< Isaayyaas 44 >

1 “Amma garuu yaa Yaaqoob garbicha ko, yaa Israaʼel kan ani si filadhe, dhaggeeffadhu.
Yet listen now, Jacob my servant, and Israel, whom I have chosen.
2 Waaqayyo inni si uume, kan gadameessa keessatti si tolche, inni si gargaaru sun akkana jedha: Yaa garbicha koo Yaaqoob, yaa Yishuruun kan ani si filadhe hin sodaatin.
This is what Jehovah who made you, and formed you from the womb, who will help you says: "Do not be afraid, Jacob my servant; and you, Jeshurun, whom I have chosen.
3 Ani lafa dheebote irratti bishaan, lafa gogaa irratti burqaa nan dhangalaasaatii; ani ijoollee kee irratti Hafuura koo, sanyii kee irratti immoo eebba koo nan dhangalaasa.
For I will pour water upon the thirsty, and streams on the dry ground. I will pour my Spirit on your offspring, and my blessing on your descendants:
4 Isaan akkuma marga bishaan gidduutii fi akka muka alaltuu kan qarqara lagaa jiruutti ni lalisu.
and they will spring up among the grass, as willows by the watercourses.
5 Namni tokko, ‘Ani kan Waaqayyoo ti’ ofiin jedha; kan biraa maqaa Yaaqoobiin of waama; kaan immoo harka isaa irratti, ‘Ani kan Waaqayyoo ti’ jedhee barreeffata; maqaa Israaʼeliinis of waama.
One will say, 'I am Jehovah's;' and another will be called by the name of Jacob; and another will write with his hand 'to Jehovah,' and honor the name of Israel."
6 “Waaqayyo Mootii fi Furiin Israaʼel Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: Ani kan jalqabaa ti; ani kan dhumaatis; ana malee Waaqni biraa hin jiru.
This is what Jehovah, the King of Israel, and his Redeemer, Jehovah of hosts, says: "I am the first, and I am the last; and besides me there is no God.
7 Yoos kan akka koo eenyu? Mee inni hafuura haa baafatu. Inni waan erga ani saba koo kan durii hundeessee as taʼe, waan hamma ammaatti hin taʼin haa dubbatu; fuula koo durattis haa ibsu; waan gara fuulduraatti taʼu illee duraan dursee haa himu.
Who is like me? Who will call, and will declare it, and set it in order for me, since I established the ancient people? Let them declare the things that are coming, and that will happen.
8 Hin rifatinaa; hin sodaatinaa. Ani waan kana labsee bara dheeraan dura sitti hin himnee? Isin dhuga baatota koo ti. Ana malee Waaqni biraa jiraa? Lakkii, Kattaan biraa hin jiru; ani tokko iyyuu hin beeku.”
Do not fear, neither be afraid. Haven't I declared it to you long ago, and shown it? You are my witnesses. Is there a God besides me? Indeed, there is not. I do not know any other Rock."
9 Warri waaqota tolfamoo tolchan hundi gatii hin qaban; wanni isaan hawwan faayidaa hin qabu. Warri isaaniif falmanis jaamota; isaan beekumsa hin qaban; kanaafuu ni qaaneffamu.
Everyone who makes an engraved image is vain. The things that they delight in will not profit. Their own witnesses do not see, nor know, that they may be disappointed.
10 Eenyutu waaqa tolfamaa fi fakkii homaa isa hin fayyadne tolcha?
Who has fashioned a god, or molds an image that is profitable for nothing?
11 Isaa fi namni akka isaa ni qaaneffama; ogeeyyiin hojii harkaas namootuma malee homaa miti. Isaan hundi walitti qabamanii iddoo tokko haa dhaabatan; isaan ni naʼu; ni salphatus.
Look, all his fellows will be disappointed; and the workmen are mere men. Let them all be gathered together. Let them stand up. They will fear. They will be put to shame together.
12 Tumtuun meeshaa ittiin waa tumu harkatti qabatee cilee bobaʼu irratti ittiin hojjeta; inni burruusaan waaqa tolfamaa tolcha; irree isaa jabaadhaanis ni miidhagsa. Inni ni beelaʼa; humnas ni dhaba; bishaan hin dhugu; ni gaggabas.
The blacksmith takes an axe, works in the coals, fashions it with hammers, and works it with his strong arm. He is hungry, and his strength fails; he drinks no water, and is faint.
13 Namni muka soofu funyoodhaan safara cilaattiidhaan mallattoo itti godha; qirixiidhaan qiriixee safartuudhaan mallattoo itti godha. Fakkii namaatiin hojjeta; akka inni galma waaqeffannaa keessa jiraatuufis miidhagina namaa itti tolcha.
The carpenter stretches out a line. He marks it out with a pencil. He shapes it with planes. He marks it out with compasses, and shapes it like the figure of a man, with the beauty of a man, to reside in a house.
14 Inni birbirsa mura; gaattiraa yookaan qilxuu filata. Akka inni mukkeen bosonaa keessatti guddatuuf ni dhiisa; yookaan hadheessa dhaaba; bokkaanis isa guddisa.
He cuts down cedars for himself, and takes the cypress and the oak, and strengthens for himself one among the trees of the forest. He plants a fir tree, and the rain nourishes it.
15 Mukni sun qoraan bobeeffamu taʼa; namni muraasa isaa fudhatee bobeessee qaqqaammata; ibidda qabsiisee buddeena ittiin tolfata. Waaqa sobaas tolfatee waaqeffata; waaqa tolfamaas tolfatee gad jedhee sagadaaf.
