< Isaayyaas 45 >

1 “Waaqayyo dibamaa isaa Qiiros, kan ani saboota isa jalatti bulchuu fi hidhannaa moototaa hiiksisuuf jedhee harka isaa mirgaa qabee akka karrawwan hin cufamneef, balbalawwan banuuf sanaan akkana jedha:
われヱホバわが受膏者クロスの右手をとりてもろもろの國をそのまへに降らしめ もろもろの王の腰をとき扉をその前にひらかせて門をとづるものなからしめん
2 Ani fuula kee dura deemee tulluuwwan wal nan qixxeessa; karrawwan naasii nan caccabsa; danqaraawwan sibiilaas nan kukkuta.
われ汝のまへにゆきて崎嶇をたひらかにし 銅の門をこぼち くろがねの關木をたちきるべし
3 Ati akka ani Waaqayyo Waaqa Israaʼel isa maqaa keetiin si waamu taʼe akka beektuuf, ani badhaadhummaa dukkana keessaa, qabeenya lafa dhoksaatti kuufames siif nan kenna.
われなんぢに暗ところの財貨とひそかなるところに藏せるたからとを予へ なんぢに我はヱホバなんぢの名をよべるイスラエルの神なるを知しめん
4 Ati na beekuu baattu iyyuu, ani garbicha koo Yaaqoobiif, Israaʼel filatamaa kootiif jedhee maqaa keetiin si waameera; maqaa ulfinaas siif kenneera.
わが僕ヤコブわが撰みたるイスラエルのために我なんぢの名をよべり 汝われを知ずといへどわれ名をなんぢに賜ひたり
5 Ani Waaqayyo; ana malee kan biraa hin jiru; ana malee Waaqni tokko iyyuu hin jiru. Ati na beekuu baattu iyyuu, ani sin jabeessa;
われはヱホバなり 我のほかに神なし 一人もなし 汝われをしらずといへども我なんぢを固うせん
6 Kunis akka namoonni baʼa biiftuutii hamma lixa biiftuutti, ana malee kan biraa akka hin jirre beekaniif. Ani Waaqayyo; ana malee tokko iyyuu hin jiru.
而して日のいづるところより西のかたまで人々我のほかに神なしと知べし 我はヱホバなり他にひとりもなし
7 Ani ifa nan tolcha; dukkanas nan uuma; badhaadhummaa nan fida; balaas nan uuma; ani Waaqayyo wantoota kanneen hunda nan godha.
われは光をつくり又くらきを創造す われは平和をつくりまた禍害をさうざうす 我はヱホバなり 我すべてこれらの事をなすなり
8 “Yaa samiiwwan, isin ol gubbaadhaa qajeelummaa roobsaa; duumessoonnis gad coccobsaa. Lafti haa banamtu; fayyinni haa biqilu; qajeelummaanis isa wajjin haa guddatu; ani Waaqayyo waan kana uumeera.
天ようへより滴らすべし 雲よ義をふらすべし 地はひらけて救を生じ義をもともに萌いだすべし われヱホバ之を創造せり
9 “Qiraacii qiraaciidhuma lafaa taʼee Uumaa isaatiin wal loluuf wayyoo. Supheen, suphee dhooftuudhaan, ‘Ati maal hojjechaa jirta?’ jedhaa? Hojiin ati hojjettus, ‘Inni harka hin qabu’ siin jedhaa?
世人はすゑものの中のひとつの陶器なるに己をつくれる者とあらそふはわざはひなるかな 泥塊はすゑものつくりにむかひて汝なにを作るかといふべけんや 又なんぢの造りたる者なんぢを手なしといふべけんや
10 Nama Abbaadhaan, ‘Ati maal dhalchite?’ yookaan haadhaan, ‘Ati maal deesse?’ jedhuuf wayyoo.
父にむかひて汝なにゆゑに生むことをせしやといひ 婦にむかひて汝なにゆゑに產のくるしみをなししやといふ者はわざはひなるかな
11 “Waaqayyo, Qulqullichi Israaʼel Uumaan ishee sun akkana jedha: Isin waaʼee wantoota dhufuuf jiranii jechuunis, ‘Waaʼee ijoollee koo na gaafadhaa; yookaan waaʼee hojii harka koo na ajajaa.’
ヱホバ、イスラエルの聖者イスラエルを造れるもの如此いひたまふ 後きたらんとすることを我にとへ またわが子女とわが手の工とにつきて汝等われに言せよ
12 Kan lafa tolchee namas ishee irratti uume ana. Harki koo samiiwwan diriirseera; raayyaa isaanii hundas ajajeera.
われ地をつくりてそのうへに人を創造せり われ自らの手をもて天をのべ その萬象をさだめたり
13 Ani qajeelummaa kootiin Qiirosin ol nan kaasa: Karaa isaa hundas wal nan qixxeessa. Inni magaalaa koo deebisee ijaara; boojiʼamtoota koos bilisa baasa; garuu gatiidhaan yookaan badhaasaan miti, jedha Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu.”
