< Isaayyaas 45 >

1 “Waaqayyo dibamaa isaa Qiiros, kan ani saboota isa jalatti bulchuu fi hidhannaa moototaa hiiksisuuf jedhee harka isaa mirgaa qabee akka karrawwan hin cufamneef, balbalawwan banuuf sanaan akkana jedha:
Yahwe asema hivi kwa mapakwa mafuta, kwa Koreshi, niliyemshika kwa mkono wa kuume, illi niweze kuangamiza mataifa mbele yake, kuwalinda wafalme, kufunguo milango mbele yao, ili lango liwe wazi:
2 Ani fuula kee dura deemee tulluuwwan wal nan qixxeessa; karrawwan naasii nan caccabsa; danqaraawwan sibiilaas nan kukkuta.
''Nitakwenda mbele yako na kusawazisha milima; nitavunjavunja vipandevivande milango ya shaba na kukuta vipandevipande nguzo za chuma,
3 Ati akka ani Waaqayyo Waaqa Israaʼel isa maqaa keetiin si waamu taʼe akka beektuuf, ani badhaadhummaa dukkana keessaa, qabeenya lafa dhoksaatti kuufames siif nan kenna.
Nitakupa hazina iliyo gizani na utajiri uliofichwa mbali, ili ujue kwamba ni mimi Yahwe, niliyekuita kwa jina lako, Mimi, Mungu wa Israeli.
4 Ati na beekuu baattu iyyuu, ani garbicha koo Yaaqoobiif, Israaʼel filatamaa kootiif jedhee maqaa keetiin si waameera; maqaa ulfinaas siif kenneera.
Kwa niaba ya Jakobo mtumishi wangu, na Israeli chaguo langu, Nimekuita wewe kwa jina lako: nimekupa heshima iliyotukuka, jabo hakunijua mimi.
5 Ani Waaqayyo; ana malee kan biraa hin jiru; ana malee Waaqni tokko iyyuu hin jiru. Ati na beekuu baattu iyyuu, ani sin jabeessa;
Mimi ni Yahwe na hapana mwingine; hakuna Mungu ila mimi. Nitakuimarisha katika vita, japo hamkunifamu mimi;
6 Kunis akka namoonni baʼa biiftuutii hamma lixa biiftuutti, ana malee kan biraa akka hin jirre beekaniif. Ani Waaqayyo; ana malee tokko iyyuu hin jiru.
kwamba watu wajue kutoka mapambazuko ya jua, na kutoka magharibi, kwamba hakuna mungu mwngine ila mimi: Mimi ni Yahwe, na hakuna mwingine.
7 Ani ifa nan tolcha; dukkanas nan uuma; badhaadhummaa nan fida; balaas nan uuma; ani Waaqayyo wantoota kanneen hunda nan godha.
Nimefanya mwanga na nimeumba giza; Ninanateta amani na ninaumba majanga; Mimi Yahwe, nifanyae haya yote.
8 “Yaa samiiwwan, isin ol gubbaadhaa qajeelummaa roobsaa; duumessoonnis gad coccobsaa. Lafti haa banamtu; fayyinni haa biqilu; qajeelummaanis isa wajjin haa guddatu; ani Waaqayyo waan kana uumeera.
Enyi mbingu, nyesha kutoka juu! Acha anga lishushe chini haki, na acha nchi inyonje haki, ili wokovu uweze kuchipukia juu, na haki kutawanyika kwa pamoja. Mimi Yahwe nimewumba wote kwa pamoja.
9 “Qiraacii qiraaciidhuma lafaa taʼee Uumaa isaatiin wal loluuf wayyoo. Supheen, suphee dhooftuudhaan, ‘Ati maal hojjechaa jirta?’ jedhaa? Hojiin ati hojjettus, ‘Inni harka hin qabu’ siin jedhaa?