Then it will be for a man to burn; and he takes some of it, and warms himself. Yes, he burns it, and bakes bread. Yes, he makes a god, and worships it; he makes it an engraved image, and falls down to it.
16 Gartokkee mukkeen sanaa ni bobeessa; isa irratti nyaata bilcheeffata; foonis irratti waaddatee hamma quufutti nyaata. Ibidda qaqqaammachaas, “Ishoo! Ibiddi natti hoʼe; ibidda nan arga” jedha.
He burns part of it in the fire. With part of it, he eats meat. He roasts a roast, and is satisfied. Yes, he warms himself, and says, "Aha. I am warm. I have seen the fire."
17 Mukkeen hafaniin immoo waaqa sobaa, waaqa isaa tolfamaa tolfata; gad jedhees ni sagadaaf. Isa kadhatees, “Situ Waaqa koo ti; na baraari” jedhaan.
The rest of it he makes into a god, even his engraved image. He bows down to it and worships, and prays to it, and says, "Deliver me; for you are my god."
18 Isaan homaa hin beekan; homaa hin hubatanis; akka arguu hin dandeenyeef iji isaanii haguugameera; akka hin hubanneefis qalbiin isaanii cufameera.
They do not know, neither do they consider: for he has shut their eyes, that they can't see; and their hearts, that they can't understand.
19 Namni tokko iyyuu itti hin yaadu; namni tokko iyyuu akkana jechuuf beekumsa yookaan hubannaa hin qabu; “Ani walakkaa isaa qoraan godhadheera; cilee isaa irratti buddeena tolfadhee foon ittiin waaddadhee nyaadheera. Ani amma waan hafe kanaan waan jibbisiisaa nan hojjedhaa? Ani gad jedhee jirmaaf sagaduu qabaa?”
No one thinks, neither is there knowledge nor understanding to say, "I have burned part of it in the fire. Yes, I have also baked bread on its coals. I have roasted meat and eaten it. Shall I make the rest of it into an abomination? Shall I bow down to a tree trunk?"
20 Inni daaraa nyaata; garaan gowwoomfames karaa irraa isa jalʼiseera; inni of oolchuu yookaan, “Wanni harka koo mirgaa keessa jiru kun soba mitii?” jechuu hin dandaʼu.
He feeds on ashes. A deceived heart has turned him aside; and he can't deliver his soul, nor say, "Isn't there a lie in my right hand?"
21 “Yaa Yaaqoob, ati waan kana yaadadhu; yaa Israaʼel, ati garbicha koo ti. Ani si tolcheera; atis garbicha koo ti; yaa Israaʼel, ani si hin dagadhu.
Remember these things, Jacob and Israel; for you are my servant. I have formed you. You are my servant. Israel, you will not be forgotten by me.
22 Ani yakka kee akkuma duumessaa, cubbuu kees akkuma hurrii ganamaa haxaaʼee balleesseera. Ani si fureeraatii, ati gara kootti deebiʼi.”
I have blotted out, as a thick cloud, your transgressions, and, as a cloud, your sins. Return to me, for I have redeemed you.
23 Yaa samiiwwan, Waaqayyo waan kana godheeraatii gammachuudhaan faarfadhaa; yaa qileewwan lafaa, gammachuudhaan iyyaa. Isin yaa tulluuwwan, bosonoonnii fi mukkeen keessan hundi ililchaa; Waaqayyo Yaaqoobin furee Israaʼel keessatti ulfina isaa ibseeraatii.
Sing, you heavens, for Jehovah has done it. Shout, you lower parts of the earth. Break out into singing, you mountains, O forest, all of your trees, for Jehovah has redeemed Jacob, and will glorify himself in Israel.
24 “Waaqayyo Furiin kee, kan gadameessa keessatti si tolche akkana jedha: Ani Waaqayyo Tolchaan waan hundaa isa samiiwwan diriirse, isa ofuma kootiin lafa illee diriirsee dha;
Thus says Jehovah, your Redeemer, and he who formed you from the womb: "I am Jehovah, who makes all things; who alone stretches out the heavens; who spreads out the earth by myself;
25 isa mallattoo raajota sobaa busheessee ilaaltota raatessu, isa ogeeyyii duubatti deebisee beekumsa isaanii faayidaa dhabsiisuu dha;
who foils the omens of the empty talkers, and makes fools of diviners; who turns sages back, and makes their knowledge foolish;
26 isa dubbii garboota isaa mirkaneessee raajii ergamoota isaa fiixaan baasu, isa, ‘Isheen iddoo jireenyaa ni taati’ jedhee waaʼee Yerusaalem dubbate, isa, ‘Isaan ni ijaaramu, diigamaa isaaniis nan haaromsa’ jedhee waaʼee magaalaawwan Yihuudaa dubbatuu dha;
who confirms the word of his servant, and performs the counsel of his messengers; who says of Jerusalem, 'She will be inhabited;' and of the cities of Judah, 'They will be built,' and 'I will raise up its waste places;'
27 isa tuujubaan, ‘Ati gogi; ani lageen kee nan gogsa’ jedhu,
who says to the deep, 'Be dry,' and 'I will dry up your rivers;'
28 isa Qiirosin, ‘Inni tiksee koo ti; fedhii koo hundas ni raawwata; inni waaʼee Yerusaalem, “Isheen deebifamtee haa ijaaramtu” waaʼee mana qulqullummaa immoo, “Hundeen isaa haa hundeeffamu” jedhee dubbatu sun anuma.’
Who says of Koresh, 'He is my shepherd, and shall perform all my pleasure,' even saying of Jerusalem, 'She will be built;' and of the temple, 'Your foundation will be laid.'"

< Isaayyaas 44 >