< Isaayyaas 49 >

1 Yaa biyyoota bishaan gidduu na dhaggeeffadhaa; yaa saboota fagoo jiraattan waan kana dhagaʼaa: Utuu ani hin dhalatin dura Waaqayyo na waame; utuu ani gadameessa haadha koo keessa jiruu maqaa naa baase.
Nisikilize mimi, enyi mkao pwani! na kuwa makini, enyi watu mkao mbali. Yahwe amenita mimi kutoka kuzaliwa kwa jina, mama yangu aliponileta duniani.
2 Inni afaan koo akka goraadee qaramee godhe; gaaddidduu harka isaatiin na dhokse; xiyya cululuqfame na godhee, manʼee xiyya isaa keessa na kaaʼate.
Amefanya mdomo wangu kuwa kama upanga mkali; amenificha mimi katika kivuli cha mkono wake; amenifanya mimi kuwa mshale unaong'aa; katika podo yake amenificha mimi.
3 Innis, “Yaa Israaʼel, ati garbicha koo kan ani ulfina koo isa irratti mulʼisuu dha” anaan jedhe.
Amesema na mimi, ''Wewe ni mtumishi wangu, Israeli, kupitia yeye nitaonyesha utukufu wangu.''
4 Ani garuu, “Akkasumaanan itti dadhabe; humna koos waanuma faayidaa hin qabnettan fixe. Taʼus dhugaan koo harka Waaqayyoo, gatiin koos Waaqa bira jira” nan jedhe.
Lakini nilimjibu, ''Japo nilifikiria nilifanya kazi bure, nimetumia nguvu zangu bure, ikiwa haki yangu iko pamoja na Yahwe, na zawadi yangu iko kwa Mungu wangu.
5 Waan ani fuula Waaqayyoo duratti ulfina argadhee Waaqni koo jabina naa taʼeef, Waaqayyo inni akka ani Yaaqoobin deebisee gara isaatti fiduuf, Israaʼelin isa biratti walitti qabuuf, akka ani garbicha isaa taʼuuf gadameessa keessatti na tolche sun akkana jedha;
Na sasa Yahwe asema hivi, yeye aliyeniumba mimi toka kuzaliwa na kuwa mtumishi wake, kumrejesha Yakobo tena kwake mwenyewe, na Israeli wakusanyike kwake. Mimi ninaheshimika katika macho ya Yahwe, na Mungu wangu amekuwa nguvu zangu.
6 Innis, “Ati gosoota Yaaqoob deebiftee dhaabuuf, Israaʼeloota ani eege sanas deebiftee fiduuf garbicha koo taʼuun kee siif baayʼee salphaa dha. Akka fayyinni koo qarqara lafaa gaʼuuf ani Namoota Ormaatiif ibsaa sin taasisa” jedha.
Asema hivi, ''Ni kitu kidogo sana kwa wewe kuwa mtumishi wangu ili kuanzisha ukoo wa Yakobo, na kuwarejesha wanaoishi Israeli. Nitakufanya wewe kuwa mwanga kwa Wayunani, ili uwe wokovu wangu katika mipaka ya nchi.
7 Waaqayyo Furii fi Qulqullichi Israaʼel, isa namaan tuffatamee sabnis jibbe, tajaajilaa bulchitootaa sanaan akkana jedha: “Sababii Waaqayyo amanamaa Qulqullicha Israaʼel isa si filate sanaatiif jedhanii mootonni si arganii ol kaʼu; ilmaan moototaas arganii sagadu.”
Yahwe asema hivi, Mkombozi wa Israeli, Mtatakatifu wao, kwa yeye ambae maisha yake yamedharauliwa, kuchukiwa na mataifa, na mtumwa wa viongozi, ''Mfalme atakuona wewe na nyanyuka, na wakuu watakuona wewe na inama chini, kwa sababu ya Yahwe ambae ni mwaminifu, hata mtakatifu wa Israeli, aliyewachagua ninyi.''
