isa keessatti ijaaree boolla wayinii itti cuunfan illee qote. Ergasii akka lafti qotiisaa sun ija gaarii kennu eeggate; inni garuu ija hamaa qofa kenne.
And he fenced it in, and he picked the stones out of it, and he planted it with the best vines, and he built a tower in the middle of it, and he set up a winepress within it. And he expected it to produce grapes, but it produced wild vines.
3 “Yaa jiraattota Yerusaalemii fi saba Yihuudaa, mee dubbii anaa fi iddoo dhaabaa wayinii koo gidduu jiruuf murtii kennaa.
Now then, inhabitants of Jerusalem and men of Judah: judge between me and my vineyard.
4 Waan ani godheef kana caalaa wanni iddoo dhaabaa wayinii kootiif godhamuu malu maali? Yeroo ani ija wayinii gaarii barbaadetti inni maaliif ija hadhaaʼaa qofa naqate?
What more should I have done for my vineyard that I did not do for it? Should I not have expected it to produce grapes, though it produced wild vines?
5 Ani amma waanan iddoo dhaabaa wayinii koo gochuuf jiru isinitti nan hima; ani dallaa isaa nan diiga; innis ni bada; dallaa isaa dhagaa nan jigsa; innis gad dhidhiitama.
And now, I will reveal to you what I will do to my vineyard. I will take away its fence, and it will be plundered. I will pull down its wall, and it will be trampled.
6 Ani isa nan onsa; mukni wayinii isaas hin qoramu yookaan lafti isaa hin qotamu. Sokorruu fi qoraattiin achi keessatti guddata. Ani akka bokkaan itti hin roobneef duumessa nan ajaja.”
And I will make it desolate. It will not be pruned, and it will not be dug. And briers and thorns will rise up. And I will command the clouds not to rain upon it.
7 Iddoon dhaabaa wayinii Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu mana Israaʼel; namoonni Yihuudaa immoo iddoo biqiltuu inni itti gammaduu dha. Inni murtii qajeelaa barbaade; garuu dhiiga dhangalaafamu arge; qajeelummaa barbaade; garuu iyya warra miidhamee dhagaʼe.
For the vineyard of the Lord of hosts is the house of Israel. And the man of Judah is his delightful seedling. And I expected that he would do judgment, and behold iniquity, and that he would do justice, and behold an outcry.
8 Isin warra hamma iddoon tokko iyyuu hin hafnetti mana irratti mana, lafa qotiisaa irratti lafa qotiisaa dabalattanii kophuma keessan biyya keessa jiraattaniif wayyoo!
Woe to you who join house to house, and who combine field to field, even to the limits of the place! Do you intend to live alone in the midst of the earth?
9 Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu utumaa ani dhagaʼuu akkana jedhee dubbate: “Dhugumaan manneen hedduun ni onu; manneen gurguddaanii fi babbareedoon nama keessa jiraatu dhabu.
These things are in my ears, says the Lord of hosts. Otherwise, many houses, great and beautiful, will become desolate, without an inhabitant.
10 Iddoo dhaabaa wayinii cimdii kudhan irraa daadhii wayinii baadoosii tokko qofatu galfama; sanyii qoroosii tokkoo irraa midhaan iifii tokkoo qofatu galfama.”
Then ten acres of vineyard will produce one small bottle of wine, and thirty measures of seed will produce three measures of grain.
11 Warra dhugaatii barbaachaaf ganamaan kaʼan, kanneen hamma daadhii wayiniitiin machaaʼanitti halkan dheereffataniif wayyoo.
Woe to you who rise up in the morning to pursue drunkenness, and to drink even until evening, so as to be inflamed with wine.
12 Isaan cidha isaanii irratti baganaa, kiraaraa fi dibbee, ulullee fi daadhii wayinii qabu; garuu hojii Waaqayyootiif dhimma hin qaban; hojii harka isaatiifis ulfina hin kennan.
Harp and lyre and timbrel and pipe, as well as wine, are at your feasts. But you do not respect the work of the Lord, nor do you consider the works of his hands.
13 Kanaafuu sabni koo sababii hubannaa dhabeef boojiʼama; namoonni isaanii bebbeekamoon beelaan, uummanni isaaniis dheebuudhaan dhumu.
Because of this, my people have been led away as captives, for they did not have knowledge, and their nobles have passed away from famine, and their multitudes have dried up from thirst.
14 Kanaafuu Siiʼool garaa isaa balʼifatee afaan ofii isaa illee hamma malee banata; namoonni isaanii bebbeekamoonii fi uummanni isaanii warri wacanii fi warri gammadan hundis achi keessa buʼu. (Sheol h7585)
For this reason, Hell has expanded its soul, and has opened its mouth without any limits. And their strong ones, and their people, and their exalted and glorious ones will descend into it. (Sheol h7585)
15 Kanaafuu namni gad qabama; ilmaan namaa gad deebifamu; iji of tuultotaas lafa ilaala.
And man will be bowed down, and man will be humbled, and the eyes of the exalted will be brought low.
16 Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu garuu murtii qajeelaa ofii isaatiin ol ol jedha; Waaqni qulqulluun qajeelummaa ofii isaatiin akka qulqulluu taʼe of argisiisa.
And the Lord of hosts will be exalted in judgment, and the holy God will be sanctified in justice.
