< Isaayyaas 49 >

1 Yaa biyyoota bishaan gidduu na dhaggeeffadhaa; yaa saboota fagoo jiraattan waan kana dhagaʼaa: Utuu ani hin dhalatin dura Waaqayyo na waame; utuu ani gadameessa haadha koo keessa jiruu maqaa naa baase.
Listen, O isles, to me, and hearken, ye peoples from far. Jehovah has called me from the womb. From the bowels of my mother he has made mention of my name.
2 Inni afaan koo akka goraadee qaramee godhe; gaaddidduu harka isaatiin na dhokse; xiyya cululuqfame na godhee, manʼee xiyya isaa keessa na kaaʼate.
And he has made my mouth like a sharp sword. He has hid me in the shadow of his hand, and he has made me a polished shaft. He has kept me close in his quiver.
3 Innis, “Yaa Israaʼel, ati garbicha koo kan ani ulfina koo isa irratti mulʼisuu dha” anaan jedhe.
And he said to me, Thou are my servant, Israel, in whom I will be glorified.
4 Ani garuu, “Akkasumaanan itti dadhabe; humna koos waanuma faayidaa hin qabnettan fixe. Taʼus dhugaan koo harka Waaqayyoo, gatiin koos Waaqa bira jira” nan jedhe.
But I said, I have labored in vain. I have spent my strength for nothing and vanity. Yet surely the justice due to me is with Jehovah, and my recompense with my God.
5 Waan ani fuula Waaqayyoo duratti ulfina argadhee Waaqni koo jabina naa taʼeef, Waaqayyo inni akka ani Yaaqoobin deebisee gara isaatti fiduuf, Israaʼelin isa biratti walitti qabuuf, akka ani garbicha isaa taʼuuf gadameessa keessatti na tolche sun akkana jedha;
And now says Jehovah who formed me from the womb to be his servant, to bring Jacob again to him, and that Israel be gathered to him (for I am honorable in the eyes of Jehovah, and my God has become my strength),
6 Innis, “Ati gosoota Yaaqoob deebiftee dhaabuuf, Israaʼeloota ani eege sanas deebiftee fiduuf garbicha koo taʼuun kee siif baayʼee salphaa dha. Akka fayyinni koo qarqara lafaa gaʼuuf ani Namoota Ormaatiif ibsaa sin taasisa” jedha.
yea, he says, It is too light a thing that thou should be my servant to raise up the tribes of Jacob, and to restore the preserved of Israel. I will also give thee for a light to the Gentiles, that thou may be my salvation to the end of the earth.
7 Waaqayyo Furii fi Qulqullichi Israaʼel, isa namaan tuffatamee sabnis jibbe, tajaajilaa bulchitootaa sanaan akkana jedha: “Sababii Waaqayyo amanamaa Qulqullicha Israaʼel isa si filate sanaatiif jedhanii mootonni si arganii ol kaʼu; ilmaan moototaas arganii sagadu.”
Thus says Jehovah, the Redeemer of Israel, and his Holy One, to him whom man despises, to him whom the nation abhors, to a servant of rulers. Kings shall see and arise, rulers, and they shall worship, because of Jehovah who is faithful, even the Holy One of Israel, who has chosen thee.
8 Waaqayyo akkana jedha: “Ani yeroo fudhatama qabutti siifin deebisa; gaafa fayyinaattis sin gargaara; akka ati dhaala abbaa hin qabne deebiftee dhaalchiftuuf, ani sin eega; akka ati sabaaf kakuu taatus sin godha;
Thus says Jehovah, In an acceptable time I have heard thee, and in a day of salvation I have helped thee. And I will preserve thee, and give thee for a covenant of the people, to raise up the land, to make them inherit the desolate heritages,
9 akka ati warra boojiʼamaniin, ‘Kottaa baʼaa’ warra dukkana keessa jiraataniin immoo, ‘Bilisa baʼaa’ jettu sin godha. “Isaan karaa irratti waa nyaatu; gaara qulqullaaʼaa irrattis iddoo qubataa argatu.
saying to those who are bound, Go forth; to those who are in darkness, Show yourselves. They shall feed in the ways, and their pasture shall be on all bare heights.
10 Isaan hin beelaʼan; hin dheebotanis; hoʼi gammoojjii yookaan aduun isaan hin gubu. Inni isaaniif garaa laafu isaan geggeessa; qarqara burqaa bishaanii irra isaan qajeelcha.
They shall not hunger nor thirst, neither shall the heat nor sun smite them. For he who has mercy on them will lead them. He will guide them even by springs of water.
11 Tulluuwwan koo hunda karaatti nan geeddara; daandiiwwan koo gurguddaanis wal qixxeeffamu.
And I will make all my mountains a way, and my highways shall be exalted.
12 Kunoo, isaan biyya fagoodhaa ni dhufu; gariin kaabaa, gariin dhiʼaa, kaan immoo biyya Aswaaniitii ni dhufu.”
Lo, these shall come from far, and, lo, these from the north and from the west, and these from the land of Sinim.
13 Yaa samiiwwan, ililchaa; yaa lafa gammadi; yaa tulluuwwan, guddisaa faarfadhaa! Waaqayyo saba isaa ni jajjabeessa; warra rakkataniifis garaa ni laafaatii.
