< Isaayyaas 42 >

1 “Tajaajilaan koo inni ani utubee dhaabu, filatamaan koo kan ani itti gammadu isa kana; ani Hafuura koo isa irra nan kaaʼa; inni sabootaaf murtii qajeelaa ni kenna.
הן עבדי אתמך בו בחירי רצתה נפשי נתתי רוחי עליו משפט לגוים יוציא׃
2 Inni hin wacu yookaan hin iyyu; yookaan daandii irratti sagalee isaa hin dhageessisu.
לא יצעק ולא ישא ולא ישמיע בחוץ קולו׃
3 Shambaqqoo buruqe hin cabsu; foʼaa ibsaa kan seequs hin dhaamsu. Inni amanamummaadhaan murtii qajeelaa ni fida;
קנה רצוץ לא ישבור ופשתה כהה לא יכבנה לאמת יוציא משפט׃
4 hamma murtii qajeelaa lafa irratti fidutti, inni hin dadhabu; abdiis hin kutatu. Biyyoonni bishaan gidduu seera isaa ni abdatu.”
לא יכהה ולא ירוץ עד ישים בארץ משפט ולתורתו איים ייחילו׃
5 Waaqayyo Waaqni samiiwwan uumee diriirse, inni lafaa fi wantoota ishee keessa jiran hunda hojjete, inni saba isheetiif hafuura baafatan kennee warra ishee irra jiraataniifis jireenya kenne sun akkana jedha:
כה אמר האל יהוה בורא השמים ונוטיהם רקע הארץ וצאצאיה נתן נשמה לעם עליה ורוח להלכים בה׃
6 “Ani Waaqayyo qajeelummaadhaan si waameera; harka kees nan qaba. Ani si eegee sabootaaf kakuu, Namoota Ormaatiif immoo ifa sin taasisa;
אני יהוה קראתיך בצדק ואחזק בידך ואצרך ואתנך לברית עם לאור גוים׃
7 atis ija jaamotaa ni banta; mana hidhaatii boojiʼamtoota ni hiikta; warra dukkana keessa jiraatanis hidhaadhaa ni baafta.
לפקח עינים עורות להוציא ממסגר אסיר מבית כלא ישבי חשך׃
8 “Ani Waaqayyo; maqaan koos kanaa dha! Ani ulfina koo kan biraatiif, galata koos waaqota tolfamoof dabarsee hin kennu.
אני יהוה הוא שמי וכבודי לאחר לא אתן ותהלתי לפסילים׃
9 Kunoo wanni duraanii raawwatameera; anis waan haaraa nan dubbadha; utuu isaan hin biqilin, ani waaʼee isaanii sitti nan odeessa.”
הראשנות הנה באו וחדשות אני מגיד בטרם תצמחנה אשמיע אתכם׃
10 Isin warri galaana buutanii fi wantoonni achi keessa jiraattan hundi, biyyoonni bishaan gidduu fi warri achi keessa jiraattan hundi, faarfannaa haaraa Waaqayyoof faarfadhaa; handaara lafaatiis galata isaa faarfadhaa.
שירו ליהוה שיר חדש תהלתו מקצה הארץ יורדי הים ומלאו איים וישביהם׃
11 Gammoojjii fi magaalaawwan ishee sagalee isaanii ol haa fudhatan; gandoonni Qeedaar keessa jiraatan haa gammadan. Namoonni Seelaa gammachuudhaan haa faarfatan; fiixee tulluuwwanii irraa haa iyyan.
ישאו מדבר ועריו חצרים תשב קדר ירנו ישבי סלע מראש הרים יצוחו׃
12 Isaan Waaqayyoof ulfina haa kennan; biyyoota bishaan gidduu keessattis galata isaa haa labsan.
ישימו ליהוה כבוד ותהלתו באיים יגידו׃
13 Waaqayyo akka nama jabaa tokkootti ni duula; akka goota tokkoottis onnee isaa kakaasa; sagalee ol fudhatees ni dhaadata; diinota isaa irrattis ol aantummaa argata.