Ole kwa yeyote anayesema kwa yule aliyemfanya yeye, kwake yeye ni kama chungu cha udongo miongoni mwa vyingu vya udongo katika aridhi! Je udongo umwambia mfinyanzi, 'Unatengeneza nini? au ' Kazi yako haina kitu cha kushika?
10 Nama Abbaadhaan, ‘Ati maal dhalchite?’ yookaan haadhaan, ‘Ati maal deesse?’ jedhuuf wayyoo.
Ole wake asemae kwa baba, 'Unanizaa nini? au kwa mwanamke, 'unanizaa mimi nin?'
11 “Waaqayyo, Qulqullichi Israaʼel Uumaan ishee sun akkana jedha: Isin waaʼee wantoota dhufuuf jiranii jechuunis, ‘Waaʼee ijoollee koo na gaafadhaa; yookaan waaʼee hojii harka koo na ajajaa.’
Yahwe asema hivi, yeye aliye Mtakatifu wa Israeli, muumbaji wake: 'Kwa nini unauliza swali kuhusu nini nitakacho kifanya kwa watoto wangu? Je unaweza kuniambia kuuhusiana na kazi ya mikono yangu?
12 Kan lafa tolchee namas ishee irratti uume ana. Harki koo samiiwwan diriirseera; raayyaa isaanii hundas ajajeera.
Nimeifanya nchi na kuumba mtu juu yake. Ni mkono yangu mimi nilioinyoosha ju ya mbingu, na nikazimuru nyota zote kutokea.
13 Ani qajeelummaa kootiin Qiirosin ol nan kaasa: Karaa isaa hundas wal nan qixxeessa. Inni magaalaa koo deebisee ijaara; boojiʼamtoota koos bilisa baasa; garuu gatiidhaan yookaan badhaasaan miti, jedha Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu.”
Nimemuinua Keroshi juu katika haki yangu, na nitalainisha njia zake zote. Ataujenga mji wangu kwa upya; atawachia walioko uhamishoni kurudi nyumbani kwao, na so kwa pesa wala kwa rushwa,'' asema Yahwe wa majeshi.
14 Waaqayyo akkana jedha: “Qabeenyi Gibxii fi daldalli Itoophiyaa, namoonni dhedheeroon Saabaa, gara kee ni dhufu; kan kees ni taʼu; isaan foncaadhaan hidhamanii dugda duubaan si duukaa buʼu. Fuula kee durattis gad jedhanii ‘Dhugumaan Waaqni si wajjin jira; isa malees tokko iyyuu hin jiru; isa malees Waaqni biraa hin jiru’ jedhanii si kadhatu.”
Yahwe asema hivi, mapato ya Misri na bidhaa ya Ethiopia pamoja na Waseba jamii ya watu werefu, tatawaleta kwenu. Watakuwa wa kwenu. Watafuata baada yenu, watakuja na minyororo. Watakuinamia chini na kukuomba huku wakisema, 'Hakika Mungu yuko pamoja na wewe na hakuna mwingine ila yeye.''
15 Yaa Waaqi, Fayyisaa Israaʼel, ati dhugumaan Waaqa of dhoksituu dha.
Hakika mna Mungu aliyejifisha ndani yenu, Mungu wa Israeli, Mkombozi.
16 Warri waaqota tolfamoo tolchan hundinuu ni qaanaʼu; ni salphatu; walii wajjinis salphina keessa buʼu.
Wote wataabishwa na kuzaraliwa kwa pamoja; wale wachongao sanamu watatembea katika udhalilishaji.
17 Israaʼel garuu fayyina bara baraatiin Waaqayyo ni fayyifama; isin bara baraan hin qaanoftan; yookaan hin salphattan.
Lakini Israeli itakombolewa na Yahwe kawa wokovu wa milele; na wala hautaabika tena au kudhalilishwa.
