< Isaayyaas 48 >

1 “Yaa mana Yaaqoob, isin warri maqaa Israaʼeliin waamamtan, kanneen sanyii Yihuudaa irraa argamtan, isin warri maqaa Waaqayyootiin kakattanii garuu dhugaadhaan yookaan qajeelummaadhaan utuu hin taʼin maqaa Waaqa Israaʼel dhooftan waan kana dhaggeeffadhaa;
Audite hæc, domus Jacob, qui vocamini nomine Israël, et de aquis Juda existis; qui juratis in nomine Domini, et Dei Israël recordamini non in veritate neque in justitia.
2 isin warri maqaa magaalaa qulqullittiitiin of waamtan, kanneen Waaqa Israaʼelitti irkattan, waan kana dhaggeeffadhaa; maqaan isaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu dha:
De civitate enim sancta vocati sunt, et super Deum Israël constabiliti sunt: Dominus exercituum nomen ejus.
3 Ani wantoota durii duraan dursee dubbadheera; isaan afaan kootii baʼan; 1 anis akka isaan beekaman nan godhe; anis akkuma tasaa hojjedhe; isaanis ni raawwataman.
Priora ex tunc annuntiavi, et ex ore meo exierunt, et audita feci ea: repente operatus sum, et venerunt.
4 Ani akka ati mata jabeessa taate beekeen tureetii; ribuun morma keetii sibiila ture; addi kee naasii ture.
Scivi enim quia durus es tu, et nervus ferreus cervix tua, et frons tua ærea.
5 Kanaafuu ani wantoota kanneen bara dheeraan dura sitti himeera; ani akka ati, ‘waaqota koo tolfamootu isaan hojjete; fakkii koo kan muka irraa hojjetamee fi waaqa sibiila irraa hojjetametu murteesse’ jechuu hin dandeenyeef utuu isaan hin uumaminiin dura sitti himeera.
Prædixi tibi ex tunc; antequam venirent, indicavi tibi, ne forte diceres: Idola mea fecerunt hæc, et sculptilia mea et conflatilia mandaverunt ista.
6 Ati wantoota kanneen dhageesseerta; isaan hunda ilaali. Ati isaan amantee hin fudhattuu? “Ani ammaa jalqabee waan haaraa, waan dhokfamee jiru kan ati hin beekin sitti nan hima.
Quæ audisti, vide omnia; vos autem, num annuntiastis? Audita feci tibi nova ex tunc, et conservata sunt quæ nescis.
7 Isaan amma uumaman malee bara dheeraan dura miti; ati harʼaan dura waaʼee isaanii hin dhageenye. Kanaafuu ati, ‘Kunoo ani waaʼee isaanii beekeen ture’ jechuu hin dandeessu.
Nunc creata sunt et non ex tunc; et ante diem, et non audisti ea, ne forte dicas: Ecce ego cognovi ea.
8 Ati takkumaa dhageessee yookaan hubattee hin beektu; gurri kee durumaa jalqabee hin banamne. Ani akka ati micciiramaa taate beeka; ati dhaloota keetii jalqabdee fincilaa jedhamtee waamamte.
Neque audisti, neque cognovisti, neque ex tunc aperta est auris tua: scio enim quia prævaricans prævaricaberis, et transgressorem ex utero vocavi te.
9 Ani maqaa kootiif jedhee dheekkamsa koo nan tursiisa; ani akka si hin balleessineef galata kootiif jedhee dheekkamsa koo duubatti harkisa.
Propter nomen meum longe faciam furorem meum, et laude mea infrenabo te, ne intereas.
10 Kunoo, ani yoo akka meetiitti taʼuu baate iyyuu si qulqulleesseera; ibidda dhiphinaa keessattis qoree si ilaaleera.
Ecce excoxi te, sed non quasi argentum; elegi te in camino paupertatis.
11 Ani ofii kootiif jedhee, ofuma kootiif jedhee waan kana nan godha. Maqaan koo akkamitti baduu dandaʼa? Ani ulfina koo dabarsee kan biraatiif hin kennu.