17 Yeroo sanatti hoolonni akkuma waan lafa dheeda isaanii keessa jiraniitti ni dheedu; xobbaallaawwan hoolaas iddoo sooreyyiin itti barbadaaʼan keessa dheedu.
And the lambs will pasture in proper order, and new arrivals will eat from the deserts turned into fertile lands.
18 Warra funyoo gowwoomsaatiin cubbuu, funyoo gaariitiinis hammina harkisan,
Woe to you who draw iniquity with cords of vanity, and who draw sin as if with the rope of a cart,
19 kanneen, “Waaqni haa ariifatu; akka nu arginuuf inni hojii ofii isaa haa saffisiisu, wanni kun haa dhiʼaatu; akka nu beeknuufis karoorri Qulqullicha Israaʼel haa dhufu” jedhaniif wayyoo.
and who say: “Let him hurry, and let his work arrive soon, so that we may see it. And let the plan of the Holy One of Israel approach and arrive, so that we may know it.”
20 Warra hamaadhaan gaarii, gaariidhaan immoo hamaa jedhaniif, kanneen ifaan dukkana, dukkanaan immoo ifa jedhaniif, warra miʼaawaadhaan hadhaaʼaa, hadhaaʼaadhaan immoo miʼaawaa jedhaniif wayyoo.
Woe to you who call evil good, and good evil; who substitute darkness for light, and light for darkness; who exchange bitter for sweet, and sweet for bitter!
21 Warra akka yaada isaaniitti ogeeyyii, akka ilaalcha isaaniitti immoo abshaala of seʼaniif wayyoo.
Woe to you who are wise in your own eyes, and prudent in your own sight!
22 Warra daadhii wayinii dhuguutti jabaa, dhugaatii walitti makuuttis goota taʼaniif,
Woe to you who are powerful at drinking wine, who are strong men in contriving inebriation!
23 warra mattaʼaa fudhatanii yakkamaa gad lakkisaniif, murtii nama balleessaa hin qabnee immoo jalʼisaniif wayyoo.
For you justify an impious man in exchange for bribes, and you carry away the justice of a just man from him.
24 Kanaafuu akkuma arrabni ibiddaa cidii lafa irraa arraabu, akkuma okaan ibiddaan gubatee badu sana hiddi isaanii ni tortora; daraaraan isaaniis akkuma awwaaraa bittinnaaʼee bada; isaan seera Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu didanii dubbii Qulqullicha Israaʼel tuffataniiruutii.
Because of this, as the tongue of fire devours stubble, and as the heat of a flame burns it completely, so will their root become like glowing embers, and so will their offshoot ascend like dust. For they have cast aside the law of the Lord of hosts, and they have blasphemed the eloquence of the Holy One of Israel.
25 Kanaafuu dheekkamsi Waaqayyoo saba isaatti ni bobaʼa; harki isaa ol kaʼee isaan rukuta. Tulluuwwan ni raafamu; reeffi isaaniis akkuma kosii daandii irratti gatamee taʼa. Kana hundaan illee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne; harki isaas akkuma ol kaafametti jira.
For this reason, the fury of the Lord has been enraged against his people, and he has extended his hand over them, and he has struck them. And the mountains were disturbed. And their carcasses became like dung in the midst of the streets. After all this, his fury was not turned away; instead, his hand was still extended.
26 Inni saboota fagoo jiraniif faajjii ol qaba; warra moggaa lafaa jiranitti ni siiqsa. Isaanis kunoo ariifatanii dafanii dhufu.
And he will lift up a sign to nations far away, and he will whistle to them from the ends of the earth. And behold, they will rush forward speedily.
27 Isaan keessaa namni tokko iyyuu hin dadhabu yookaan hin gufatu; namni tokko iyyuu hin mugu yookaan hin rafu; sabbanni mudhii isaanii hin laafu; hidhaan kophee isaaniis hin citu.
There is no one weak or struggling among them. They will not become drowsy, and they will not sleep. Neither will the belt around their waist be loosened, nor the laces of their boots be broken.
28 Xiyyi isaanii qaramaa dha; iddaan isaanii hundi qopheeffameera; kotteen fardeen isaanii akkuma dhagaa qara qabuu ti; gommaan gaarii isaaniis akkuma bubbee hamaa ti.
Their arrows are sharp, and all their bows are taut. The hoofs of their horses are like flint, and their wheels are like the force of a tempest.
29 Aaduun isaanii akkuma aaduu leencaa ti; isaan akkuma saafela leencaa aadu; yeroo waan adamsatan qabatanitti ni gururiʼu; isaan waan qabatan fudhatanii deemu; namni isaan harkaa buusuu dandaʼus hin jiru.
Their roaring is like the lion; they will roar like young lions. They will both roar and seize their prey. And they will wrap themselves around it, and there will be no one who can rescue it.
30 Gaafas isaan akkuma huursaa galaanaa waan sana irraa huursu. Namni tokko yoo biyya sana ilaale, inni dukkanaa fi rakkina arga; aduunis duumessaan dukkaneeffama.
And in that day, they will make a noise over it, like the sound of the sea. We will gaze out toward the land, and behold, the darkness of the tribulation, and even the light has been darkened by its gloom.

< Isaayyaas 5 >