< Isaayyaas 39 >

1 Yeroo sanatti Meroodak Baladaan ilmi Baladaan mootiin Baabilon sababii akka Hisqiyaas dhukkubsatee fayye dhagaʼeef xalayootaa fi kennaa ergeef.
At that time Merodach Baladan, the son of Baladan, king of Babylon, sent a letter and a present to Hezekiah, for he had heard that he had been sick and was recovered.
2 Hisqiyaasis ergamoota sana gammachuudhaan simatee waan mankuusa isaa keessa ture meetii, warqee, urgooftuu, zayitii qulqulluu akkasumas kuusaa miʼa lolaa isaa guutuu fi waan mankuusa isaa keessatti argamu hunda isaanitti argisiise. Wanni Hisqiyaas masaraa mootummaa isaa keessaa yookaan mootummaa isaa hunda keessaa isaanitti hin argisiisin tokko iyyuu hin turre.
And Hezekiah was delighted with them, and showed the embassy his treasure-house, the silver, and the gold, and the spices, and the precious oil, and his whole armory, and all that was found in his treasures. There was nothing in his house, nor in all his dominion, which Hezekiah did not show them.
3 Kana irratti Isaayyaas raajichi gara Hisqiyaas mootichaa dhaqee, “Namoonni sun maal jedhan? Isaan eessaa dhufan?” jedhee gaafate. Hisqiyaasis, “Isaan Baabilonii biyya fagoodhaa na bira dhufan” jedhee deebise.
Then came Isaiah the prophet to King Hezekiah, and said to him, What did these men say, and whence did they come to thee? And Hezekiah said, They came to me from a distant country, from Babylon.
4 Raajichi, “Jarri masaraa mootummaa keetii keessatti maal argan?” jedhee gaafate. Hisqiyaas immoo, “Isaan waan masaraa mootummaa koo keessa jiru hunda argan; wanni ani mankuusa koo keessaa isaanitti hin argisiisin tokko iyyuu hin jiru” jedheen.
Then said he, What have they seen in thy house? And Hezekiah answered: All that is in my house have they seen. There is nothing in my treasures which I have not shown them.
5 Isaayyaasis kana irratti Hisqiyaasiin akkana jedhe; “Dubbii Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu dhagaʼi:
Then said Isaiah to Hezekiah, hear the word of Jehovah of hosts,
6 Yeroon itti wanni masaraa mootummaa keetii keessa jiru hundii fi wanni abbootiin kee hamma harʼaatti kuusan hundinuu saamamee gara Baabilonitti geeffamu tokko dhugumaan ni dhufa. Wanni tokko iyyuu hin hafu, jedha Waaqayyo.
Behold, the days shall come, when all that is in thy house, and that thy fathers have treasured up to this day, shall be carried away to Babylon. Nothing shall be left, saith Jehovah.
7 Sanyii kee keessaa namoonni tokko tokko, foonii fi dhiigni kee kanneen siif dhalatan boojiʼamanii masaraa mootummaa mooticha Baabilon keessatti xuʼaashiiwwan taʼu.”
And of thy sons, which shall issue from thee, which thou shalt beget, shall they take away, and they shall he eunuchs in the palace of the king of Babylon.
8 Hisqiyaasis, “Dubbiin Waaqayyoo kan ati dubbatte kun gaarii dha” jedhee deebise. Inni, “Bara jireenya koo keessa nagaa fi tasgabbiin ni jiraata” jedhee yaadee tureetii.
Then said Hezekiah to Isaiah, Good is the word of Jehovah, which thou hast spoken. For, said he, there shall be peace and security in my days.

< Isaayyaas 39 >