< Isaayyaas 46 >

1 Beel gad jedha; Neboo akka malee gugguufa; waaqonni isaanii tolfamoon kotte duudaa fi horiitti feʼamaniiru; fakkiiwwan isaan qabatanii jooran baʼaa dha; horii dadhabeef baʼaa dha.
כרע בל קרס נבו היו עצביהם לחיה ולבהמה נשאתיכם עמוסות משא לעיפה׃
2 Isaan gugguufanii walii wajjin gad jedhu; baʼaa sana oolchuu hin dandaʼan; isaan iyyuu ni boojiʼamu.
קרסו כרעו יחדו לא יכלו מלט משא ונפשם בשבי הלכה׃
3 “Yaa mana Yaaqoob, isin hambaan mana Israaʼel hundi, warri ani gaafa isin gadameessa keessatti uumamtanii jalqabee ol isin qabee gaafa dhalattanii jalqabees isin baadhe hundi dhaggeeffadhaa.
שמעו אלי בית יעקב וכל שארית בית ישראל העמסים מני בטן הנשאים מני רחם׃
4 Hamma dulloomtanii arrii baaftanitti, ani isa; isuma isin jiraachisuu dha. Ani isin uumeera; isinan baadhas; ani isinan jiraachisa; isinan baraaras.
ועד זקנה אני הוא ועד שיבה אני אסבל אני עשיתי ואני אשא ואני אסבל ואמלט׃
5 “Isin eenyuun wal bira na qabdu yookaan eenyuun wal na qixxeessitu? Akka wal madaalluufis eenyutti na fakkeessitu?
למי תדמיוני ותשוו ותמשלוני ונדמה׃
6 Namoonni tokko tokko korojoo isaanii keessaa warqee gad naqanii madaalliidhaan meetii madaalu; Waaqa tolfamaa tolchuuf jedhanii tumtuu warqee qacaru; isaanis gad jedhanii sagaduuf.
הזלים זהב מכיס וכסף בקנה ישקלו ישכרו צורף ויעשהו אל יסגדו אף ישתחוו׃
7 Ol fuudhanii gatiittii isaaniitti ni baatu; iddoo isaatti ni deebisu; innis achi dhaabata. Inni iddoo sanaa sochoʼuu hin dandaʼu. Yoo namni gara isaatti iyye iyyuu, inni deebii hin kennu; inni rakkoo isaa keessaa isa baasuu hin dandaʼu.
ישאהו על כתף יסבלהו ויניחהו תחתיו ויעמד ממקומו לא ימיש אף יצעק אליו ולא יענה מצרתו לא יושיענו׃
8 “Yaa finciltoota, waan kana yaadadhaa; qalbiittis qabadhaa; garaa keessan keessas kaaʼadhaa.
זכרו זאת והתאששו השיבו פושעים על לב׃
9 Wantoota darban kanneen bara durii yaadadhaa; ani Waaqa; kan biraa hin jiru; ani Waaqa; kan akka koo hin jiru.
זכרו ראשנות מעולם כי אנכי אל ואין עוד אלהים ואפס כמוני׃
10 Ani dhuma waan tokkoo jalqabumatti nan labsa; waan amma iyyuu dhufuuf jiru, ani durumaa jalqabee dubbadheera. Ani, ‘Kaayoon koo cimee jiraata; waan na gammachiisu hundas nan hojjedha’ nan jedha.
מגיד מראשית אחרית ומקדם אשר לא נעשו אמר עצתי תקום וכל חפצי אעשה׃
11 Baʼa biiftuutii allaattii waa adamsitu, lafa fagootii immoo nama kaayyoo koo fiixaan baasu nan waama. Ani waanan dubbadhe nan guuta; waanan karoorfadhes nan raawwadha.
קרא ממזרח עיט מארץ מרחק איש עצתו אף דברתי אף אביאנה יצרתי אף אעשנה׃
12 Yaa mata jabeeyyii, isin warri qajeelummaa irraa fagoo jirtan na dhaggeeffadhaa.
שמעו אלי אבירי לב הרחוקים מצדקה׃
13 Ani qajeelummaa koo nan dhiʼeessa; innis fagoo hin jiru; fayyisuun koos hin barfatu. Ani Xiyooniif fayyina, Israaʼeliif immoo ulfina koo nan kenna.
קרבתי צדקתי לא תרחק ותשועתי לא תאחר ונתתי בציון תשועה לישראל תפארתי׃

< Isaayyaas 46 >