< Isaayyaas 43 >

1 Amma garuu yaa Yaaqoob, Waaqayyo inni si uume, yaa Israaʼel, inni si tolche akkana jedha: “Ani si fureeraatii hin sodaatin; ani maqaa keetiin si waameera; ati kan koo ti.
But now thus saith Jehovah, that created thee, O Jacob, That formed thee, O Israel: Fear not, for I have redeemed thee; I have called thee by name; thou art mine!
2 Yommuu ati bishaan keessa dabartu, ani si wajjinan jira; yommuu ati lageen ceetus, isaan si hin liqimsan. Yommuu ibidda keessa deemtu, ati hin gubattu; arrabni ibiddaas si hin gubu.
When thou passest through waters, I will be with thee; And through rivers, they shall not overflow thee; When thou walkest through fire, thou shalt not be burned, And the flame shall not consume thee.
3 Ani Waaqayyo Waaqni kee, Qulqullichi Israaʼel Fayyisaa keeti; ani biyya Gibxi furii keetiif, qooda kee immoo Kuushii fi Saabaa nan kenna.
For I am Jehovah, thy God, The Holy One of Israel, thy saviour. I will give Egypt for thy ransom, Ethiopia and Seba for thee;
4 Waan ati ija koo duratti jaallatamaa fi kabajamaa taateef, anis waanan si jaalladhuuf, qooda kee namoota qooda lubbuu keetii immoo saboota nan kenna.
Because thou art precious in my sight, Because thou art honored, and I love thee, Therefore will I give men for thee, And nations for thy life.
5 Ani si wajjinan jiraatii hin sodaatin; ani ijoollee kee baʼa biiftuutii nan fida; lixa biiftuutiis walitti sin qaba.
Fear not, for I am with thee! I will bring thy children from the East, And gather thee from the West.
6 Ani Kaabaan, ‘Isaan gad dhiisi!’ Kibbaan immoo ‘Isaan hin dhowwin’ nan jedha. Ilmaan koo fagoodhaa, intallan koo immoo handaara lafaatii fidi;
I will say to the North, “Give them up!” And to the South, “Withhold them not! Bring my sons from afar, And my daughters from the ends of the earth;
7 kan maqaa kootiin waamame hunda, kanneen ani ulfina kootiif uume, warra ani tolchee fi hojjedhe sana fidaa.”
Every one that is called by my name, That I have created for my glory, That I have formed and made!”
8 Warra utuu ija qabanuu jaamanii utuu gurra qabanuu duudan gad baasi.
Bring forth the blind people, having eyes, And the deaf, having ears.
9 Sabni hundi tokkummaadhaan walitti haa qabamu; namoonnis wal haa gaʼan. Isaan keessaa namni duraan dursee waan kana nutti himee wantoota duraas nuuf labse eenyu? Akka warri kaan dhagaʼanii, “Kun dhugaa dha” jedhaniif, akka dhugaa qabeeyyii taʼuun isaanii mirkaneeffamuuf isaan dhuga baatota isaanii haa dhiʼeeffatan.
Let all the nations be gathered together, And the kingdoms be assembled! Who among them hath declared this, And can show us former predictions? Let them produce their witnesses that they are right; That men may hear, and say, It is true!
10 Waaqayyo akkana jedha; “Akka isin beektanii na amantaniif akka ani isa taʼes akka hubattaniif isin dhuga baatota koo, garbicha koo kan ani filadhee dha. Anaan dura waaqni hin hojjetamne; anaan booddees hin jiraatu.
Ye are my witnesses, saith Jehovah, And my servant whom I have chosen, That ye may know and believe me, And understand that I am He. Before me was no god formed, And after me there shall be none.
11 Ana, anuma qofatu Waaqayyo; ana malees fayyisaan biraa hin jiru.
I, I am Jehovah, And besides me there is no saviour.
12 Ani mulʼiseera; fayyiseera; labseeras; ana malee waaqni ormaa gidduu keessan hin turre. Akka ani Waaqa taʼe, isin dhuga baatota koo ti” jedha Waaqayyo.
I have declared and have saved; I made it known, when there was no strange god among you; Ye are my witnesses, saith Jehovah, That I am God.
13 “Bara duriitii jalqabee ani isuma. Namni tokko iyyuu harka kootii waa baasuu hin dandaʼu. Ani nan hojjedha; eenyutu dhowwuu dandaʼa?”
Even from the beginning of time I have been He, And none can rescue from my hand; I undertake, and who can hinder?