Sing, O heavens, and be joyful, O earth, and break forth into singing, O mountains. For Jehovah has comforted his people, and will have compassion upon his afflicted.
14 Xiyoon garuu, “Waaqayyo na gateera; Gooftaanis na irraanfateera” jette.
But Zion said, Jehovah has forsaken me, and the Lord has forgotten me.
15 “Haati daaʼima ishee kan hoosiftu irraanfachuu ni dandeessii? Mucaa deesseefis garaa hin laaftuu? Yoo isheen irraanfatte iyyuu ani si hin irraanfadhu!
Can a woman forget her sucking child, that she should not have compassion on the son of her womb? Yea, these may forget, yet I will not forget thee.
16 Kunoo, ani barruu harka koo irratti si qirixeera; dallaawwan kee yeroo hunda fuula koo dura jiru.
Behold, I have engraved thee upon the palms of my hands. Thy walls are continually before me.
17 Ilmaan kee ariitiidhaan ni dachaʼu; warri si diiganis sirraa baqatu.
Thy sons make haste. Thy destroyers and those who made thee waste shall go forth from thee.
18 Ija kee ol fudhadhuutii naannoo kee ilaali; ilmaan kee hundi walitti qabamanii gara kee ni dhufu. Ani jiraataadhaatii” jedha Waaqayyo. “Ati isaan kanneen hunda akka faayaatti ni uffatta; akka misirroottis ittiin miidhagfamta.
Lift up thine eyes round about, and behold. All these gather themselves together, and come to thee. As I live, says Jehovah, thou shall surely clothe thee with them all, as with an ornament, and gird thyself with them, like a bride.
19 “Ati diigamtee ontee biyyi kee barbadaaʼu iyyuu amma saba keetti lafti ni dhiphata; warri si liqimsan sirraa ni fagaatu.
For, as for thy waste and thy desolate places, and thy land that has been destroyed, surely now thou shall be too narrow for the inhabitants, and those who swallowed thee up shall be far away.
20 Ijoolleen ati yeroo gadda keetiitti deesse, utuma gurri kee dhagaʼuu, ‘Lafti kun nutti dhiphateera; lafa irra jiraannu nuuf kenni’ siin jedhu.
The sons of thy bereavement shall yet say in thine ears, The place is too narrow for me. Give a place to me that I may dwell.
21 Ergasii ati garaa keetti akkana jetta; ‘Eenyutu jara kanneen naa daʼe? Ani gaddituu fi maseentuun ture; ani baqattuu fi jibbamtuun ture. Isaan kanneen eenyutu guddise? Ani kophaatti hafeen ture; yoos, isaan kunneen eessaa dhufan ree?’”
Then thou shall say in thy heart, Who has begotten these for me, seeing I have been bereaved of my sons, and am solitary, an exile, and wandering to and fro? And who has brought up these? Behold, I was left alone, these, where were they?
22 Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “Kunoo ani namoota ormaa harkaan nan waama; faajjii koos uummataaf ol nan qaba; isaan ilmaan kee hammatanii fidu; intallan kee immoo gatiittii isaaniitti baatu.
Thus says the lord Jehovah: Behold, I will lift up my hand to the nations, and set up my ensign to the peoples. And they shall bring thy sons in their bosom, and thy daughters shall be carried upon their shoulders.
23 Mootonni abbootii kee kanneen si guddisan, niitonni isaanii immoo haadhota kee kanneen harma si hoosisan ni taʼu. Isaan adda isaaniitiin lafatti gombifamanii siif sagadu; awwaara miilla keetii illee ni arraabu. Ergasii ati akka ani Waaqayyo taʼe ni beekta; warri na abdatan hin salphatan.”
And kings shall be thy nursing fathers, and their queens thy nursing mothers. They shall bow down to thee with their faces to the earth, and lick the dust of thy feet. And thou shall know that I am Jehovah, and those who wait for me shall not be put to shame.
24 Gootota harkaa boojuu fudhachuun, gara jabeeyyii harkaas boojuu baasuun ni dandaʼamaa?
Shall the prey be taken from the mighty, or the lawful captives be delivered?
25 Waaqayyo garuu akkana jedha: “Eeyyee, gootota harkaa boojiʼamtoonni ni baafamu; gara jabeeyyii harkaas boojuun ni fudhatama; warra siin falmaniin nan falma; ijoollee kees nan baraara.
But thus says Jehovah, Even the captives of the mighty shall be taken away, and the prey of the terrible shall be delivered. For I will contend with him who contends with thee, and I will save thy sons.
26 Ani akka warri si hacuucan foon ofii isaanii nyaatan nan godha; isaan akkuma nama daadhii wayiniitiin machaaʼuu dhiiga ofii isaaniitiin ni machaaʼu. Ergasii sanyiin namaa hundi, akka ani Waaqayyo, Fayyisaan kee, Furiin kee, Jabaa Yaaqoob taʼe ni beeka.”
And I will feed those who oppress thee with their own flesh. And they shall be drunken with their own blood, as with sweet wine. And all flesh shall know that I, Jehovah, am thy Savior and thy Redeemer, the Mighty One of Jacob.

< Isaayyaas 49 >