< Isaayyaas 40 >

1 Jajjabeessaa; saba koo jajjabeessaa; jedha Waaqni keessan.
נחמו נחמו עמי--יאמר אלהיכם
2 Garaa Yerusaalemitti dubbadhaa; hojiin garbummaa ishee akka dhume, gatiin cubbuu ishee akka baafameef, isheen cubbuu ishee hundaaf harka Waaqayyootii adabbii dachaa akka fudhatte isheetti labsaa.
דברו על לב ירושלם וקראו אליה--כי מלאה צבאה כי נרצה עונה כי לקחה מיד יהוה כפלים בכל חטאתיה
3 Sagalee akkana jedhee iyyu tokko: “Gammoojjii keessatti Waaqayyoof karaa qopheessaa; gammoojjii keessatti Waaqa keenyaaf karaa guddicha qajeelchaa.
קול קורא--במדבר פנו דרך יהוה ישרו בערבה מסלה לאלהינו
4 Sululli hundi ni guutama; tulluu fi gaarri hundinuus gad deebifama; lafti wal caalu, wal qixxeeffama; lafti buʼaa baʼiinis dirree taʼa.
כל גיא ינשא וכל הר וגבעה ישפלו והיה העקב למישור והרכסים לבקעה
5 Ulfinni Waaqayyoo ni mulʼata; sanyiin namaa hundinuus tokkummaadhaan ni arga. Afaan Waaqayyoo dubbateeraatii.”
ונגלה כבוד יהוה וראו כל בשר יחדו כי פי יהוה דבר
6 Sagaleen tokko “Iyyi” jedha. Anis, “Maal jedheen iyya?” nan jedhe. “Namni hundi akkuma margaa ti; ulfinni isaa hundis akkuma daraaraa dirree ti.
קול אמר קרא ואמר מה אקרא כל הבשר חציר וכל חסדו כציץ השדה
7 Sababii hafuurri Waaqayyo baafatu isaanitti bubbisuuf margi ni coollaga; daraaraanis ni harcaʼa. Dhugumaan namni marguma.
יבש חציר נבל ציץ כי רוח יהוה נשבה בו אכן חציר העם
8 Margi ni coollaga; daraaraanis ni harcaʼa; dubbiin Waaqa keenyaa garuu bara baraan ni jiraata.”
יבש חציר נבל ציץ ודבר אלהינו יקום לעולם
9 Ati kan Xiyooniif oduu gaarii fiddu, tulluu dheeraatti ol baʼi. Ati kan Yerusaalemiif oduu gaarii fiddu, sagalee kee ol fudhuutii iyyi; ol fudhadhuu iyyi; hin sodaatin; magaalaawwan Yihuudaatiinis, “Waaqni keessan kunoo ti!” jedhi.
על הר גבה עלי לך מבשרת ציון הרימי בכח קולך מבשרת ירושלם הרימי אל תיראי אמרי לערי יהודה הנה אלהיכם
10 Kunoo, Waaqayyo Gooftaan humnaan ni dhufa; irreen isaa jabaadhaanis ni bulcha. Kunoo, gatiin isaa isa wajjin jira; gatiin inni namaaf kennu isuma harka jira.
הנה אדני יהוה בחזק יבוא וזרעו משלה לו הנה שכרו אתו ופעלתו לפניו
11 Inni akkuma tiksee tokkootti bushaayee isaa tikfata; xobbaallaawwan hoolaas irree isaatiin walitti qaba; ofitti qabees qoma isaatti hammata; haadhota hoolotaa warra hoosisanis suutuma oofa.
כרעה עדרו ירעה בזרעו יקבץ טלאים ובחיקו ישא עלות ינהל
12 Bishaanota konyee isaatiin kan safare yookaan samiiwwan taakkuu isaatiin kan safare eenyu? Biyyoo lafaa safartuudhaan walitti kan qabe yookaan tulluuwwan madaaliidhaan gaarran immoo madaaliidhaan kan madaale eenyu?
מי מדד בשעלו מים ושמים בזרת תכן וכל בשלש עפר הארץ ושקל בפלס הרים וגבעות במאזנים
13 Eenyutu Hafuura Waaqayyoo qajeelchuu dandaʼe? Yookaan namni gorsaa isaa taʼee isa barsiise eenyu?
מי תכן את רוח יהוה ואיש עצתו יודיענו
14 Waaqayyo hubannaa argachuuf eenyun gorsa gaafate? Daandii qajeelaas eenyutu isa barsiise? Eenyutu beekumsa isaaf kennee yookaan daandii hubannaa isa argisiise?
את מי נועץ ויבינהו וילמדהו בארח משפט וילמדהו דעת ודרך תבונות יודיענו
15 Dhugumaan saboonni akkuma copha baaldii keessaa ti; isaan akkuma awwaara madaalii irra jiruutti ilaalamu; inni biyyoota bishaan gidduu illee akkuma biyyoo bullaaʼaatti madaala.
