< Isaayyaas 46 >
1 Beel gad jedha; Neboo akka malee gugguufa; waaqonni isaanii tolfamoon kotte duudaa fi horiitti feʼamaniiru; fakkiiwwan isaan qabatanii jooran baʼaa dha; horii dadhabeef baʼaa dha.
Beli anasujudu hadi nchi, Nebo anainama; sanamu zao zabebwa na wanyama wa mizigo. Vinyago hivi mnavyobeba kila mahali ni mzigo wa kulemea, mzigo kwa waliochoka.
2 Isaan gugguufanii walii wajjin gad jedhu; baʼaa sana oolchuu hin dandaʼan; isaan iyyuu ni boojiʼamu.
Vinyago pamoja na wale wanaovibeba wanainama chini; hiyo miungu haiwezi kuwaokoa watu, wote wanakwenda utumwani pamoja.
3 “Yaa mana Yaaqoob, isin hambaan mana Israaʼel hundi, warri ani gaafa isin gadameessa keessatti uumamtanii jalqabee ol isin qabee gaafa dhalattanii jalqabees isin baadhe hundi dhaggeeffadhaa.
“Nisikilizeni mimi, ee nyumba ya Yakobo, ninyi nyote mliobaki wa nyumba ya Israeli, ninyi ambao nimewategemeza tangu mlipotungwa mimba, nami nimewabeba tangu kuzaliwa kwenu.
4 Hamma dulloomtanii arrii baaftanitti, ani isa; isuma isin jiraachisuu dha. Ani isin uumeera; isinan baadhas; ani isinan jiraachisa; isinan baraaras.
Hata mpaka wakati wa uzee wenu na mvi, Mimi ndiye, Mimi ndiye nitakayewasaidia ninyi. Nimewahuluku, nami nitawabeba, nitawasaidia ninyi na kuwaokoa.
5 “Isin eenyuun wal bira na qabdu yookaan eenyuun wal na qixxeessitu? Akka wal madaalluufis eenyutti na fakkeessitu?
“Mtanilinganisha na nani, au mtanihesabu kuwa sawa na nani? Ni nani mtakayenifananisha naye ili tuweze kulinganishwa?
6 Namoonni tokko tokko korojoo isaanii keessaa warqee gad naqanii madaalliidhaan meetii madaalu; Waaqa tolfamaa tolchuuf jedhanii tumtuu warqee qacaru; isaanis gad jedhanii sagaduuf.
Wengine humwaga dhahabu kutoka kwenye mifuko yao, na kupima fedha kwenye mizani; huajiri mfua dhahabu kutengeneza mungu, kisha huisujudia na kuiabudu.
7 Ol fuudhanii gatiittii isaaniitti ni baatu; iddoo isaatti ni deebisu; innis achi dhaabata. Inni iddoo sanaa sochoʼuu hin dandaʼu. Yoo namni gara isaatti iyye iyyuu, inni deebii hin kennu; inni rakkoo isaa keessaa isa baasuu hin dandaʼu.
Huiinua mabegani na kuichukua; huiweka mahali pake, papo hapo ndipo isimamapo. Wala haiwezi kusogea kutoka mahali pale. Ingawa mtu huililia, haimjibu; haiwezi kumwokoa kwenye taabu zake.
8 “Yaa finciltoota, waan kana yaadadhaa; qalbiittis qabadhaa; garaa keessan keessas kaaʼadhaa.
“Kumbukeni hili, litieni akilini, liwekeni moyoni, enyi waasi.
9 Wantoota darban kanneen bara durii yaadadhaa; ani Waaqa; kan biraa hin jiru; ani Waaqa; kan akka koo hin jiru.
Kumbukeni mambo yaliyopita, yale ya zamani za kale; mimi ndimi Mungu, wala hakuna mwingine; mimi ndimi Mungu, wala hakuna mwingine aliye kama mimi.
10 Ani dhuma waan tokkoo jalqabumatti nan labsa; waan amma iyyuu dhufuuf jiru, ani durumaa jalqabee dubbadheera. Ani, ‘Kaayoon koo cimee jiraata; waan na gammachiisu hundas nan hojjedha’ nan jedha.
Ni mimi nitangazaye mwisho tangu mwanzo, naam, tangu zamani za kale, mambo ambayo hayajatendeka. Ninasema: Kusudi langu ndilo litakalosimama, nami nitatenda mapenzi yangu yote.
11 Baʼa biiftuutii allaattii waa adamsitu, lafa fagootii immoo nama kaayyoo koo fiixaan baasu nan waama. Ani waanan dubbadhe nan guuta; waanan karoorfadhes nan raawwadha.
Kutoka mashariki ninaita ndege awindaye; kutoka nchi ya mbali, mtu atakayetimiza kusudi langu. Lile ambalo nimelisema, ndilo nitakalolitimiza; lile nililolipanga, ndilo nitakalolitenda.
12 Yaa mata jabeeyyii, isin warri qajeelummaa irraa fagoo jirtan na dhaggeeffadhaa.
Nisikilizeni, ninyi wenye mioyo migumu, ninyi mlio mbali na haki.
13 Ani qajeelummaa koo nan dhiʼeessa; innis fagoo hin jiru; fayyisuun koos hin barfatu. Ani Xiyooniif fayyina, Israaʼeliif immoo ulfina koo nan kenna.
Ninaleta haki yangu karibu, haiko mbali; wala wokovu wangu hautachelewa. Nitawapa Sayuni wokovu, Israeli utukufu wangu.