< Isaayyaas 42 >

1 “Tajaajilaan koo inni ani utubee dhaabu, filatamaan koo kan ani itti gammadu isa kana; ani Hafuura koo isa irra nan kaaʼa; inni sabootaaf murtii qajeelaa ni kenna.
Tazama, mtumishi wangu, niliyekushika; niliyekuchagua, kwake ninapata furaha. Nimeiweka roho yangu juu yake; ataleta haki kwa mataifa.
2 Inni hin wacu yookaan hin iyyu; yookaan daandii irratti sagalee isaa hin dhageessisu.
Hatalia wala kupiga kelele, wala sauti yake haitasikika mitaani.
3 Shambaqqoo buruqe hin cabsu; foʼaa ibsaa kan seequs hin dhaamsu. Inni amanamummaadhaan murtii qajeelaa ni fida;
Mwanzi ulioangamizwa hatauvunja, na wala utambi unaowaka na kutoa mwanga hautaungua: atatekeleza haki kwa uaminifu.
4 hamma murtii qajeelaa lafa irratti fidutti, inni hin dadhabu; abdiis hin kutatu. Biyyoonni bishaan gidduu seera isaa ni abdatu.”
wala hatazimia wala kukata tamaa mpaka atakapoanzisha haki katika nchi; na pwani inasubiria sheria yake.
5 Waaqayyo Waaqni samiiwwan uumee diriirse, inni lafaa fi wantoota ishee keessa jiran hunda hojjete, inni saba isheetiif hafuura baafatan kennee warra ishee irra jiraataniifis jireenya kenne sun akkana jedha:
Mungu Yahwe asema hivi—yeye aliyeziumba mbingu na yeye zinyoosha nje, yeye aliyeiumba nchi na vitu vyote izalishavyo, yeye aliyewapa punzi watu na wale waishio juu:
6 “Ani Waaqayyo qajeelummaadhaan si waameera; harka kees nan qaba. Ani si eegee sabootaaf kakuu, Namoota Ormaatiif immoo ifa sin taasisa;
Mimi Yahwe nimekuita kwa haki yangu na nitakushika kwa mkono wangu. Nitakutunza wewe, na nitakuweka wewe kama agano kwa watu wangu, kama mwanga wa wayunani
7 atis ija jaamotaa ni banta; mana hidhaatii boojiʼamtoota ni hiikta; warra dukkana keessa jiraatanis hidhaadhaa ni baafta.
Kuyafungua macho ya vipofu, kuwatoa waliofungwa gerezani, kuwatoa wale walio gizani kutoka kwenye nyumba iliyofungiwa.
8 “Ani Waaqayyo; maqaan koos kanaa dha! Ani ulfina koo kan biraatiif, galata koos waaqota tolfamoof dabarsee hin kennu.
Mimi ni Yahwe, Hilo ndilo jina langu; na utukufu wangu sitashiriana na mtu mwingine wala sifa zangu sitashirkiana na sanamu ya kuchonga.
9 Kunoo wanni duraanii raawwatameera; anis waan haaraa nan dubbadha; utuu isaan hin biqilin, ani waaʼee isaanii sitti nan odeessa.”
Tazama, mambo ya nyuma yamekuja na kupita, sasa ninakaribia kutangaza mambo mapya. Kabla hayajaanza kutokea nitawambia kuhusu wao.''
10 Isin warri galaana buutanii fi wantoonni achi keessa jiraattan hundi, biyyoonni bishaan gidduu fi warri achi keessa jiraattan hundi, faarfannaa haaraa Waaqayyoof faarfadhaa; handaara lafaatiis galata isaa faarfadhaa.
Mwimbieni Yahwe wimbo mpya, na sifa zake kutoka mwisho wa nchi; wewe ushukae chini kwenye bahari, na vyote vilivyomo ndani yake, waishio pwani na wale wanaoishi huko.
11 Gammoojjii fi magaalaawwan ishee sagalee isaanii ol haa fudhatan; gandoonni Qeedaar keessa jiraatan haa gammadan. Namoonni Seelaa gammachuudhaan haa faarfatan; fiixee tulluuwwanii irraa haa iyyan.
Wacha jangwa na miji ilie, vijiji anavyoishi na Kaderi, lia kwa furaha! waache wenyeji wa Sela waimbe; waache wapige kelele juu ya kilele cha mlima.
12 Isaan Waaqayyoof ulfina haa kennan; biyyoota bishaan gidduu keessattis galata isaa haa labsan.
waache wamtukuze Yahwe na kutangaza sifa zake katika aridhi ya pwani.
13 Waaqayyo akka nama jabaa tokkootti ni duula; akka goota tokkoottis onnee isaa kakaasa; sagalee ol fudhatees ni dhaadata; diinota isaa irrattis ol aantummaa argata.
Yahwe atatoka nje kama shujaa; kama mtu wa vita ataichochea bidii yake. Atapiga kelele, ndio, atalia kw kishindo katika vita yake; atawaonyesha adui zake nguvu zake.
