< Isaayyaas 47 >
1 “Yaa intala Baabilon Durba Qulqullittii, gad buʼi; awwaara irra taaʼi; yaa Intala Baabilonotaa, teessoo malee lafa taaʼi! Ati siʼachi bareedduu yookaan kichuu jedhamtee hin waamamtu.
“Ki gangara, ki zauna a ƙura, Budurwa Diyar Babilon; ki zauna a ƙasa ba tare da rawani ba, Diyar Babiloniyawa. Ba za a ƙara kira ke marar ƙarfi’yar gata ba.
2 Dhagaa daakuu fudhadhuutii midhaan daaki; haguuggii kee of irraa fuudhi. Wandaboo kee soqoladhu; gudeeda kee mulʼisi; laga ceʼi.
Ɗauki dutsen niƙa ki niƙa gari; ki kware lulluɓinki. Ki ɗaga fatarinki ki bar ƙafafunki tsirara, ki kuma yi ta ratsa cikin rafuffuka.
3 Qullaan kee ifatti ni baʼa; qaaniin kees hin dhokatu. Ani haaloo nan baʼa; ani nama tokko iyyuu hin dhiisu.”
Tsirararki zai bayyana za a kuma buɗe kunyarki. Zan ɗauki fansa; ba zan bar wani ba.”
4 Furiin keenya maqaan isaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu dha; inni Qulqullicha Israaʼel.
Mai Fansarmu, Ubangiji Maɗaukaki shi ne sunansa, shi ne Mai Tsarkin nan na Isra’ila.
5 “Yaa Intala Baabilonotaa, calʼisii taaʼiitii dukkana seeni; ati siʼachi mootittii mootummootaa jedhamtee hin waamamtu.
“Zauna shiru, tafi cikin duhu, Diyar Babiloniya; ba za a ƙara kira ke sarauniyar masarautai.
6 Ani saba kootti dheekkameera; handhuuraa koos xureesseera; ani dabarsee harka keetti isaan kenneera; atis garaa hin laafneef. Warra dullooman irra iyyuu waanjoo ulfaataa keesse.
Na yi fushi da mutanena na ƙazantar da gādona; na ba su ga hannunki, ba ki kuwa nuna musu jinƙai ba. Har ma da tsofaffi kin jibga musu kaya masu nauyi sosai.
7 Ati, ‘Ani bara baraan itti fufee mootittii bara baraa nan taʼa!’ jette. Ati garuu wantoota kana hin hubanne yookaan dhumni isaanii maal akka taʼu hin yaadanne.
Kika ce, ‘Zan ci gaba har abada, madawwamiyar sarauniya!’ Amma ba ki lura da waɗannan abubuwa ko ki yi la’akari a kan abin da zai faru ba.
8 “Ammas yaa ishee qananiituu, kan nagaan jiraattee garaa kee keessattis, ‘Anuma; ana malee tokko iyyuu hin jiru; ani siʼachi haadha hiyyeessaa yookaan nama dhalee dhabe hin taʼu’ ofiin jettu dhagaʼi.
“To, yanzu fa, ki kasa kunne, ke mai ƙaunar nishaɗi, mai zama da rai kwance kina kuma ce wa kanki, ‘Ni ce, kuma babu wani in ban da ni. Ba zan taɓa zama gwauruwa ko in sha wahalar rashin’ya’ya ba.’
9 Wantoonni kunneen lamaan, dhalanii dhabuu fi haadha hiyyeessaa taʼuun akkuma tasaa guyyuma tokkotti sitti dhufu. Isaan baayʼina falfala keetiitii fi tolcha kee cimaa sanaa hunda irraan iyyuu humna isaanii guutuudhaan sitti dhufu.
Duk waɗannan za su sha kanki cikin farat ɗaya, a rana guda, rashin’ya’ya da gwauranci. Za su zo a kanki da cikakken minzani, duk da yawan masu dubanki da kuma dukan sihirinki.
10 Ati hammina kee amanattee, ‘Namni tokko iyyuu na hin argu’ jette. Yeroo ati garaa kee keessatti, ‘Ana; ana malee namni biraa hin jiru’ jettutti, ogummaa fi beekumsi kee si dogoggorsu.
Kin dogara a muguntarki kika kuma ce, ‘Babu wanda ya gan ni.’ Hikimarki da saninki sun ɓad da ke sa’ad da kika ce wa kanki, ‘Ni ce, kuma babu wani in ban da ni.’
11 Wanni hamaan sitti dhufa; ati immoo eessaa akka inni dhufu hin beektu. Balaan ati of irraa ittisuu hin dandeenye tokko sitti dhufa; badiisni ati duraan dursitee hin beekin akkuma tasaa sitti dhufa.
Bala’i zai fāɗo a kanki, kuma ba za ki san yadda za ki rinjaye shi yă janye ba. Masifa za tă fāɗo a kanki da ba za ki iya tsai da ita da kuɗin fansa ba; lalacewar da ba ki taɓa mafarkinta ba za tă auko miki nan da nan.
12 “Yoos ati tolcha keetii fi falfala kee baayʼee ijoollummaa keetii jalqabdee itti dadhabde sana jabeessii eegi. Yoo akkas taʼe ati ni milkoofta; yoo akkas taʼe nama ni sodaachifta taʼa.
“Ki dai ci gaba, da sihirinki da kuma makarunki masu yawa, waɗanda kika yi ta wahala tun kina jaririya. Mai yiwuwa ki yi nasara, mai yiwuwa ki jawo fargaba.
13 Gorsi ati argatte hundi dadhabbii qofa sitti fide! Urjii lakkooftonni kee warri jiʼa jiʼaan urjii ilaalanii raajan sun, mee waan sitti dhufu duraa si haa baasan kaa.
Dukan shawarwarin da kika samu sun dai gajiyar da ke ne kawai! Bari masananki na taurari su zo gaba, waɗannan masu zāna taswirar sammai suna kuma faɗa miki dukan abin da zai faru da ke wata-wata, bari su cece ki daga abin da zai faru da ke.
14 Dhugumaan isaan akkuma cidii ti; ibiddi isaan guba. Isaan mataa isaanii iyyuu, humna arraba ibiddaa jalaa baasuu hin dandaʼan. Barbadaan ibiddaa kan namni hoʼifatu tokko iyyuu hin jiru; ibiddi bira taaʼanis hin argamu.
Tabbas suna kama da bunnu; wuta za tă cinye su ƙaf. Ba za su ma iya ceton kansu daga ikon wutar ba. Ba wutar da wani zai ji ɗumi; ba wutar da za a zauna kusa da ita.
15 Wanni warri ati wajjin dadhabdee ijoollummaa keetii jalqabdee wajjin daldalte sun siif gochuu dandaʼan kanuma. Tokkoon tokkoon isaanii dogoggora isaanii itti fufan; kan si baasuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru.
Abin da za su iya yi miki ke nan kawai, waɗannan da kika yi ta fama da su kika kuma yi ciniki da su tun kina jaririya. Kowannensu zai tafi cikin kuskurensa; babu ko ɗayan da zai cece ki.