< Isaayyaas 4 >

1 Bara sana keessa dubartoonni torba nama tokkicha qabatanii, “Nu nyaatuma keenya nyaanna; uffata keenya uffanna; garuu maqaa keetiin haa waamamnu. Salphina keenya nurraa fageessi!” jedhuun.
And seven women shall take hold of one man, saying, We will eat our own bread, and wear our own raiment: only let your name be called upon us, [and] take away our reproach.
2 Bara sana keessa dameen Waaqayyoo bareedee ulfina qabaata; iji lafaas hambaa Israaʼeliif waan isaan ittiin boonanii fi ulfina taʼa.
And in that day God shall shine gloriously in counsel on the earth, to exalt and glorify the remnant of Israel.
3 Warri Xiyoon keessatti hafan, warri Yerusaalem keessatti hambifaman, warri namoota Yerusaalem keessa jiraatan keessatti galmeeffaman hundi qulqulloota jedhamanii ni waamamu.
And it shall be, [that] the remnant left in Sion, and the remnant left in Jerusalem, [even] all that are appointed to life in Jerusalem, shall be called holy.
4 Gooftaan xurii dubartoota Xiyoon irraa dhiqa; inni Yerusaalem irraa hafuura murtiitii fi hafuura ibiddaatiin dhiiga ni qulqulleessa.
For the Lord shall wash away the filth of the sons and daughters of Sion, and shall purge out the blood from the midst of them, with the spirit of judgment, and the spirit of burning.
5 Ergasiis Waaqayyo guutummaa Tulluu Xiyoonii fi warra achitti walitti qabaman hundaa irratti guyyaadhaan duumessa aaraa, halkaniin immoo ifa arraba ibiddaa ni uuma; ulfina sana hunda irra dunkaanatu jiraata.
And he shall come, and it shall be with regard to every place of mount Sion, yes, all the region round about it shall a cloud overshadow by day, and [there shall be] as it were the smoke and light of fire burning by night: and upon all the glory shall be a defence.
6 Innis hoʼa guyyaa irraa daʼoo fi gaaddisa, iddoo bubbee hamaa fi bokkaa jalaa itti baqatanii fi iddoo itti dhokatan taʼa.
And it shall be for a shadow from the heat, and as a shelter and a hiding place from inclemency [of weather] and from rain.

< Isaayyaas 4 >