8 Waaqayyo akkana jedha: “Ani yeroo fudhatama qabutti siifin deebisa; gaafa fayyinaattis sin gargaara; akka ati dhaala abbaa hin qabne deebiftee dhaalchiftuuf, ani sin eega; akka ati sabaaf kakuu taatus sin godha;
Yahwe asema hivi, ''Kwa mda huu nimeamua kuwaonyesha neema yangu na nitawajibu ninyi, na siku ya wokovu nitawasaidi ninyi; Nitakulinda wewe; na nitawapa kama agano kwa watu, kuitengeneza tena nchi, kuwarihtisha urithi uliokuwa na ukiwa.
9 akka ati warra boojiʼamaniin, ‘Kottaa baʼaa’ warra dukkana keessa jiraataniin immoo, ‘Bilisa baʼaa’ jettu sin godha. “Isaan karaa irratti waa nyaatu; gaara qulqullaaʼaa irrattis iddoo qubataa argatu.
Utasema kwa wafungwa, 'Tokeni nje; kwa wale mlio katika giza gerezani, 'Jionyeshe mwenyewe. 'Watachunga pembeni ya barabara, na juu ya miteremko ya wazi yatakuwa malisho yake.
10 Isaan hin beelaʼan; hin dheebotanis; hoʼi gammoojjii yookaan aduun isaan hin gubu. Inni isaaniif garaa laafu isaan geggeessa; qarqara burqaa bishaanii irra isaan qajeelcha.
Hawatasikia njaa wala kiu; wala joto au jua halitawaunguza, kwa yeye mwenye huruma juu yao atawaongoza wao; atawaongoza wao kwenye mikondo ya maji.
11 Tulluuwwan koo hunda karaatti nan geeddara; daandiiwwan koo gurguddaanis wal qixxeeffamu.
Na nitafanya milima yote kuwa barabara, na kufanya njia za juu kuwa sawa''
12 Kunoo, isaan biyya fagoodhaa ni dhufu; gariin kaabaa, gariin dhiʼaa, kaan immoo biyya Aswaaniitii ni dhufu.”
Tazama, haya yatatoka kutoka mbali, baadhi kutoka kaskazini na magharibi; na wengine kutoka nchi ya Sinimi.
13 Yaa samiiwwan, ililchaa; yaa lafa gammadi; yaa tulluuwwan, guddisaa faarfadhaa! Waaqayyo saba isaa ni jajjabeessa; warra rakkataniifis garaa ni laafaatii.
Imba, ewe mbingu, na uwe na furaha, ewe nchi pazeni sauti ya kuimmba enyi milima! maana Yahwe anawafariji watu wake, na watakuwa na huruma kwa wale wanoteseka.
14 Xiyoon garuu, “Waaqayyo na gateera; Gooftaanis na irraanfateera” jette.
Lakin Sayuni asema, Yahwe ameniacha mimi, na Bwana amenisahau mimi.''
15 “Haati daaʼima ishee kan hoosiftu irraanfachuu ni dandeessii? Mucaa deesseefis garaa hin laaftuu? Yoo isheen irraanfatte iyyuu ani si hin irraanfadhu!
''Je mwanamke anaweza kumsahau mtoto wake, aliyemnyonyesha, hivyo hana huruma na mtoto aliye mzaa? ndio, hawakusahau, lakini siwezi kukusahau wewe.
16 Kunoo, ani barruu harka koo irratti si qirixeera; dallaawwan kee yeroo hunda fuula koo dura jiru.
Tazama, nimeliandika jina lako kwenye kiganja cha mkono wangu; Kuta zako zinaendelea kuwa mbele yangu.
17 Ilmaan kee ariitiidhaan ni dachaʼu; warri si diiganis sirraa baqatu.
Watoto wangu wamerudi haraka, wakati wale wanowaangaimiza nyie wameenda mbali.
18 Ija kee ol fudhadhuutii naannoo kee ilaali; ilmaan kee hundi walitti qabamanii gara kee ni dhufu. Ani jiraataadhaatii” jedha Waaqayyo. “Ati isaan kanneen hunda akka faayaatti ni uffatta; akka misirroottis ittiin miidhagfamta.
Tazama karibu na uone, wote wamekusanyika na wanakuja kwako. Nitahakikisha kama ninaishi- hili ni tamko la Yahwe- hakika mtavivaaa kama kama kijiti; utajifungia kama bibi harusi.