われ義をもて彼のクロスを起せり われそのすべての道をなほくせん 彼はわが邑をたてわが俘囚を價のためならず報のためならずして釋すべし これ萬軍のヱホバの聖言なり
14 Waaqayyo akkana jedha: “Qabeenyi Gibxii fi daldalli Itoophiyaa, namoonni dhedheeroon Saabaa, gara kee ni dhufu; kan kees ni taʼu; isaan foncaadhaan hidhamanii dugda duubaan si duukaa buʼu. Fuula kee durattis gad jedhanii ‘Dhugumaan Waaqni si wajjin jira; isa malees tokko iyyuu hin jiru; isa malees Waaqni biraa hin jiru’ jedhanii si kadhatu.”
ヱホバ如此いひたまふ エジプトがはたらきて得しものとエテオピアがあきなひて得しものとはなんぢの有とならん また身のたけ高きセバ人きたりくだりて汝にしたがひ繩につながれて降り なんぢのまへに伏しなんぢに祈りていはん まことに神はなんぢの中にいませり このほかに神なし一人もなしと
15 Yaa Waaqi, Fayyisaa Israaʼel, ati dhugumaan Waaqa of dhoksituu dha.
救をほどこし給ふイスラエルの神よ まことに汝はかくれています神なり
16 Warri waaqota tolfamoo tolchan hundinuu ni qaanaʼu; ni salphatu; walii wajjinis salphina keessa buʼu.
偶像をつくる者はみな恥をいだき辱かしめをうけ諸共にはぢあわてて退かん
17 Israaʼel garuu fayyina bara baraatiin Waaqayyo ni fayyifama; isin bara baraan hin qaanoftan; yookaan hin salphattan.
されどイスラエルはヱホバにすくはれて永遠の救をえん なんぢらは世々かぎりなく恥をいだかず辱かしめをうけじ
18 Waaqayyo akkana jedha; kan samiiwwan uume, inni Waaqa; inni lafa miidhagsee tolchee ishee hundeesse; inni akka isheen iddoo jireenyaa taatuuf ishee uume malee akka isheen ona taatuuf ishee hin uumne; inni akkana jedha; “Ani Waaqayyo; ana malee kan biraa hin jiru.
ヱホバは天を創造したまへる者にしてすなはち神なり また地をもつくり成てこれを堅くし徒然にこれを創造し給はず これを人の住所につくり給へり ヱホバかく宣給ふ われはヱホバなり我のほかに神あることなしと
19 Ani biyya dukkanaa keessaa dhoksaadhaan hin dubbanne; ani sanyiiwwan Yaaqoobiin, ‘Akkasumaan na barbaadaa’ hin jenne. Ani Waaqayyo dhugaa nan dubbadha; waan qajeelaas nan labsa.
われは隱れたるところ地のくらき所にてかたらず 我はヤコブの裔になんぢらが我をたづぬるは徒然なりといはず 我ヱホバはただしき事をかたり直きことを告ぐ
20 “Walitti qabamaa kottaa; isin baqattoonni sabootaa wal gaʼaa. Warri waaqa tolfamaa muka irraa hojjetame baatan, kanneen waaqota fayyisuu hin dandeenye kadhatan homaa beekumsa hin qaban.
汝等もろもろの國より脱れきたれる者よ つどひあつまり共にすすみききたれ 木の像をになひ救ふことあたはざる神にいのりするものは無智なるなり
21 Waanan taʼuu qabu dubbadhaa; dhiʼeeffadhaas; isaanis walii wajjin haa mariʼatan. Eenyutu waan kana duraan dursee bara dheeraan dura hime? Duruma iyyuu eenyutu labse? Anuma Waaqayyo mitii? Ana malee Waaqni qajeelaa fi Fayyisaan tokko iyyuu hin jiru; ana malee tokko illee hin jiru.
なんぢらその道理をもちきたりて述よ また共にはかれ 此事をたれか上古より示したりや 誰かむかしより告たりしや 此はわれヱホバならずや 我のほかに神あることなし われは義をおこなひ救をほどこす神にして我のほかに神あることなし
22 “Isin warri handaara lafaa hundi, gara kootti deebiʼaatii fayyaa; ani Waaqa; ana malee kan biraa hin jiruutii.
地の極なるもろもろの人よ なんぢら我をあふぎのぞめ然ばすくはれん われは神にして他に神なければなり
23 Ani mataa kootiin kakadheera; afaan koos akkana jedhee qajeelummaadhaan dubbii hin geeddaramne dubbateera; ‘Jilbi hundi fuula koo duratti ni jilbeenfata; arrabni hundis anaan kakata.’
われは己をさして誓ひたり この言はただしき口よりいでたれば反ることなし すべての膝はわがまへに屈み すべての舌はわれに誓をたてん
24 Isaanis, ‘Qajeelummaa fi jabinni Waaqayyo qofaan argama’ jedhanii waaʼee koo ni dubbatu.” Warri aariidhaan isatti kaʼan hundi, gara isaa dhufanii ni qaanaʼu.
人われに就ていはん正義と力とはヱホバにのみありと 人々ヱホバにきたらん すべてヱホバにむかひて怒るものは恥をいだくべし
25 Sanyiin Israaʼel hundi garuu, Waaqayyoon qajeeltota taasifamu; ni kabajamus.
イスラエルの裔はヱホバによりて義とせられ且ほこらん

< Isaayyaas 45 >