יהוה כגבור יצא כאיש מלחמות יעיר קנאה יריע אף יצריח על איביו יתגבר׃
14 “Ani yeroo dheeraaf calʼiseera; ani afaan qabadhee of dhowweera. Amma garuu akka dubartii ciniinsuun qabeetti nan iyya; nan argana; hafuurris na cita.
החשיתי מעולם אחריש אתאפק כיולדה אפעה אשם ואשאף יחד׃
15 Ani tulluuwwanii fi gaarran nan onsa; biqiltuuwwan isaanii hundas nan gogsa; ani lageen biyyoota bishaan gidduutti nan geeddara; haroowwanis nan gogsa.
אחריב הרים וגבעות וכל עשבם אוביש ושמתי נהרות לאיים ואגמים אוביש׃
16 Ani jaamota karaa isaan hin beekne irra nan qajeelcha; daandii duraan hin beekamin irra nan deemsisa; ani dukkana fuula isaanii dura jiru ifatti nan geeddara; lafa buʼaa bayiis wal nan qixxeessa. Wanni ani hojjedhu kanneenii dha; ani isaan hin dhiisu.
והולכתי עורים בדרך לא ידעו בנתיבות לא ידעו אדריכם אשים מחשך לפניהם לאור ומעקשים למישור אלה הדברים עשיתם ולא עזבתים׃
17 Warri waaqota tolfamoo amanatan, kanneen fakkiiwwaniin, ‘Isin waaqota keenya’ jedhan garuu duubatti deebiʼu; ni salphatus.
נסגו אחור יבשו בשת הבטחים בפסל האמרים למסכה אתם אלהינו׃
18 “Isin duudota nana, dhagaʼaa; jaamota nana, ilaalaa; argaas!
החרשים שמעו והעורים הביטו לראות׃
19 Tajaajilaa koo malee jaamaan eenyu? Duudaan akka ergamaa ani ergu sanaas eenyu? Jaamaan akka nama anaaf of kennee, jaamaan akka Garbicha Waaqayyoo eenyu?
מי עור כי אם עבדי וחרש כמלאכי אשלח מי עור כמשלם ועור כעבד יהוה׃
20 Ati waan baayʼee argite; garuu hin qalbeeffanne; gurri kee banaa dha; garuu ati waan tokko iyyuu hin dhageessu.”
ראית רבות ולא תשמר פקוח אזנים ולא ישמע׃
21 Waaʼee qajeelummaa isaatiif jedhee seera isaa guddisuu fi ulfina qabeessa gochuun Waaqayyoon gammachiiseera.
יהוה חפץ למען צדקו יגדיל תורה ויאדיר׃
22 Sabni kun garuu saba saamamee boojiʼamee dha; hundii isaanii boolla keessatti kiyyoodhaan qabamaniiru; mana hidhaa keessas dhokfamaniiru. Isaan fudhatamaniiru; kan isaan baraarus hin jiru; isaan boojiʼamaniiru; namni, “Isaan deebisaa” jedhus hin jiru.
והוא עם בזוז ושסוי הפח בחורים כלם ובבתי כלאים החבאו היו לבז ואין מציל משסה ואין אמר השב׃
23 Isin keessaa eenyutu waan kana dhaggeeffata? Bara dhufuuf jiru keessas eenyutu qalbeeffatee dhagaʼa?
מי בכם יאזין זאת יקשב וישמע לאחור׃
24 Eenyutu Yaaqoobin boojuuf, Israaʼelinis saamtotatti dabarsee kenne? Kan nu cubbuu itti hojjenne, Waaqayyo mitii? Isaan sababii karaa isaa duukaa hin buuneef, seera isaatiif hin ajajamne.
מי נתן למשוסה יעקב וישראל לבזזים הלוא יהוה זו חטאנו לו ולא אבו בדרכיו הלוך ולא שמעו בתורתו׃
25 Kanaafuu inni dheekkamsa isaa bobaʼaa sana, waraana hamaas isaanitti erge. Arraba ibiddaatiin isaan marse; isaan garuu hin hubanne; ibiddi sunis isaan gube; isaan garuu hin qalbeeffanne.
וישפך עליו חמה אפו ועזוז מלחמה ותלהטהו מסביב ולא ידע ותבער בו ולא ישים על לב׃

< Isaayyaas 42 >