18 Waaqayyo akkana jedha; kan samiiwwan uume, inni Waaqa; inni lafa miidhagsee tolchee ishee hundeesse; inni akka isheen iddoo jireenyaa taatuuf ishee uume malee akka isheen ona taatuuf ishee hin uumne; inni akkana jedha; “Ani Waaqayyo; ana malee kan biraa hin jiru.
Yahwe asem hivi, nani aliyeziumba mbingu, Mungu wa kweli ndiye aliyeiumbwa nchi na kuifaya, ndiye aliyeianzisha nchi. Aliiumba yeye, sio kama taka, aliimba ili pawe na wenyeji: ''mimi ni Yahwe, na hakuna mwingine.
19 Ani biyya dukkanaa keessaa dhoksaadhaan hin dubbanne; ani sanyiiwwan Yaaqoobiin, ‘Akkasumaan na barbaadaa’ hin jenne. Ani Waaqayyo dhugaa nan dubbadha; waan qajeelaas nan labsa.
Sijaongea katika siri, katika maeneo ya siri; Sijauambia ukoo wa Daudi, 'Nitafute bure! Mimi ni Yahwe ninayezungumza ukweli; Ninatangaza vitu vilivyo vya kweli.
20 “Walitti qabamaa kottaa; isin baqattoonni sabootaa wal gaʼaa. Warri waaqa tolfamaa muka irraa hojjetame baatan, kanneen waaqota fayyisuu hin dandeenye kadhatan homaa beekumsa hin qaban.
Jikusanjeni wenyewe na mje! kusanyikeni kwa pamoja, enyi wakimbizi kutoka miongoni mwa mataifa! Hawana maarifa, wale wanaobeba sanamu ya kuchonga na kuiomba miungu asiyewasidia.
21 Waanan taʼuu qabu dubbadhaa; dhiʼeeffadhaas; isaanis walii wajjin haa mariʼatan. Eenyutu waan kana duraan dursee bara dheeraan dura hime? Duruma iyyuu eenyutu labse? Anuma Waaqayyo mitii? Ana malee Waaqni qajeelaa fi Fayyisaan tokko iyyuu hin jiru; ana malee tokko illee hin jiru.
Sogeeni karibu na mnitangazie mimi, leteni ushahidi! waache walete mashauri kwa pamoja. Ni nani aliyewaonyesha haya kutoka zamani? Ni nani aliyetangaza? Je sikuwa mimi, Yahwe? na hakuna Mungu mwingine ila mimi, Mungu mwenye haki; na mkombozi; hakuna mwingine zaidi yake.
22 “Isin warri handaara lafaa hundi, gara kootti deebiʼaatii fayyaa; ani Waaqa; ana malee kan biraa hin jiruutii.
Nijeukieni mimi, na mkaokolewe, miisho yote ya nchi; Maana mimi ni Mungu, na hakuna mwingine. Mimi mwenyewe ninaapa, ninaongea katika haki yangu, na sitarudi nyuma:
23 Ani mataa kootiin kakadheera; afaan koos akkana jedhee qajeelummaadhaan dubbii hin geeddaramne dubbateera; ‘Jilbi hundi fuula koo duratti ni jilbeenfata; arrabni hundis anaan kakata.’
'kwangu kila goti litapigwa, na kila ulimi utakiri.
24 Isaanis, ‘Qajeelummaa fi jabinni Waaqayyo qofaan argama’ jedhanii waaʼee koo ni dubbatu.” Warri aariidhaan isatti kaʼan hundi, gara isaa dhufanii ni qaanaʼu.
Wataniambia mimi, Ni katika Yahwe peke yake kuna wokovu na nguvu.'' wataaibika wale wote wenye hasira na Mungu.
25 Sanyiin Israaʼel hundi garuu, Waaqayyoon qajeeltota taasifamu; ni kabajamus.
Katika Yahwe makabila yote ya Israeli yataalalishwa; watachukua kiburi katika yeye.

< Isaayyaas 45 >