< Isaayyaas 41 >
1 Waaqayyo akkana jedha; “Yaa biyyoota bishaan gidduu, fuula koo duratti calʼisaa! Saboonni jabina isaanii haa haaromfatan! Isaan fuula duratti baʼanii haa dubbatan; walii wajjin murtiidhaaf haa dhiʼaannu.
Keep silence, and hear me, ye distant lands. Ye nations, gather your strength! Let them come near; then let them speak; Let us go together into judgment.
2 “Kan baʼa biiftuutii nama tokko kakaasee qajeelummaadhaan tajaajila isaatiif isa waame eenyu? Inni saboota dabarsee harka isaatti kenna; moototas isa jalatti bulcha. Inni goraadee isaatiin daaraa, xiyya isaatiinis habaqii bubbeedhaan bittinnaaʼu isaan godha.
Who hath raised up from the region of the East Him whom victory meeteth in his march? Who hath subdued nations before him, And given him dominion over kings? Who made their swords like dust, And their bows like driven stubble?
3 Inni isaan ariʼee, daandii miilli isaa irra deemee hin beekne irra nagaan darba.
He pursued them, and passed in safety, By a path which his foot had never trodden.
4 Jalqabaa kaasee dhaloota waamee waan kana kan tolchee fi hojjete eenyu? Ani Waaqayyo isa duraa ti; isa dhumaatiifis ani isuma.”
Who hath wrought and done it? I, who have called the generations from the beginning, I, Jehovah, the first; And with the last also am I.
5 Biyyoonni bishaan gidduu arganii sodaatu; daariiwwan lafaa ni hollatu. Isaanis ni dhiʼaatu; gara fuula duraattis dhufu;
Distant nations saw it, and were afraid; The ends of the earth, and trembled; They drew near, and came together.
6 tokkoon tokkoon namaa wal gargaara; obboleessa isaatiinis, “Jabaadhu!” jedha.
One helped another, And said to him, “Be of good courage!”
7 Tumtuun sibiilaa tumtuu warqee ni jajjabeessa; inni burruusaan wal qixxeessus, isa gemmoo irratti sibiila tumu jajjabeessa. Waaʼee sibiila walitti baqsuu, “Wanni kun gaarii dha” jedha. Akka inni hin sochooneefis Waaqa tolfamaa sana mismaaraan walitti qabsiisa.
The carpenter encouraged the smith, He that smoothed with the hammer him that smote on the anvil, And said, “The soldering is good,” And he fastened it with nails that it might not fall.
8 “Ati garuu, yaa garbicha koo Israaʼel, yaa Yaaqoob kan ani filadhe, sanyii Abrahaam michuu kootii,
But thou, O Israel, my servant, Thou, Jacob, whom I have chosen, Offspring of Abraham, my friend!
9 ani handaara lafaatii si fudhadhe; golee fagoodhaan si waammadhe. Ani, ‘Ati garbicha koo ti’ siin jedhe; ani si filadheera; si hin gannes,
Thou, whom I have led by the hand from the ends of the earth, And called from the extremities thereof, And said to thee, “Thou art my servant, I have chosen thee, and not cast thee away!”
10 Kanaafuu ati hin sodaatin; ani si wajjin jiraatii; hin raafamin; ani Waaqa keetii. Ani sin jabeessa; sin gargaaras; ani harka koo mirgaa qajeelaa sanaan hirkisee ol sin qaba.
Fear not, for I am with thee; Faint not, for I, thy God, will strengthen thee; I will help thee, and sustain thee, with my right hand of salvation!
11 “Kunoo, warri sitti aaran hundi, ni qaanaʼu; ni salphatus; warri siin morman akka waan hin jirree taʼu; ni badus.
Behold, all who are enraged against thee Shall be ashamed and confounded; All that contend with thee Shall come to nothing and perish.
12 Ati diinota kee barbaadduu iyyuu, isaan hin argattu. Warri waraana sitti banan, guutumaan guutuutti akka waan hin jirree taʼan.
Thou shalt seek and not find Them that contend with thee; They shall come to nothing, and be no more, Who make war against thee.
13 Ani Waaqayyo Waaqni kee harka kee mirgaa nan qabaatii; inni, ‘Hin sodaatin; ani sin gargaaraa’ siin jedhus anuma.
For I, Jehovah, am thy God, that holdeth thee by the right hand, That saith to thee, “Fear not, I am thy helper!”
14 Yaa Yaaqoob raammoo nana, Yaa Israaʼel xinnoo nana hin sodaatin; ani mataan koo sin gargaaraatii” jedha Waaqayyo, Furaan kee, Qulqullichi Israaʼel sun.
Fear not, thou worm Jacob, thou feeble people of Israel! I am thy helper, saith Jehovah; Thy redeemer is the Holy One of Israel.
15 “Ani kunoo, meeshaa ittiin midhaan dhaʼan, meeshaa haaraa fi qaramaa kan ilkaan baayʼee qabu sin taasisa. Ati tulluuwwan dhooftee caccabsita; gaarran immoo akka habaqii goota.
Behold, I will make thee a thrashing-wain, sharp and new, With double edges; Thou shalt thrash the mountains, and beat them small, And make the hills as chaff.