19 “Ati diigamtee ontee biyyi kee barbadaaʼu iyyuu amma saba keetti lafti ni dhiphata; warri si liqimsan sirraa ni fagaatu.
Japo umeharibiwa na kuwa na ukiwa, nchi iliyoharibiwa, sasa itakuwa ndogo sana kwa wenyeji, na wale wanao waliokumeza watakuwa mbali,
20 Ijoolleen ati yeroo gadda keetiitti deesse, utuma gurri kee dhagaʼuu, ‘Lafti kun nutti dhiphateera; lafa irra jiraannu nuuf kenni’ siin jedhu.
Watoto watakaozaliwa katika kipindi cha msiba watasema mkiwa mnawasikiliza, 'Sehemu hii ni duni kwetu, tengeneza chumba kwa ajili yetu, ili tuweze kuishi hapa.
21 Ergasii ati garaa keetti akkana jetta; ‘Eenyutu jara kanneen naa daʼe? Ani gaddituu fi maseentuun ture; ani baqattuu fi jibbamtuun ture. Isaan kanneen eenyutu guddise? Ani kophaatti hafeen ture; yoos, isaan kunneen eessaa dhufan ree?’”
Halafu utajiuliza mwenyewe, ni nani aliyewazaa watu hawa kwangu? Mimi nilifiwa na ni tasa, niliyefungwa na kupewa talaka. Ni nani aliyewalea hawa watoto? Tazama, niliachiwa yote mimi mwenyewe; Je haya yametoka wapi?''
22 Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “Kunoo ani namoota ormaa harkaan nan waama; faajjii koos uummataaf ol nan qaba; isaan ilmaan kee hammatanii fidu; intallan kee immoo gatiittii isaaniitti baatu.
Yahwe asema hivi, ''Tazama, nitanyanyua mkono wangu juu ya mataifa; Nitanyanyua bendera yangu ya ishara kwa watu. Watawaleta watoto wako kwenye mikono yao na watawabeba binti zako juu ya mabega yao.
23 Mootonni abbootii kee kanneen si guddisan, niitonni isaanii immoo haadhota kee kanneen harma si hoosisan ni taʼu. Isaan adda isaaniitiin lafatti gombifamanii siif sagadu; awwaara miilla keetii illee ni arraabu. Ergasii ati akka ani Waaqayyo taʼe ni beekta; warri na abdatan hin salphatan.”
Wafalme watakuwa baba zako wa kambo, na malikia watakuwa wafanyakazi wa ndani; watakuinamia chini wewe kw uso wao kwa nchi na kukung'uta mavumbi ya miguu yenu; wale wanonisubiri mimi hawataabika.''
24 Gootota harkaa boojuu fudhachuun, gara jabeeyyii harkaas boojuu baasuun ni dandaʼamaa?
Je mateka wanaweza kuchukuliwa kwa shujaa, au wafungwa kukombolewa kutoka kwa mkali?
25 Waaqayyo garuu akkana jedha: “Eeyyee, gootota harkaa boojiʼamtoonni ni baafamu; gara jabeeyyii harkaas boojuun ni fudhatama; warra siin falmaniin nan falma; ijoollee kees nan baraara.
Lakini Yahwe asema hivi, ''Wafungwa watachukuliwa kutoka kwa shujaa, na maeteka watakombolewa; maana utampinga adui yako na kuwakomboa watoto wako.
26 Ani akka warri si hacuucan foon ofii isaanii nyaatan nan godha; isaan akkuma nama daadhii wayiniitiin machaaʼuu dhiiga ofii isaaniitiin ni machaaʼu. Ergasii sanyiin namaa hundi, akka ani Waaqayyo, Fayyisaan kee, Furiin kee, Jabaa Yaaqoob taʼe ni beeka.”
Na nitawalisha wanowaonea kwa mwili wao wenyewe; na watalewa kwa damu zao wenyewe, kama iliyo mvinyo; na watu wote watajua kwamba Mimi Yahwe, ni Mokozi wenu na Mkombozi wenu, yeye aliyemkuu wa Isareli.

< Isaayyaas 49 >