14 Waaqayyo Furiin kee, Qulqullichi Israaʼel akkana jedha: “Ani isiniif jedhee Baabilonitti loltoota ergee dooniiwwan isaan ittiin boonaniin namoota Baabilon hunda boojiʼee nan fida.
Thus saith Jehovah, Your redeemer, the Holy One of Israel; For your sakes have I sent to Babylon, And caused all her fugitives, And the Chaldeans, to descend to the ships of their delight.
15 Ani Waaqayyo, Qulqullicha keessan, Uumaa Israaʼel, Mootii keessanii dha.”
I, Jehovah, am your Holy One, The creator of Israel, your king.
16 Waaqayyo inni, galaana keessaan karaa, bishaanota jajjaboo keessaan immoo daandii tolche akkana jedha;
Thus saith Jehovah, —He that made a way in the sea, And a path in the mighty waters,
17 inni gaariiwwanii fi fardeen, loltootaa fi gargaartota isaanii tokkummaadhaan ariʼee baase akkana jedha; isaan achuma ciciisu; lammatas hin kaʼan; akkuma foʼaa ibsaattis dhaamanii badu;
That caused the chariot and the horse, the army and the forces, to march forth; There they lay down together; they rose no more; They were extinguished; they were quenched like a torch; —
18 “Wantoota durii irraanfadhaa; waan darbettis hin cichinaa.
Remember not the former things; The things of old regard no more!
19 Kunoo, ani waan haaraa tokko nan hojjedhaa! Innis amma ni biqila; isin hin hubattanii? Ani gammoojjii keessatti karaa nan qopheessa; lafa onaa keessattis burqaa nan burqisiisa.
Behold, I do a new thing; Now shall it spring forth; yea, ye shall see it. Behold, I make a way in the wilderness, And streams in the desert;
20 Bineensonni bosonaa, waangoowwanii fi guchiiwwan ulfina naaf kennu; akka sabni koo kan ani filadhe dhuguuf, ani gammoojjii keessatti bishaan, lafa onaa keessattis burqaa nan kennaatii;
The beasts of the forest shall honor me, The jackals and the ostriches; For I make rivers in the wilderness And streams in the desert, To give drink to my people, my chosen.
21 sabni ani ofii kootiif filadhe akka na galateeffatuuf ture.
This people, which I have formed for myself Shall make known my praise.
22 “Yaa Yaaqoob, ati garuu na hin waammanne; yaa Israaʼel, ati fuula koo duratti dadhabdeerta.
Yet thou hast not called upon me, O Jacob, So as to have wearied thyself for me, O Israel!
23 Ati aarsaa gubamuu fi hoolota naaf hin fidne; yookaan aarsaa keetiin ulfina naaf hin kennine. Ani aarsaa midhaaniitiin si hin rakkifne; yookaan aarsaa ixaanaa gaafachuudhaan si hin dadhabsiifne.
Thou hast not brought me thy lambs for a burnt-offering, Nor honored me with thy sacrifices; I have not burdened thee with oblations, Nor wearied thee with incense;
24 Ati qundhii urgaa gaarii qabu naa hin binne; yookaan cooma qalma keetiitiin na hin quubsine. Garuu baʼaa cubbuu keetii natti feete; yakka keetiinis na dadhabsiifte.
Thou hast bought me no sweet-smelling reed with silver, Neither hast thou satisfied me with the fat of thy sacrifices; With thy sins hast thou burdened me, And wearied me with thine iniquities.
25 “Kan ofii kootiif jedhee yakka kee sirraa haqee cubbuu kees deebiʼee hin yaadanne, ani anuma.
I, I myself, blot out thy transgressions for my own sake, And will not remember thy sins.
26 Mee waan darbe irra naa deebiʼi; walitti dhufnee dubbii kana irratti haa falminu; dubbii kee dhiʼeeffadhuutii qajeelaa taʼuu kee mirkaneeffadhu.
Put me in remembrance; let us plead together; Speak that thou mayst justify thyself.
27 Abbaan kee kan jalqabaa cubbuu hojjete; barsiistonni kee natti fincilan.
Thy forefathers sinned, And thy teachers were rebellious against me;
28 Kanaafuu ani itti gaafatamtoota mana qulqullummaa keetii nan salphisa; Yaaqoobin badiisaaf, Israaʼelin immoo tuffiif dabarsee nan kenna.
Therefore have I profaned the princes of the sanctuary, And given up Jacob to a curse, And Israel to reproach.

< Isaayyaas 43 >