16 Ati jara ni afarsita; qilleensis ol isaan fudhata; bubbeen jabaan isaan bittinneessa. Ati garuu Waaqayyotti ni gammadda; Qulqullicha Israaʼelinis ulfina argatta.
Thou shalt winnow them, and the wind shall carry them away, And the whirlwind shall scatter them. But thou shalt rejoice in Jehovah, And glory in the Holy One of Israel.
17 “Hiyyeeyyii fi rakkattoonni bishaan barbaadu; garuu homaa hin argatan; arrabni isaanii dheebuudhaan goggogeera. Ani Waaqayyo garuu deebii nan kennaaf; ani Waaqni Israaʼel jara hin gatu.
When the poor and needy seek water, and there is none, And their tongue is parched with thirst, I, Jehovah, will hear them; I, the God of Israel, will not forsake them.
18 Lafa ol kaʼaa qullaa irra lageen nan yaasa; sululoota keessa immoo burqaa nan burqisiisa. Gammoojjii haroo bishaaniitti, lafa goges burqaa bishaaniitti nan geeddara.
I will open rivers upon the bare hills, And fountains in the midst of the valleys; I will make the wilderness a pool of water, And the dry land springs of water.
19 Gammoojjii keessatti gaattiraa, laaftoo, kusaayee fi ejersa nan biqilcha. Lafa onaa keessatti immoo, Birbirsa, qararoo fi hadheessa wal faana nan dhaaba.
I will plant in the wilderness the cedar and the acacia, The myrtle and the olive-tree; I will place in the desert the cypress, The plane-tree and the larch together.
20 Kunis akka namoonni akka harki Waaqayyoo waan kana hojjete, akka Qulqullichi Israaʼel waan kana uume arganii beekaniif, akkasumas akka hundi isaanii waan kana qalbeeffatanii hubataniif.
That they may see, and know, And consider, and understand together, That the hand of Jehovah hath done this, And that the Holy One of Israel hath created it.
21 “Dhimma keessan dhiʼeeffadhaa” jedha Waaqayyo; “Ragaa keessan fidadhaa” jedha mootiin Yaaqoob.
Bring forward your cause, saith Jehovah; Produce your strong reasons, saith the king of Jacob.
22 “Akka isaan waan taʼuuf jiru nutti himaniif, waaqota keessan tolfamoo fidadhaa. Akka nu isaan hubannee waan isaan dhuma irratti taʼan beeknuuf, wantoonni bara dur maal akka turan nutti himaa. Yookaan wantoota dhufuuf jiran nutti odeessaa;
Let them produce them, and show us what shall happen! Tell us what ye have predicted in times past, That we may consider, and know its fulfilment! Or declare to us things that are to come!
23 akka nu akka isin waaqota taatan beeknuuf, waan fuul duratti taʼuuf jiru nutti himaa. Akka nu rifannee sodaan guutamnuuf, waan gaarii yookaan waan hamaa hojjedhaa.
Let us hear what shall happen in future times, That we may know whether ye are gods; Do something, be it good or evil, That we may be astonished, and see it together!
24 Kunoo isin wayittuu hin hedamtan; hojiin keessanis gonkumaa gatii hin qabu; kan isin filatu kam iyyuu jibbisiisaa dha.
Behold, ye are less than nothing, And your work is less than naught; An abomination is he that chooseth you!
25 “Ani nama tokko kaabaa nan kaase; innis dhufa; inni baʼa biiftuutii dhufus maqaa koo ni waammata. Inni akkuma suphee dhooftuun suphee dhidhiitu sana, bulchitoota akka dhoqqeetti dhidhiita.
I have raised up one from the north, and he cometh; From the rising of the sun he calleth upon my name; He trampleth upon princes as upon mortar; As the potter treadeth down the clay.
26 Akka nu beekuu dandeenyuuf eenyutu jalqabumaa kaasee waan kana dubbate? Yookaan akka nu, ‘Inni sirrii dha’ jechuu dandeenyuuf eenyutu duraan dursee waan kana dubbate? Eenyu iyyuu waan kana hin himne; namni tokko iyyuu duraan dursee hin himne; namni tokko iyyuu dubbii keessan hin dhageenye.
Who hath declared this from the beginning, that we might know it, And long ago, that we might say, It is true? There was not one that foretold it, not one that declared it, Not one that heard your words.
27 Namni jalqabatti, ‘Kunoo isaan as jiru!’ jedhee Xiyoonitti hime ana ture. Ani nama oduu gaarii himu tokko Yerusaalemiif kenneera.
I first said to Zion, Behold! behold them! And I gave to Jerusalem a messenger of glad tidings.
28 Ani nan ilaale; garuu homtuu hin turre; isaan keessaa namni gorsa kennu tokko iyyuu hin jiru; yommuu ani isaan gaafadhus namni deebii kennu tokko iyyuu hin jiru.
I looked, but there was no man; Even among them, but there was none that gave counsel; I inquired of them that they might give an answer;
29 Kunoo, hundi isaanii faayidaa hin qaban! Hojiin isaaniis gatii hin qabu; fakkiiwwan isaaniis qilleensuma duwwaa dha.
But behold, they are all vanity; Their works are nothing; Wind and emptiness are their molten images.