14 “Ani yeroo dheeraaf calʼiseera; ani afaan qabadhee of dhowweera. Amma garuu akka dubartii ciniinsuun qabeetti nan iyya; nan argana; hafuurris na cita.
Nimenyamaza kimyi kwa mda mrefu; bado nimendelea kujizuia mimi mwenyewe; Nitalia kama mwanamke anayetaka kuzaa; nitatweta na kuugua.
15 Ani tulluuwwanii fi gaarran nan onsa; biqiltuuwwan isaanii hundas nan gogsa; ani lageen biyyoota bishaan gidduutti nan geeddara; haroowwanis nan gogsa.
Nitaiharibu milima na vilima na kukausha uoto wake wa asili; nitajeuza mito kuwa visiwa na nitakausha matindiga.
16 Ani jaamota karaa isaan hin beekne irra nan qajeelcha; daandii duraan hin beekamin irra nan deemsisa; ani dukkana fuula isaanii dura jiru ifatti nan geeddara; lafa buʼaa bayiis wal nan qixxeessa. Wanni ani hojjedhu kanneenii dha; ani isaan hin dhiisu.
Nitawaleta vipofu kwa njia wasioijua; katika njia wasiyoijua Nitawapitisha wao. Nitaligeuza giza kuwa mwanga mbele yao, na kupanyoosha mahali palipopotoka. Mambo yote haya nitayafanya, na sitaachana na wao.
17 Warri waaqota tolfamoo amanatan, kanneen fakkiiwwaniin, ‘Isin waaqota keenya’ jedhan garuu duubatti deebiʼu; ni salphatus.
Watageuka nyuma, wataabishwa sana, wale wote wanaoiamini sanamu ya kuchonga, wanaosema na kuziambia sanamu za chuma, ''Nyinyi ni miungu wetu.''
18 “Isin duudota nana, dhagaʼaa; jaamota nana, ilaalaa; argaas!
Sikilizeni ewe kiziwi; tazama, ewe kipofu, ili uweze kuona.
19 Tajaajilaa koo malee jaamaan eenyu? Duudaan akka ergamaa ani ergu sanaas eenyu? Jaamaan akka nama anaaf of kennee, jaamaan akka Garbicha Waaqayyoo eenyu?
aliye kipofu ila mtumishi wangu? au kiziwi ni kama mjumbe niliyemtuma? Ni nani aliye kipofu kama mpenzi wangu wa agano, au kipofu kama mtumishi wa Yahwe?
20 Ati waan baayʼee argite; garuu hin qalbeeffanne; gurri kee banaa dha; garuu ati waan tokko iyyuu hin dhageessu.”
Mmeona mambo mengi, lakini hamuelewi; masikio yamefunguka, lakini hakuna anayesikia.
21 Waaʼee qajeelummaa isaatiif jedhee seera isaa guddisuu fi ulfina qabeessa gochuun Waaqayyoon gammachiiseera.
Itampendeza Yahwe kuisifu haki yake na kuitukuza sheria yake.
22 Sabni kun garuu saba saamamee boojiʼamee dha; hundii isaanii boolla keessatti kiyyoodhaan qabamaniiru; mana hidhaa keessas dhokfamaniiru. Isaan fudhatamaniiru; kan isaan baraarus hin jiru; isaan boojiʼamaniiru; namni, “Isaan deebisaa” jedhus hin jiru.
Lakini watu hawa ni wale waliokamtw na kutekwa; wote wamenaswa kwenye mashimo; wafungwa wote wamewekwa gerezani; wamekuwa mateka na hakuna hata mmoja wa kuwaokoa wao, hakuna asemaye, warudisheni.''
23 Isin keessaa eenyutu waan kana dhaggeeffata? Bara dhufuuf jiru keessas eenyutu qalbeeffatee dhagaʼa?
Ni nani miongoni mwenu atalisikiliza hili? nani atayasikia na ni nani atasikia wakati ujao?
24 Eenyutu Yaaqoobin boojuuf, Israaʼelinis saamtotatti dabarsee kenne? Kan nu cubbuu itti hojjenne, Waaqayyo mitii? Isaan sababii karaa isaa duukaa hin buuneef, seera isaatiif hin ajajamne.
Ni nani aliyemtoa Yakobo kwa majambazi, na Israeli kwa wanyang'anyi? Je hakuwa Yahwe, dhidi ya wale waliotenda dhambi, waliokataa kutembea katika njia zako na wale waliokataa kusheshimu sheria yako.
25 Kanaafuu inni dheekkamsa isaa bobaʼaa sana, waraana hamaas isaanitti erge. Arraba ibiddaatiin isaan marse; isaan garuu hin hubanne; ibiddi sunis isaan gube; isaan garuu hin qalbeeffanne.
Hivyo basi humwaga asira yake kali nje dhidi yao, kwa uharibifu wa vita. Iliwaka kuwazunguka wao, hata hawakujua hilo, lakini hawakuyachukulia hayo moyoni mwao.

< Isaayyaas 42 >