הן גוים כמר מדלי וכשחק מאזנים נחשבו הן איים כדק יטול
16 Libaanoon qoraan iddoo aarsaatiif gaʼu hin qabdu, yookaan horiin ishee aarsaa gubamuuf hin gaʼan.
ולבנון אין די בער וחיתו--אין די עולה
17 Fuula isaa duratti saboonni hundinuu wayittuu hin lakkaaʼaman; isaan akka ilaalcha isaatti homaattuu hin hedaman; gatiis hin qaban.
כל הגוים כאין נגדו מאפס ותהו נחשבו לו
18 Yoos Waaqa eenyutti fakkeessitu? Fakkii kam wajjin isa wal bira qabdu?
ואל מי תדמיון אל ומה דמות תערכו לו
19 Waaqa tolfamaa tumtuu sibiilaatu baqsee tolcha; tumtuun warqees warqee itti uffisa; foncaa meetiitiinis ni miidhagsa.
הפסל נסך חרש וצרף בזהב ירקענו ורתקות כסף צורף
20 Hiyyeessi aarsaa akkasii dhiʼeessuu hin dandeenye tokko muka hin tortorre filata. Waaqa tolfamaa hin jigne dhaabuufis nama ogummaa hojii harkaa qabu barbaaddata.
המסכן תרומה עץ לא ירקב יבחר חרש חכם יבקש לו להכין פסל לא ימוט
21 Isin hin beektanii? Isin hin dhageenyee? Wanni kun jalqabumaa kaasee isinitti hin himamnee? Isin erga lafti hundeeffamtee jalqabee hin hubannee?
הלוא תדעו הלוא תשמעו הלוא הגד מראש לכם הלוא הבינותם מוסדות הארץ
22 Inni geengoo lafaatii ol taaʼa; uummanni lafaas akkuma korophisaa ti. Inni samiiwwan akkuma golgaatti diriirsa; akka dunkaana keessa jiraataniittis isaan diriirsa.
הישב על חוג הארץ וישביה כחגבים הנוטה כדק שמים וימתחם כאהל לשבת
23 Inni ilmaan moototaa faayidaa dhabsiisa; bulchitoota addunyaas harka duwwaa hambisa.
הנותן רוזנים לאין שפטי ארץ כתהו עשה
24 Akkuma isaan dhaabamaniin, akkuma isaan facaafamaniin, akkuma isaan lafa keessatti hidda yaafataniin, inni isaanitti bubbise; isaanis ni coollagan; obombolettiinis akkuma habaqiitti isaan haxaaʼe.
אף בל נטעו אף בל זרעו--אף בל שרש בארץ גזעם וגם נשף בהם ויבשו וסערה כקש תשאם
25 “Isin eenyutti na fakkeessitu? Yookaan eenyutu anaan qixxaata?” jedha Qulqullichi.
ואל מי תדמיוני ואשוה--יאמר קדוש
26 Ija keessan ol fudhadhaatii samiiwwan ilaalaa: Eenyutu kanneen hunda uume? Isa tuuta urjiiwwanii tokko tokkoon fidee tokkoo tokkoo isaanii maqaa maqaadhaan waamu sanaa dha. Sababii humna isaa cimaa sanaatii fi jabina isaa guddaa sanaatiif isaan keessaa tokko iyyuu hin dhabamu.
שאו מרום עיניכם וראו מי ברא אלה המוציא במספר צבאם לכלם בשם יקרא מרב אונים ואמיץ כח איש לא נעדר
27 Yaa Yaaqoob, yaa Israaʼel, ati maaliif, “Karaan koo Waaqayyo duraa dhokateera; haajaan koos fuula Waaqa koo duratti tuffatameera” jettee guungumta?
למה תאמר יעקב ותדבר ישראל נסתרה דרכי מיהוה ומאלהי משפטי יעבור
28 Ati hin beektuu? Ati hin dhageenyee? Waaqayyo Waaqa bara baraa ti; inni Uumaa handaara lafaa ti. Inni hin dadhabu yookaan haara hin galfatu; hubannaa isaas kan qoree bira gaʼu hin jiru.
הלוא ידעת אם לא שמעת אלהי עולם יהוה בורא קצות הארץ--לא ייעף ולא ייגע אין חקר לתבונתו
29 Inni dadhabdootaaf jabina kenna; nama laafaaf immoo humna dabala.
נתן ליעף כח ולאין אונים עצמה ירבה
30 Ijoolleen iyyuu ni dadhabu; ni bututus; dargaggoonnis gufatanii kufu;
ויעפו נערים ויגעו ובחורים כשול יכשלו
31 Warri Waaqayyoon abdatan garuu humna isaanii ni haaromfatu. Isaan akkuma risaa qoochoodhaan barrisu; ni fiigu; hin dadhaban; ni deemu; hin bututan.
וקוי יהוה יחליפו כח יעלו אבר כנשרים ירוצו ולא ייגעו ילכו ולא ייעפו

< Isaayyaas 40 >