< Isaayyaas 39 >

1 Yeroo sanatti Meroodak Baladaan ilmi Baladaan mootiin Baabilon sababii akka Hisqiyaas dhukkubsatee fayye dhagaʼeef xalayootaa fi kennaa ergeef.
Katika mda ule Merodaki mtoto wa Baladani, mfalme wa Babeli, alituma zawadi na barua kwa Hezekia; maana alisikia Hezekia alikuwa anaumwa na amepona.
2 Hisqiyaasis ergamoota sana gammachuudhaan simatee waan mankuusa isaa keessa ture meetii, warqee, urgooftuu, zayitii qulqulluu akkasumas kuusaa miʼa lolaa isaa guutuu fi waan mankuusa isaa keessatti argamu hunda isaanitti argisiise. Wanni Hisqiyaas masaraa mootummaa isaa keessaa yookaan mootummaa isaa hunda keessaa isaanitti hin argisiisin tokko iyyuu hin turre.
Hezekia alifurahishwa na hivi vitu; alimuonyesha mjumbe nyumba ya ghala la vitu vya thamani- vitu kama fedha, dhahabu, viungo, na mafuta ya thamani, ghala la kuwekea silaha zake, na vitu vyote vilivyopatikana kwenye stoo yake. Hapakuwa na kitu katika nyumba yake, wala ufalme wake wote, Hezekia hakuwaonyesha wao.
3 Kana irratti Isaayyaas raajichi gara Hisqiyaas mootichaa dhaqee, “Namoonni sun maal jedhan? Isaan eessaa dhufan?” jedhee gaafate. Hisqiyaasis, “Isaan Baabilonii biyya fagoodhaa na bira dhufan” jedhee deebise.
Basi Isaya nabii alikuja kwa mfalme Hezekia na kumuuliza, ''Je watu hawa wamekuambia nini? wametoka wapi?, ''Wamekuja kwangu kutoka mbali nchi ya Babeli.''
4 Raajichi, “Jarri masaraa mootummaa keetii keessatti maal argan?” jedhee gaafate. Hisqiyaas immoo, “Isaan waan masaraa mootummaa koo keessa jiru hunda argan; wanni ani mankuusa koo keessaa isaanitti hin argisiisin tokko iyyuu hin jiru” jedheen.
Isaya akamuuliza je ni vitu gani walivyoviona katika nyumba yako? Hezekia akajibu, ''Wameona kila kitu katika nyumba nyangu. Hakuna kitu miongoni mwa vitu vyangu vya thamani ambavyo sijawaonyesha.''
5 Isaayyaasis kana irratti Hisqiyaasiin akkana jedhe; “Dubbii Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu dhagaʼi:
Basi Isaya akamwambia Hezekia, ''Sikiliza neno la Yahwe wa majeshi:
6 Yeroon itti wanni masaraa mootummaa keetii keessa jiru hundii fi wanni abbootiin kee hamma harʼaatti kuusan hundinuu saamamee gara Baabilonitti geeffamu tokko dhugumaan ni dhufa. Wanni tokko iyyuu hin hafu, jedha Waaqayyo.
'Tazama siku inakaribia kuja pale kila kitu katika nyumba yako, vitu ambavyo mababu zako wamevihifadhi mbali mpaka mda huu wa sasa Vitapelekwa Babeli. Hakuna kitakachobakizwa, asema Yahwe.
7 Sanyii kee keessaa namoonni tokko tokko, foonii fi dhiigni kee kanneen siif dhalatan boojiʼamanii masaraa mootummaa mooticha Baabilon keessatti xuʼaashiiwwan taʼu.”
Na watoto watazaliwa kutoka kwako, ambao wewe mwenyewe utawazaa- watachukuliwa mbali, na watakuwa matoashi katika jumba la mfalme wa Babeli.''
8 Hisqiyaasis, “Dubbiin Waaqayyoo kan ati dubbatte kun gaarii dha” jedhee deebise. Inni, “Bara jireenya koo keessa nagaa fi tasgabbiin ni jiraata” jedhee yaadee tureetii.
Basi Hezekia akamwambia Isaya, ''Neno la Yahwe alilolizunumza ni zuri.'' Maana alifikiria, ''Patakuwa na amani na utulivu katika siku zangu.''

< Isaayyaas 39 >