Propter me, propter me faciam, ut non blasphemer; et gloriam meam alteri non dabo.
12 “Yaa Yaaqoob, Yaa Israaʼel kan ani si waame, na dhaggeeffadhu: Ani isuma; ani kan jalqabaa ti; ani kan dhumaa ti.
Audi me, Jacob, et Israël, quem ego voco: ego ipse, ego primus, et ego novissimus.
13 Harki koo hundeewwan lafaa dhaabe; harki koo mirgaa immoo samiiwwan diriirse; yommuu ani isaan waamutti, hundi isaanii walii wajjin dhaabatu.
Manus quoque mea fundavit terram, et dextera mea mensa est cælos; ego vocabo eos, et stabunt simul.
14 “Hundi keessan walitti qabamaatii dhaggeeffadhaa; waaqota tolfamoo keessaa kamitu duraan dursee wantoota kanneen dubbate? Michuun Waaqayyoo filatamaan kaayyoo Waaqaa Baabilon irratti fiixaan baasa; irreen isaa Baabilonotatti kaʼa.
Congregamini, omnes vos, et audite: quis de eis annuntiavit hæc? Dominus dilexit eum, faciet voluntatem suam in Babylone, et brachium suum in Chaldæis.
15 Ani, ani mataan koo dubbadheera; dhugumaan ani isa waameera. Ani isa nan fida; innis karaa isaa irratti ni milkaaʼa.
Ego, ego locutus sum, et vocavi eum; adduxi eum, et directa est via ejus.
16 “Natti dhiʼaadhaatii waan kana dhagaʼaa: “Ani jalqabumaa kaasee dhoksaatti hin dubbanne; yeroo wanni sun taʼettis ani achuman ture.” Ammas Waaqayyo Gooftaanii fi Hafuurri isaa na erganiiru.
Accedite ad me et audite hoc: non a principio in abscondito locutus sum: ex tempore antequam fieret, ibi eram: et nunc Dominus Deus misit me, et spiritus ejus.
17 Waaqayyo Furiin kee, Qulqullichi Israaʼel akkana jedha: “Ani Waaqayyo Waaqa kee, kan waan siif tolu si barsiisu, kan karaa ati deemuu qabdu irra si qajeelchuu dha.
Hæc dicit Dominus, redemptor tuus, Sanctus Israël: Ego Dominus Deus tuus, docens te utilia, gubernans te in via qua ambulas.
18 Ati utuu ajaja koo qalbeeffattee jiraattee, nagaan kee akka lagaa, qajeelummaan kee immoo akka dhaʼaa galaanaa taʼa ture.
Utinam attendisses mandata mea: facta fuisset sicut flumen pax tua, et justitia tua sicut gurgites maris:
19 Sanyiin kee akkuma cirrachaa, ijoolleen kee akkuma biyyoo lafaa baayʼatu ture; maqaan isaanii hin haqamu; isaanis fuula koo duraa hin dhabaman ture.”
et fuisset quasi arena semen tuum, et stirps uteri tui ut lapilli ejus; non interisset et non fuisset attritum nomen ejus a facie mea.
20 Baabilon keessaa baʼaa; Baabilonota duraa baqadhaa! Waan kana iyya gammachuutiin beeksisaa; labsaas. Hamma handaara lafaatti dabarsaa; “Waaqayyo garbicha isaa Yaaqoobin fureera” jedhaa.
Egredimini de Babylone, fugite a Chaldæis, in voce exsultationis annuntiate: auditum facite hoc, et efferte illud usque ad extrema terræ. Dicite: Redemit Dominus servum suum Jacob.
21 Isaan yommuu inni lafa gammoojjii keessa isaan qajeelchetti hin dheebonne; inni kattaa keessaa bishaan burqisiiseef; inni kattaa dhoosee, bishaanis humnaan cabsee baʼe.
Non sitierunt in deserto, cum educeret eos: aquam de petra produxit eis, et scidit petram, et fluxerunt aquæ.
22 “Hamootaaf nagaan hin jiru” jedha Waaqayyo.
Non est pax impiis, dicit Dominus.

< Isaayyaas 48 >